< Baʼuu 17 >

1 Waldaan ijoollee Israaʼel hundi akkuma Waaqayyo ajajetti Gammoojjii Siiniitii kaʼanii iddoo tokko irraa gara iddoo biraatti darbaa dhaqanii Refiidiim qubatan. Garuu sabni sun bishaan dhugaatii hin arganne.
Igitur profecta omnis multitudo filiorum Israel de deserto Sin per mansiones suas, iuxta sermonem Domini, castrametati sunt in Raphidim, ubi non erat aqua ad bibendum populo.
2 Kanaafuu isaan, “Bishaan dhugnu nuu kenni” jedhanii Musee lolan. Museen immoo deebisee, “Isin maaliif na loltu? Waaqayyos maaliif qortu?” jedheen.
Qui iurgatus contra Moysen, ait: Da nobis aquam, ut bibamus. Quibus respondit Moyses: Quid iurgamini contra me? cur tentatis Dominum?
3 Jarris bishaan dheebotanii Museetti guunguman; akkanas jedhan; “Ati maaliif akka nu, ijoolleen keenyaa fi horiin keenya dheebuun dhumnuuf biyya Gibxiitii nu baafte?”
Sitivit ergo ibi populus præ aquæ penuria, et murmuravit contra Moysen, dicens: Cur fecisti nos exire de Ægypto, ut occideres nos, et liberos nostros, ac iumenta siti?
4 Kana irratti Museen gara Waaqayyootti iyyee, “Ani saba kana maal godha? Isaan dhagaan na tumuuf xinnumatu hafe” jedhe.
Clamavit autem Moyses ad Dominum, dicens: Quid faciam populo huic? adhuc paululum, et lapidabit me.
5 Waaqayyo immoo akkana jedhee Museef deebii kenne; “Saba kana dura darbii deemi. Maanguddoota Israaʼel keessaa tokko tokko of faana fudhadhuutii ulee ittiin laga Abbayyaa dhoofte sana harkatti qabadhuu deemi.
Et ait Dominus ad Moysen: Antecede populum, et sume tecum de senioribus Israel: et virgam qua percussisti fluvium, tolle in manu tua, et vade.
6 Kunoo ani kattaa Kooreeb sana bira fuula kee dura achi nan dhaabadha; akka namoonni bishaan dhuganiif ati kattaa sana dhaʼi; bishaanis isa keessaa ni baʼa.” Kanaafuu Museen fuula maanguddoota Israaʼel duratti akkasuma godhe.
En ego stabo ibi coram te, supra petram Horeb: percutiesque petram, et exibit ex ea aqua, ut bibat populus. Fecit Moyses ita coram senioribus Israel:
7 Sababii Israaʼeloonni lola kaasanii fi sababii isaan, “Waaqayyo nu wajjin jira moo hin jiru?” jechuudhaan Waaqayyoon qoraniif Museen iddoo sana Maasaahii fi Mariibaa jedhee moggaase.
et vocavit nomen loci illius, Tentatio, propter iurgium filiorum Israel, et quia tentaverunt Dominum, dicentes: Est ne Dominus in nobis, an non?
8 Amaaleqoonni dhufanii Refiidiimitti Israaʼeloota lolan.
Venit autem Amalec, et pugnabat contra Israel in Raphidim.
9 Museenis Iyyaasuudhaan, “Namoota keenya keessaa muraasa filadhuutii dhaqii Amaaleqoota loli. Ani bor ulee Waaqaa harka kootti qabadhee fiixee gaara irra nan dhaabadha” jedhe.
Dixitque Moyses ad Iosue: Elige viros: et egressus, pugna contra Amalec: cras ego stabo in vertice collis, habens virgam Dei in manu mea.
10 Yeroo Museen, Aroonii fi Huuri fiixee gaaratti ol baʼanitti, Iyyaasuun akkuma Museen ajajetti Amaaleqoota lola ture.
Fecit Iosue ut locutus erat Moyses, et pugnavit contra Amalec: Moyses autem et Aaron, et Hur ascenderunt super verticem collis.
11 Yeroo Museen harka isaa ol qabatutti Israaʼeloonni ni moʼatu turan; yeroo inni harka isaa gad buufatu immoo Amaaleqoonni ni moʼatu turan.
Cumque levaret Moyses manus, vincebat Israel: sin autem paululum remisisset, superabat Amalec.
12 Isaanis yeroo harki Musee dadhabaa deemetti dhagaa tokko fuudhanii isa jala kaaʼan; innis irra taaʼe. Aroonii fi Huuri inni tokko garanaan inni kaan immoo garasiin goranii akka harki isaa hamma aduun dhiitutti gad hin deebineef ol qabaniif.
Manus autem Moysi erant graves: sumentes igitur lapidem, posuerunt subter eum, in quo sedit: Aaron autem et Hur sustentabant manus eius ex utraque parte. Et factum est ut manus illius non lassarentur usque ad occasum solis.
13 Akkasiin Iyyaasuun loltoota Amaaleqootaa goraadeedhaan moʼate.
Fugavitque Iosue Amalec, et populum eius in ore gladii.
14 Ergasii Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Akka wanni kun yaadatamuuf kitaabatti barreessi; Iyyaasuun waan kana dhagaʼuu isaa mirkaneessi; ani guutumaan guutuutti yaadannoo Amaaleqootaa samii jalaa nan balleessaatii.”
Dixit autem Dominus ad Moysen: Scribe hoc ob monimentum in libro, et trade auribus Iosue: delebo enim memoriam Amalec sub cælo.
15 Museenis iddoo aarsaa ijaaree, “Waaqayyo Faajjii koo ti” jedhee moggaase.
Ædificavitque Moyses altare: et vocavit nomen eius, Dominus exaltatio mea, dicens:
16 Innis, “Harki gara teessoo Waaqayyootti ol kaafameera. Waaqayyos dhaloota tokkoo gara dhaloota kaaniitti Amaaleqoota ni lola” jedhe.
Quia manus solii Domini, et bellum Domini erit contra Amalec, a generatione in generationem.

< Baʼuu 17 >