< Baʼuu 18 >
1 Yetroo lubichi Midiyaaniitii fi abbaan niitii Musee sun waan Waaqni Musee fi saba isaa Israaʼeliif godhe hunda, akkasumas akka Waaqayyo itti Israaʼelin Gibxii baase dhagaʼe.
Jéthro, sacrificateur de Madian, beau-père de Moïse, apprit tout ce que Dieu avait fait pour Moïse et pour Israël, son peuple, comment Yahvé avait fait sortir Israël d'Égypte.
2 Erga Museen niitii isaa Ziphooraa ergee booddee Yetroo abbaan niitii Musee, ishee fi
Jéthro, beau-père de Moïse, reçut Zippora, la femme de Moïse, après qu'il l'eut renvoyée,
3 ilmaan ishee lamaan simate. Maqaan ilma isaa tokkoo Geershoom jedhame; Museen, “Ani biyya ormaa keessatti alagaa taʼeera” jedheeraatii.
et ses deux fils. Le nom de l'un des fils était Gershom, car Moïse avait dit: « J'ai vécu comme un étranger dans un pays étranger ».
4 Kaan immoo, “Waaqni abbaa kootii gargaaraa kooti; inni goraadee Faraʼoon jalaa na baaseera” jechuudhaan Eliiʼezer jedhee moggaase.
Le nom de l'autre était Eliezer, car il disait: « Le Dieu de mon père m'a secouru et m'a délivré de l'épée de Pharaon ».
5 Yetroon abbaan niitii Musees niitii Museetii fi ilmaan Musee wajjin gammoojjii keessatti gara tulluu Waaqaa iddoo Museen qubatee jirutti isa bira dhufe.
Jéthro, beau-père de Moïse, vint avec les fils de Moïse et sa femme auprès de Moïse dans le désert où il campait, à la montagne de Dieu.
6 Yetroonis, “Ani abbaan niitii keetii Yootoor niitii keetii fi ilmaan ishee lamaan wajjin gara kee dhufaa jira” jedhee dhaamsa itti ergee ture.
Il dit à Moïse: « Moi, Jéthro, ton beau-père, je suis venu vers toi avec ta femme, et ses deux fils avec elle. »
7 Museenis abbaa niitii isaa simachuuf gad baʼe; gad jedhees harka fuudhee isa dhungate. Isaanis nagaa wal gaafatanii dunkaana seenan.
Moïse sortit à la rencontre de son beau-père, se prosterna et l'embrassa. Ils s'informèrent mutuellement de leur bien-être, puis ils entrèrent dans la tente.
8 Museen waan Waaqayyo sababii saba Israaʼeliif jedhee Faraʼoonii fi warra Gibxi irratti hojjete, rakkina karaa irratti isaan mudate hundaa fi akka itti Waaqayyo isaan oolche abbaa niitii isaatti hime.
Moïse raconta à son beau-père tout ce que Yahvé avait fait à Pharaon et aux Égyptiens à cause d'Israël, toutes les épreuves qui les avaient frappés en chemin, et comment Yahvé les avait délivrés.
9 Yetroonis waan gaarii Waaqayyo harka warra Gibxi keessaa isaan baasuudhaan saba Israaʼeliif godhe hundaaf ni gammade.
Jéthro se réjouit de tout le bien que Yahvé avait fait à Israël, en le délivrant de la main des Égyptiens.
10 Innis akkana jedhe; “Waaqayyo harka warra Gibxii fi harka Faraʼoon keessaa isin baasee fi inni saba sana harka warra Gibxiitii baase sun haa eebbifamu.
Jéthro dit: « Béni soit Yahvé, qui vous a délivrés de la main des Égyptiens et de la main de Pharaon, qui a délivré le peuple de la main des Égyptiens.
11 Ani amma akka Waaqayyo waaqota kaan hunda caalaa guddaa taʼe nan beeka; inni warra of tuulummaadhaan Israaʼelin rakkisan irratti waan kana raawwateeraatii.”
Je sais maintenant que Yahvé est plus grand que tous les dieux, à cause de la manière dont ils ont traité le peuple avec arrogance. »
12 Yommus Yetroon abbaan niitii Musee sun aarsaa gubamuu fi aarsaa biraa Waaqaaf fide; Aroonis fuula Waaqaa duratti Musee fi abbaa niitii Musee wajjin buddeena nyaachuuf maanguddoota Israaʼel hunda wajjin dhufe.
Jéthro, le beau-père de Moïse, prit un holocauste et des sacrifices pour Dieu. Aaron vint avec tous les anciens d'Israël, pour manger le pain avec le beau-père de Moïse devant Dieu.
13 Guyyaa itti aanutti Museen sabaaf murtii kennuuf taaʼe; sabni sunis ganamaa hamma galgalaatti naannoo isaa dhaabate.
Le lendemain, Moïse s'assit pour juger le peuple, et le peuple se tint autour de Moïse du matin au soir.
14 Abbaan niitii isaas yommuu waan Museen sabaaf hojjetu hunda argetti, “Wanni ati sabaaf hojjettu kun maali? Ati maaliif kophaa kee teessee sabni kun immoo ganamaa hamma galgalaatti naannoo kee dhadhaabata?” jedhe.
Lorsque le beau-père de Moïse vit tout ce qu'il faisait au peuple, il dit: « Qu'est-ce que c'est que cette chose que tu fais pour le peuple? Pourquoi t'assieds-tu seul, alors que tout le peuple se tient autour de toi du matin au soir? ».
15 Museen immoo akkana jedhee deebiseef; “Sabni kun fedhii Waaqaa barbaacha gara koo dhufaatii.
Moïse dit à son beau-père: « Parce que le peuple vient à moi pour consulter Dieu.
16 Isaan yommuu falmii qabaatanitti dhimma isaanii natti dhiʼeeffatu; anis abbootii dhimmaa gidduutti murtii nan kenna; sirnaa fi seera Waaqaas isaanitti nan hima.”
Quand ils ont une affaire, ils viennent à moi, et je juge entre un homme et son prochain, et je leur fais connaître les statuts de Dieu et ses lois. »
17 Abbaan niitii Musee akkana jedhee deebise; “Wanni ati gootu kun gaarii miti.
Le beau-père de Moïse lui dit: « La chose que tu fais n'est pas bonne.
18 Atii fi sabni si bira dhufu kun akkasumaan of dadhabsiiftu. Hojiin kunis akka malee sitti ulfaata; ati kophaa kee hojjechuu hin dandeessu.
Tu vas certainement t'épuiser, toi et ce peuple qui est avec toi, car la chose est trop lourde pour toi. Tu n'es pas capable de l'accomplir tout seul.
19 Ani gorsa siif kennaatii amma na dhagaʼi; Waaqni si wajjin haa taʼu. Ati fuula Waaqaa duratti iddoo buʼaa sabaa taatee dhimma isaanii Waaqatti fiduu qabda.
Écoute maintenant ma voix. Je te donnerai un conseil, et que Dieu soit avec toi. Tu représentes le peuple devant Dieu, et tu portes les causes devant Dieu.
20 Sirnaa fi seera isaan barsiisi; akka isaan itti jiraachuu qabanii fi waan isaan hojjechuu qaban isaanitti argisiisi.
Tu leur enseigneras les statuts et les lois, tu leur montreras la voie dans laquelle ils doivent marcher et le travail qu'ils doivent faire.
21 Kana malees ati saba hunda keessaa namoota dandeetii qaban jechuunis, namoota Waaqa sodaatan, namoota amanamoo kanneen mattaʼaa jibban filadhuutii ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii godhii muudadhu.
Tu trouveras dans tout le peuple des hommes capables, qui craignent Dieu, des hommes de vérité, qui haïssent les gains injustes, et tu les placeras à leur tête, comme chefs de milliers, chefs de centaines, chefs de cinquantaines et chefs de dizaines.
22 Isaan yeroo hunda sabaaf murtii haa kennan; dubbii cimaa hunda garuu sitti haa fidan; dubbii laayyoo immoo ofumaan haa murteessan. Kun baʼaa kee siif salphisa; isaan si wajjin baʼaa ni baatuutii.
Qu'ils jugent le peuple en tout temps. Ils t'apporteront toute grande affaire, mais ils jugeront eux-mêmes toute petite affaire. Cela vous facilitera la tâche, et ils partageront le fardeau avec vous.
23 Yoo ati waan kana goote, yoo Waaqnis waanuma kana si ajaje ati jabaattee dhaabachuu dandeessa; sabni kun hundis nagaadhaan mana ofii isaatti gala.”
Si tu fais cela, et que Dieu te l'ordonne, tu pourras supporter, et tous ces gens-là aussi iront en paix à leur place. »
24 Museenis abbaa niitii isaa dhagaʼee waan inni jedhe hunda godhe.
Moïse écouta la voix de son beau-père et fit tout ce qu'il avait dit.
25 Innis Israaʼel hunda keessaa namoota dandeettii qaban filatee hooggantoota sabaa, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii isaan godhate.
Moïse choisit des hommes capables parmi tout Israël, et il les établit chefs du peuple, chefs de milliers, chefs de centaines, chefs de cinquièmes et chefs de dizaines.
26 Isaanis abbootii murtii taʼanii yeroo hunda saba sana tajaajilan; dubbii jabaa Museetti fidan; dubbii laayyoo taʼe hunda immoo ofumaan murteessan.
Ils jugeaient le peuple en tout temps. Ils apportaient à Moïse les affaires difficiles, mais ils jugeaient eux-mêmes toutes les petites affaires.
27 Ergasiis Museen abbaa niitii isaa geggeesse; Yootooris deebiʼee biyya isaatti gale.
Moïse laissa partir son beau-père, qui s'en alla dans son pays.