< Baʼuu 16 >
1 Waldaan Israaʼel hundi biyya Gibxiitii baʼanii jiʼa lammafaatti, jiʼa sana keessaas guyyaa kudha shanaffaatti Eeliimii kaʼanii gara gammoojjii Siin isa Eelimii fi Siinaa gidduu jiru sanaa dhaqan.
The people journeyed on from Elim, and all the community of Israelites came to the wilderness of Sin, which is between Elim and Sinai, on the fifteenth day of the second month after their departure from the land of Egypt.
2 Gammoojjii keessattis hawaasni sun guutuun Musee fi Aroonitti guunguman.
The whole community of Israelites complained against Moses and Aaron in the wilderness.
3 Israaʼeloonnis akkana isaaniin jedhan; “Nu biyya Gibxitti yeroo okkotee foonii bira teenyee hamma quufnutti buddeena nyaachaa turre sana harka Waaqayyootti utuu duuneerra taʼee! Isin garuu akka waldaan kun guutuun beelaʼee dhumu gochuuf achii nu baaftanii gammoojjii kanatti nu fiddaniirtu.”
The Israelites said to them, “If only we had died by Yahweh's hand in the land of Egypt when we were sitting by the pots of meat and were eating bread to the full. For you have brought us out into this wilderness to kill our whole community with hunger.”
4 Waaqayyo immoo Museedhaan akkana jedhe; “Kunoo, ani samii irraa buddeena gad isinii nan roobsa. Sabni sunis guyyuma guyyaan gad baʼee waan guyyaa tokkoof isa gaʼu walitti haa qabatu. Anis karaa kanaan isaan qoree seera koo eeguu fi eeguu baachuu isaanii nan ilaala.
Then Yahweh said to Moses, “I will rain down bread from heaven for you. The people will go out and gather a day's portion every day so that I may test them to see whether or not they will walk in my law.
5 Isaanis guyyaa jaʼaffaatti waan walitti qabatan sana haa qopheeffatan; wanni kunis waan isaan guyyaa biraa walitti qabatanitti harka lama haa taʼu.”
It will come about on the sixth day, that they will gather twice as much as what they gathered every day before, and they will cook what they bring in.”
6 Musee fi Aroon Israaʼeloota hundaan akkana jedhan; “Kan biyya Gibxiitii isin baase Waaqayyo akka taʼe galgala kana ni beektu.
Then Moses and Aaron said to all the people of Israel, “In the evening you will know that it is Yahweh who has brought you out from the land of Egypt.
7 Ganama immoo ulfina Waaqayyoo argitu; inni akka isin isatti guungumtan dhagaʼeeraatii. Nu eenyu taanaan isin nutti guungumtu?”
In the morning you will see Yahweh's glory, for he hears your complaining against him. Who are we for you to complain against us?”
8 Museenis akkana jedhe; “Yeroo inni akka isin nyaattaniif galgala foon, ganama immoo buddeena isin barbaaddan hunda isinii kennutti isin akka inni Waaqayyo taʼe ni beektu; inni guungummii isin isatti guungumtan dhagaʼeeraatii. Nu eenyuu dha? Isin Waaqayyotti guungumaa jirtu malee nutti hin guungumne.”
Moses also said, “You will know this when Yahweh gives you meat in the evening and bread in the morning to the full—for he has heard the complaints that you speak against him. Who are Aaron and I? Your complaints are not against us; they are against Yahweh.”
9 Yommus Museen, “Waldaa Israaʼel hundaan, ‘Sababii inni akka isin guungumtan dhagaʼeef isin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaadhaa’ jedhi” jedhee Aroonitti hime.
Moses said to Aaron, “Say to all the community of the people of Israel, 'Come near before Yahweh, for he has heard your complaints.'”
10 Yeroo Aroon guutummaa waldaa saba Israaʼelitti dubbachaa turetti isaan gara gammoojjii ilaalaa turan; kunoo, ulfinni Waaqayyoo duumessa keessaan mulʼate.
It came about, as Aaron spoke to the whole community of the people of Israel, that they looked toward the wilderness, and, behold, Yahweh's glory appeared in the cloud.
11 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
Then Yahweh spoke to Moses, saying,
12 “Ani guungummii saba Israaʼel dhagaʼeera. Ati immoo, ‘Isin yeroo lafti dimimmisooftutti foon nyaattu; ganama immoo buddeena nyaattanii quuftu. Isinis yeroo sana akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe ni beektu’ jedhii isaanitti himi.”
“I have heard the complaints of the people of Israel. Speak to them and say, 'In the evening you will eat meat, and in the morning you will be filled with bread. Then you will know that I am Yahweh your God.'”
13 Galgaluma sana dimbiriqqeen dhuftee iddoo qubannaa sana guutte; guyyaa itti aanu ganama immoo fixeensi naannoo qubannaa sanaa ture.
It came about in the evening that quails came up and covered the camp. In the morning the dew lay round about the camp.
14 Yommuu fixeensi buʼettis, kunoo wantoonni haphiin akka qorraa lafa irraa addaatan dirree gammoojjii irra bubbuʼan.
When the dew was gone, there on the surface of the wilderness were thin flakes like frost on the ground.
15 Israaʼeloonnis yommuu waan kana arganitti, “Wanni kun maali?” waliin jedhan. Isaan wanni sun maal akka taʼe hin beekne tureetii. Museenis akkana isaaniin jedhe; “Wanni kun buddeena akka isin nyaattaniif Waaqayyo isiniif kennee dha.
When the people of Israel saw it, they said one to another, “What is it?” They did not know what it was. Moses said to them, “It is the bread that Yahweh has given you to eat.
16 Waaqayyo akkana jedhee ajajeera: ‘Tokkoon tokkoon namaa hamma barbaadu walitti haa qabatu. Akkuma baayʼina nama dunkaana keessan keessaatti tokkoo tokkoo namaatiif gomoorii tokko fudhadhaa.’”
This is the command that Yahweh has given: 'You must gather, each one of you, the amount you need to eat, an omer for each person of the number of your people. This is how you will gather it: Gather enough to eat for every person who lives in your tent.'”
17 Israaʼeloonni akkuma isaanitti himame godhan; garri tokko baayʼee, warri kaan immoo xinnoo walitti qabatan.
The people of Israel did so. Some gathered more, some gathered less.
18 Yommuu isaan gomooriidhaan safaranitti isa baayʼee walitti qabate irraa hin hafne; isa xinnoo walitti qabatettis hin hirʼanne. Tokkoon tokkoon namaa hammuma barbaadu walitti qabate.
When they measured it with an omer measure, those who had gathered much had nothing left over, and those who had gathered little had no lack. Each person gathered enough to meet their need.
19 Museenis, “Namni tokko iyyuu waan walitti qabate keessaa tokko illee ganamaaf hin bulfatin” jedheen.
Then Moses said to them, “No one must leave any of it until morning.”
20 Taʼus isaan keessaa namoonni tokko tokko Musee hin dhageenye; waan walitti qabatan keessaas gartokko ganamaaf bulfatan; innis raammaʼee ajaaʼe. Kanaafuu Museen isaanitti aare.
However, they did not listen to Moses. Some of them left some of it until morning, but it bred worms and became foul. Then Moses became angry with them.
21 Tokkoon tokkoon namaa ganama ganama hammuma barbaadu walitti qabate; innis yommuu aduun hoʼitetti baqee bade.
They gathered it morning by morning. Each person gathered enough to eat for that day. When the sun became hot, it melted.
22 Guyyaa jaʼaffaatti jarri harka lama jechuunis mata mataatti gomoorii lama walitti qabatan; hooggantoonni waldichaa hundis dhaqanii Museetti himan.
It came about that on the sixth day they gathered twice as much bread, two omers for each person. All the leaders of the community came and told this to Moses.
23 Innis akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedhee ajaje: ‘Bor guyyaa sanbata boqonnaa taʼa; innis sanbata Waaqayyoof qulqullaaʼee dha. Waan tolfachuu barbaaddan tolfadhaa; waan affeelachuu barbaaddanis affeeladhaa. Waan irraa hafu hunda immoo hamma ganamaatti turfadhaa.’”
He said to them, “This is what Yahweh has said: 'Tomorrow is a solemn rest, a holy Sabbath in Yahweh's honor. Bake what you want to bake, and boil what you want to boil. All that remains over, set it aside for yourselves until morning.'”
24 Jarris akkuma Museen isaan ajajetti hamma ganamaatti turfatan; nyaanni sunis hin ajoofne yookaan hin raammofne.
So they set it aside until morning, as Moses had instructed. It did not become foul, nor was there any worm in it.
25 Museenis akkana jedhe; “Waan guyyaan harʼaa sanbata Waaqayyoo taʼeef nyaata kana harʼa nyaadhaa; isin harʼa dirree irratti isa hin argattan.
Moses said, “Eat that food today, for today is a day reserved as a Sabbath to honor Yahweh. Today you will not find it in the fields.
26 Isinis nyaata sana guyyaa jaʼa walitti qabadhaa; guyyaa torbaffaatti jechuunis guyyaa Sanbataatiin garuu tokko iyyuu hin argamu.”
You will gather it during six days, but the seventh day is the Sabbath. On the Sabbath there will be no manna.”
27 Jara sana keessaa namoonni tokko tokko immoo guyyaa torbaffaatti walitti qabachuuf gad baʼan; garuu homaa hin arganne.
It came about on the seventh day that some of the people went out to gather manna, but they found none.
28 Kana irratti Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Isin hamma yoomiitti ajaja koo fi qajeelfama koo eeguu diddu?
Then Yahweh said to Moses, “How long will you refuse to keep my commandments and my laws?
29 Waaqayyo Sanbata akka isinii kenne hubadhaa. Sababiin inni guyyaa jaʼaffaatti buddeena guyyaa lamaaf taʼu isinii kennuufis kanuma. Namni hundinuu guyyaa torbaffaatti idduma jiru haa turu. Namni tokko iyyuu gad hin baʼin.”
See, Yahweh has given you the Sabbath. So on the sixth day he is giving you bread for two days. Each of you must stay in his own place; no one must go out from his place on the seventh day.”
30 Sabni sunis guyyaa torbaffaatti ni boqote.
So the people rested on the seventh day.
31 Sabni Israaʼel buddeena sana “mannaa” jedhee moggaase. Mannaan kunis sanyii dinbilaalaa fakkaata; adiidhas; miʼaan isaas akka bixxillee dammaan tolfamee ti.
The people of Israel called that food “manna.” It was white like coriander seed, and its taste was like wafers made with honey.
32 Museen akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedhee ajaje: ‘Akka inni dhaloota dhufuuf turfamuuf Mannaa gomoorii tokko fuudhaa; kunis akka isaan buddeena ani yeroo biyya Gibxi keessaa isin baasetti akka isin gammoojjii keessatti nyaattaniif isinii kenne sana arganiif.’”
Moses said, “This is what Yahweh has commanded: 'Let an omer of manna be kept throughout your people's generations so that your descendants might see the bread with which I fed you in the wilderness, after I brought you out from the land of Egypt.'”
33 Museen Arooniin, “Okkotee tokko fuudhiitii mannaa gomoorii tokko itti naqi; akka mannaan kun dhaloota dhufuuf turfamuuf fuula Waaqayyoo dura kaaʼi” jedhe.
Moses said to Aaron, “Take a pot and put an omer of manna into it. Preserve it before Yahweh to be kept throughout the people's generations.”
34 Aroonis akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti akka mannaan sun turfamuuf fuula Dhugaa Baʼuu dura kaaʼe.
As Yahweh commanded Moses, Aaron stored it beside the covenant decrees in the ark.
35 Sabni Israaʼel hamma biyya keessa qubatamu sana gaʼanitti waggaa afurtama mannaa nyaatan; isaanis hamma daarii biyya Kanaʼaan gaʼanitti mannaa nyaatan.
The people of Israel ate manna forty years until they came to inhabited land. They ate it until they came to the borders of the land of Canaan.
36 Gomooriin tokko harka kurnaffaa iifii tokkoo ti.
Now an omer is a tenth of an ephah.