< Baʼuu 16 >

1 Waldaan Israaʼel hundi biyya Gibxiitii baʼanii jiʼa lammafaatti, jiʼa sana keessaas guyyaa kudha shanaffaatti Eeliimii kaʼanii gara gammoojjii Siin isa Eelimii fi Siinaa gidduu jiru sanaa dhaqan.
Dukan taron Isra’ila suka tashi daga Elim suka zo hamadar Sin, wadda take tsakanin Elim da Sinai, a rana ta goma sha biyar ga wata biyu, bayan sun fito daga Masar.
2 Gammoojjii keessattis hawaasni sun guutuun Musee fi Aroonitti guunguman.
A hamadan, dukan taro suka yi gunaguni a kan Musa da Haruna.
3 Israaʼeloonnis akkana isaaniin jedhan; “Nu biyya Gibxitti yeroo okkotee foonii bira teenyee hamma quufnutti buddeena nyaachaa turre sana harka Waaqayyootti utuu duuneerra taʼee! Isin garuu akka waldaan kun guutuun beelaʼee dhumu gochuuf achii nu baaftanii gammoojjii kanatti nu fiddaniirtu.”
Isra’ilawa suka ce musu, “Da ma a hannun Ubangiji ne muka mutu a Masar, inda muka zauna kewaye da tukwanen nama, muna cin duk abincin da muke so, amma kun kawo mu cikin wannan hamada don ku kashe dukan wannan taro da yunwa.”
4 Waaqayyo immoo Museedhaan akkana jedhe; “Kunoo, ani samii irraa buddeena gad isinii nan roobsa. Sabni sunis guyyuma guyyaan gad baʼee waan guyyaa tokkoof isa gaʼu walitti haa qabatu. Anis karaa kanaan isaan qoree seera koo eeguu fi eeguu baachuu isaanii nan ilaala.
Sai Ubangiji ya ce wa Musa, “Zan zubo muku burodi kamar ruwa daga sama. Mutanen za su fita kowace rana su tattara abin da zai ishe su na ranan. Ta haka zan gwada su in ga ko za su bi umarnaina.
5 Isaanis guyyaa jaʼaffaatti waan walitti qabatan sana haa qopheeffatan; wanni kunis waan isaan guyyaa biraa walitti qabatanitti harka lama haa taʼu.”
A rana ta shida za su shirya abin da suka kwaso, wannan kuwa zai zama ninki biyu na abin da sukan tattara na sauran ranaku.”
6 Musee fi Aroon Israaʼeloota hundaan akkana jedhan; “Kan biyya Gibxiitii isin baase Waaqayyo akka taʼe galgala kana ni beektu.
Saboda haka Musa da Haruna suka ce wa dukan Isra’ila, “Da yamma za ku sani Ubangiji ne ya fitar da ku daga Masar.
7 Ganama immoo ulfina Waaqayyoo argitu; inni akka isin isatti guungumtan dhagaʼeeraatii. Nu eenyu taanaan isin nutti guungumtu?”
Da safe za ku ga ɗaukakar Ubangiji, saboda ya ji gunaguninku a kansa. Wane mu, da za ku yi gunaguni a kanmu?”
8 Museenis akkana jedhe; “Yeroo inni akka isin nyaattaniif galgala foon, ganama immoo buddeena isin barbaaddan hunda isinii kennutti isin akka inni Waaqayyo taʼe ni beektu; inni guungummii isin isatti guungumtan dhagaʼeeraatii. Nu eenyuu dha? Isin Waaqayyotti guungumaa jirtu malee nutti hin guungumne.”
Musa ya kuma ce, “Za ku san cewa shi ne Ubangiji, sa’ad da ya ba ku nama ku ci da yamma, da kuma duk burodin da kuke so da safe, saboda ya ji gunagunin da kuka yi a kansa. Namu a wane? Ai, gunaguninku ba a kanmu ba, amma a kan Ubangiji ne.”
9 Yommus Museen, “Waldaa Israaʼel hundaan, ‘Sababii inni akka isin guungumtan dhagaʼeef isin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaadhaa’ jedhi” jedhee Aroonitti hime.
Sai Musa ya ce wa Haruna, “Ka faɗa wa dukan taron Isra’ila, ‘Ku zo gaban Ubangiji, gama ya ji gunaguninku.’”
10 Yeroo Aroon guutummaa waldaa saba Israaʼelitti dubbachaa turetti isaan gara gammoojjii ilaalaa turan; kunoo, ulfinni Waaqayyoo duumessa keessaan mulʼate.
Yayinda Haruna yake magana da dukan taron Isra’ila, sai suka duba wajen hamada, sai ga ɗaukakar Ubangiji tana bayyana a girgije.
11 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
Ubangiji ya ce wa Musa,
12 “Ani guungummii saba Israaʼel dhagaʼeera. Ati immoo, ‘Isin yeroo lafti dimimmisooftutti foon nyaattu; ganama immoo buddeena nyaattanii quuftu. Isinis yeroo sana akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe ni beektu’ jedhii isaanitti himi.”
“Na ji gunagunin Isra’ilawa. Ka faɗa musu, ‘A tsakanin fāɗuwar rana da almuru, za ku ci nama, da safe kuma za ku ƙoshi da burodi. Sa’an nan za ku sani ni ne Ubangiji Allahnku.’”
13 Galgaluma sana dimbiriqqeen dhuftee iddoo qubannaa sana guutte; guyyaa itti aanu ganama immoo fixeensi naannoo qubannaa sanaa ture.
Da yamman wannan rana, sai makware suka rufe dukan sansani, da safe kuma sai ga raɓa ta kewaye sansani.
14 Yommuu fixeensi buʼettis, kunoo wantoonni haphiin akka qorraa lafa irraa addaatan dirree gammoojjii irra bubbuʼan.
Lokacin da raɓar ta watse, sai ga wani abu kamar tsaki, falle-falle kuma da laushi, fari, kamar hazo, a ƙasa.
15 Israaʼeloonnis yommuu waan kana arganitti, “Wanni kun maali?” waliin jedhan. Isaan wanni sun maal akka taʼe hin beekne tureetii. Museenis akkana isaaniin jedhe; “Wanni kun buddeena akka isin nyaattaniif Waaqayyo isiniif kennee dha.
Sa’ad da Isra’ilawa suka ga wannan, sai suka ce wa junansu, “Mene ne wannan?” Gama ba su san ko mene ne ba. Musa ya ce musu, “Wannan shi ne burodin da Ubangiji ya ba ku ku ci.
16 Waaqayyo akkana jedhee ajajeera: ‘Tokkoon tokkoon namaa hamma barbaadu walitti haa qabatu. Akkuma baayʼina nama dunkaana keessan keessaatti tokkoo tokkoo namaatiif gomoorii tokko fudhadhaa.’”
Wannan shi ne abin da Ubangiji ya umarta, ‘Kowane mutum zai tattara bisa ga bukatarsa. Ku tara rabin gallon don mutum guda da yake cikin tentinku.’”
17 Israaʼeloonni akkuma isaanitti himame godhan; garri tokko baayʼee, warri kaan immoo xinnoo walitti qabatan.
Isra’ilawa suka yi kamar yadda aka faɗa musu, waɗansu suka tattara da yawa, waɗansu kuma kaɗan.
18 Yommuu isaan gomooriidhaan safaranitti isa baayʼee walitti qabate irraa hin hafne; isa xinnoo walitti qabatettis hin hirʼanne. Tokkoon tokkoon namaa hammuma barbaadu walitti qabate.
Da suka gwada a mudu, wanda ya tattara da yawa bai sami mafi yawa ba, wanda kuma ya tattara kaɗan bai sami ƙanƙani ba. Kowane mutum ya tattara daidai bukatarsa.
19 Museenis, “Namni tokko iyyuu waan walitti qabate keessaa tokko illee ganamaaf hin bulfatin” jedheen.
Sa’an nan Musa ya ce musu, “Kada wani yă bar saura har safe.”
20 Taʼus isaan keessaa namoonni tokko tokko Musee hin dhageenye; waan walitti qabatan keessaas gartokko ganamaaf bulfatan; innis raammaʼee ajaaʼe. Kanaafuu Museen isaanitti aare.
Duk da haka waɗansu ba su kula da umarnin Musa ba, suka bar saura har safe, kashegari kuwa ta yi tsutsotsi, ta ruɓe, sai Musa ya yi fushi da su.
21 Tokkoon tokkoon namaa ganama ganama hammuma barbaadu walitti qabate; innis yommuu aduun hoʼitetti baqee bade.
Kowace safiya, kowanne mutum yakan tattara daidai bukatarsa, lokacin da rana ta yi zafi, sai ta narke.
22 Guyyaa jaʼaffaatti jarri harka lama jechuunis mata mataatti gomoorii lama walitti qabatan; hooggantoonni waldichaa hundis dhaqanii Museetti himan.
A rana ta shida, suka tattara ninki biyu, mudu biyu ga mutum guda, sai shugabannin taron suka zo suka kawo ƙara wurin Musa.
23 Innis akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedhee ajaje: ‘Bor guyyaa sanbata boqonnaa taʼa; innis sanbata Waaqayyoof qulqullaaʼee dha. Waan tolfachuu barbaaddan tolfadhaa; waan affeelachuu barbaaddanis affeeladhaa. Waan irraa hafu hunda immoo hamma ganamaatti turfadhaa.’”
Shi kuma ya ce musu, “Wannan shi ne umarnin Ubangiji, ‘Gobe za tă zama ranar hutu, Asabbaci mai tsarki ga Ubangiji. Domin haka sai ku toya abin da kuke so ku toya, ku kuma dafa abin da kuke so ku dafa. Abin da ya rage ku ajiye har safe.’”
24 Jarris akkuma Museen isaan ajajetti hamma ganamaatti turfatan; nyaanni sunis hin ajoofne yookaan hin raammofne.
Sai suka bar saura har safe, kamar yadda Musa ya umarta, bai kuwa yi wari ko yă yi tsutsa ba.
25 Museenis akkana jedhe; “Waan guyyaan harʼaa sanbata Waaqayyoo taʼeef nyaata kana harʼa nyaadhaa; isin harʼa dirree irratti isa hin argattan.
Musa ya ce, “Ku ci shi yau, saboda yau Asabbaci ne na Ubangiji. Ba za ku same shi a ƙasa a yau ba.
26 Isinis nyaata sana guyyaa jaʼa walitti qabadhaa; guyyaa torbaffaatti jechuunis guyyaa Sanbataatiin garuu tokko iyyuu hin argamu.”
Kwana shida za ku tattara shi, amma a rana ta bakwai, Asabbaci, ba za a same shi ba.”
27 Jara sana keessaa namoonni tokko tokko immoo guyyaa torbaffaatti walitti qabachuuf gad baʼan; garuu homaa hin arganne.
Duk da haka waɗansu mutane suka fita a ranar Asabbaci don su tattara, amma ba su sami kome ba.
28 Kana irratti Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Isin hamma yoomiitti ajaja koo fi qajeelfama koo eeguu diddu?
Sai Ubangiji ya ce wa Musa, “Har yaushe za ku ƙi bin dokokina da umarnaina?
29 Waaqayyo Sanbata akka isinii kenne hubadhaa. Sababiin inni guyyaa jaʼaffaatti buddeena guyyaa lamaaf taʼu isinii kennuufis kanuma. Namni hundinuu guyyaa torbaffaatti idduma jiru haa turu. Namni tokko iyyuu gad hin baʼin.”
Ku lura fa, ai, Ubangiji ne ya ba ku Asabbaci; shi ya sa a kan ba ku burodi na kwana biyu, a rana ta shida. Kowa ya kamata yă kasance inda yake a rana ta bakwai; kada kowa yă fita.”
30 Sabni sunis guyyaa torbaffaatti ni boqote.
Sai mutanen suka huta a rana ta bakwai.
31 Sabni Israaʼel buddeena sana “mannaa” jedhee moggaase. Mannaan kunis sanyii dinbilaalaa fakkaata; adiidhas; miʼaan isaas akka bixxillee dammaan tolfamee ti.
Mutanen Isra’ila suka kira burodin Manna. Manna yana nan fari kamar farin riɗi, ɗanɗanonsa kuma yana kama da masa da aka yi da zuma.
32 Museen akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedhee ajaje: ‘Akka inni dhaloota dhufuuf turfamuuf Mannaa gomoorii tokko fuudhaa; kunis akka isaan buddeena ani yeroo biyya Gibxi keessaa isin baasetti akka isin gammoojjii keessatti nyaattaniif isinii kenne sana arganiif.’”
Musa ya ce, “Wannan shi ne abin da Ubangiji ya umarta, ‘Ku auna mudu guda na Manna, a adana ta dukan zamananku, domin kowane zamani yă ga irin abincin da na ba ku ku ci a hamada, yayinda na fitar da ku daga Masar.’”
33 Museen Arooniin, “Okkotee tokko fuudhiitii mannaa gomoorii tokko itti naqi; akka mannaan kun dhaloota dhufuuf turfamuuf fuula Waaqayyoo dura kaaʼi” jedhe.
Saboda haka Musa ya ce wa Haruna, “Ka ɗauki tulu, ka sa mudu guda na Manna a ciki. Sa’an nan ka sa shi a gaban Ubangiji, don a adana don tsararraki masu zuwa.”
34 Aroonis akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti akka mannaan sun turfamuuf fuula Dhugaa Baʼuu dura kaaʼe.
Sai Haruna ya ajiye Mannar a gaban Akwatin Alkawari, don a adana ta kamar yadda Ubangiji ya umarci Musa.
35 Sabni Israaʼel hamma biyya keessa qubatamu sana gaʼanitti waggaa afurtama mannaa nyaatan; isaanis hamma daarii biyya Kanaʼaan gaʼanitti mannaa nyaatan.
Isra’ilawa suka yi shekaru arba’in suna cin Manna, har sai da suka shiga cikin ƙasar da take da mutane, suka ci Manna har zuwa kan iyakar ƙasar Kan’ana.
36 Gomooriin tokko harka kurnaffaa iifii tokkoo ti.
(Omer guda, daidai ne da kashi ɗaya bisa goma na Efa.)

< Baʼuu 16 >