< Baʼuu 15 >
1 Yommus Musee fi Israaʼeloonni Faarfannaa kana Waaqayyoof faarfatan: “Ani Waaqayyoof nan faarfadha; inni ol ol jedheeraatii. Inni fardaa fi namicha farda yaabbate galaanatti gad darbateera.
Then Moses and the Israelites sang this song to the Lord: “I will sing to the Lord, for he is supreme! He has thrown the horses and their riders into the sea.
2 “Waaqayyo jabina kootii fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera. Inni Waaqa koo ti; anis isa nan jajadha; inni Waaqa abbaa kootii ti; anis isa ol ol nan qaba.
The Lord gives me strength. He is the theme of my song. He saves me. He is my God, and I will praise him. He is my father's God, and I will honor him.
3 Waaqayyo goota waraanaa ti; maqaan isaa Waaqayyo.
The Lord is like a warrior. His name is the Lord.
4 Inni gaariiwwan Faraʼoonii fi loltoota isaa galaanatti gad darbateera. Qondaaltota Faraʼoon keessaa filatamtoonni, Galaana Diimaa keessa dhidhimaniiru.
He threw Pharaoh's chariots and his army into the sea. Pharaoh's best officers were drowned in the Red Sea.
5 Tuujubni isaan irra gara gale; isaanis akkuma dhagaa tuujubatti gad dhidhiman.
The flooding water covered them. They dropped down into the depths like a stone.
6 Yaa Waaqayyo, harki kee mirgaa humnaan ulfina qabeessa. Yaa Waaqayyo, harki kee mirgaa diina ni hurreessa.
Your power, Lord, is truly amazing! Your power, Lord, crushed the enemy.
7 “Ati guddina ulfina keetiitiin warra siin morman gad darbatte. Aarii kee bobaʼaa ni ergite; innis akkuma habaqiitti gubee isaan fixe.
By your majestic power you destroyed those who opposed you. Your anger blazed out and burned them up like stubble.
8 Hafuura funyaan keetiitiin bishaanonni tuulaman. Bishaan yaaʼu akkuma keenyaniitti ol dhaabate; tuujuboonnis walakkaa galaanaatti ititan.
You blew and the sea piled up. The waves stood straight like a wall. The depths of the ocean turned solid.
9 Diinni, ‘Ani faana buʼee isaan qaqqaba. Boojuu nan qoodadha; ani isaan irratti fedhii koo nan guutadha. Goraadee koo nan luqqifadha; harki koo isaan barbadeessa’ jedhee nan dhaadate.
The enemy bragged, ‘I will chase them and catch up with them. I will divide the plunder. I will eat them alive. I will swing my sword. By my hand I will destroy them.’
10 Ati garuu bubbee kee itti bubbifte; galaanni immoo isaan irra gara gale. Isaanis akkuma sibiilaa bishaanota jajjaboodhaan liqimfaman.
But you blew with your breath and the sea swept over them. They sank down like lead in the swirling waters.
11 Yaa Waaqayyo, waaqota keessaa eenyutu si fakkaata? Qulqullinaan simboo qabeessi, ulfinaan sodaachisaan, hojii dinqii hojjechuuttis kan akka keetii eenyu?
Who is like you among the gods, Lord? Who is like you, glorious in holiness, awesome in wonder, doing miracles?
12 “Ati harka kee mirgaa diriirfannaan, lafti isaan liqimsite.
You acted, and the earth swallowed the Egyptians.
13 Ati saba furte sana, jaalala kee hin geeddaramneen geggeessita. Jabina keetiinis gara iddoo jireenya keetii qulqulluutti isaan qajeelchita.
You led the people you saved with your trustworthy love. You will guide them in your strength to your holy home.
14 Saboonni dhagaʼanii hollatu; muddamsuunis saba Filisxeem qabate.
The nations will hear what has happened and will shake with fear. The people who live in Philistia will experience agonizing distress.
15 Hangafoonni Edoom ni rifatu; bulchitoota Moʼaabis naasuutu qabata; warri Kanaʼaanis bishaanuma taʼu;
The Edomite chiefs will be terrified. The Moabite leaders will tremble. The people living in Canaan will melt away in panic.
16 sodaa fi abdii kutachuun isaan irra buʼa. Yaa Waaqayyo, hamma sabni kee darbutti, hamma sabni ati bitatte sun darbutti jabina harka keetiitiin isaan akkuma dhagaa calʼisu.
Terror and fright will fall on them. Lord, because of your great power, they will be as still as stone until your people pass by, until the people you bought pass by.
17 Yaa Waaqayyo, ati gara tulluu dhaala keetiitti, gara lafa iddoo jireenya keetii godhachuuf tolfatteetti, yaa Gooftaa ati gara iddoo qulqulluu harki kee hundeesseetti ol galchitee isaan dhaabda.
You will take your people and plant them on the mountain that you own, the place that you, Lord, have prepared as your home, the sanctuary that your hands have built, Lord.
18 “Waaqayyo, bara baraa hamma bara baraatti moʼa.”
The Lord will reign forever and ever!”
19 Yommuu fardeen, gaariiwwanii fi abbootiin fardaa kan Faraʼoon galaana seenanitti Waaqayyo bishaanota isaan irra garagalche; Israaʼeloonni garuu lafa gogaa irra deemanii galaana keessa darban.
When Pharaoh's horses, chariots, and horsemen went into the sea, the Lord brought the water rushing back over them. But the Israelites walked through the sea on dry ground.
20 Miiriyaam obboleettiin Aroon raajittiin sun dibbee harkatti qabattee kaate; dubartoonni hundinuus dibbee isaanii fudhatanii sirbaa ishee faana buʼan.
Miriam the prophet, Aaron's sister, picked up a tambourine, and all the women followed her dancing and playing tambourines.
21 Miiriyaamis akkana jettee isaaniif faarfatte: “Waaqayyo faarfadhaa; inni ulfinaan moʼateeraatii. Inni fardaa fi namicha farda yaabbate galaanatti gad darbateera.”
Miriam sang to them: “Sing to the Lord, for he is supreme! He has thrown the horses and their riders into the sea.”
22 Museenis saba Israaʼel Galaana Diimaa biraa fuudhee qajeelche; isaanis Gammoojjii Shuuri seenan. Israaʼeloonnis utuu bishaan hin argatin guyyaa sadii gammoojjii keessa deeman.
Then Moses led Israel away from the Red Sea and into the Desert of Shur. For three days they walked in the desert but couldn't find any water.
23 Isaanis yommuu Maaraa gaʼanitti bishaan isaa dhuguu hin dandeenye; bishaan sun hadhaaʼaa tureetii. Wanni iddoon sun Maaraa jedhameefis kanuma.
When they arrived at Marah, the water there was too bitter to drink. (That's why the place is called Marah.)
24 Jarri sunis, “Nu maal haa dhugnuu?” jedhanii Museetti guunguman.
So the people complained to Moses, asking, “What are we going to drink?”
25 Yommus Museen Waaqayyotti iyyinaan, Waaqayyo muka tokko isa argisiise. Innis muka sana bishaanitti gad darbate; bishaan sunis ni miʼaawe. Waaqayyos iddoo sanatti sirnaa fi seera isaaniif baase; achittis isaan qore.
Moses called out to the Lord for help, and the Lord showed him a piece of wood. When he threw it into the water, it became sweet. There the Lord gave them rules and instructions and also tested their loyalty to him.
26 Innis akkana jedhe; “Ati yoo sagalee Waaqayyo Waaqa keetii garaa tokkoon dhageesse, yoo waan fuula isaa duratti qajeelaa taʼe hojjette, yoo ajaja isaa qalbeeffattee fi yoo seera isaa hunda eegde, ani dhukkuba warra Gibxitti fide sana keessaa tokko iyyuu sitti hin fidu; ani Waaqayyo si fayyisuudhaatii.”
He told them, “If you pay attention to what the Lord your God says, do what is right in his sight, obey his commands, and keep all his regulations, then I will not make you suffer from any of the diseases I gave the Egyptians because I am the Lord who heals you.”
27 Isaanis gara Eelim iddoo burqaan kudha lamaa fi mukkeen meexxii torbaatamni turan dhufanii achi bishaan bira qubatan.
Then they traveled on to Elim, which had twelve springs of water and seventy palm trees. They set up camp there beside the water.