< Baʼuu 14 >

1 Ergasii Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Sa’an nan Ubangiji ya ce wa Musa,
2 “Akka isaan of irra garagalanii Phii Hahiiroti bira, Migdoolii fi galaana gidduu qubatan Israaʼelootatti himi. Isaan fuullee Baʼaal Zefoon, galaana cina qubachuu qabu.
“Ka faɗa wa Isra’ilawa, su juya su kafa sansani a Fi Hahirot, a tsakanin Migdol da teku. Za su kafa sansanin kai tsaye kusa da teku, wanda ya fuskanci Ba’al-Zafon.
3 Faraʼoonis, ‘Israaʼeloonni burjaajaʼanii biyya keessa jooraa jiru; gammoojjiin isaan marseera’ jedhee yaade.
Fir’auna zai yi tsammani, ‘Aha, Isra’ilawa sun rikice cikin ƙasar, hamada kuwa ta yimƙe su.’
4 Anis garaa Faraʼoon nan jabeessa; inni faana dhaʼee isaan duukaa buʼa. Anis karaa Faraʼooniitii fi karaa loltoota isaa hundaatiin ofii kootiif ulfina nan argadha; warri Gibxi akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.” Israaʼeloonnis akkasuma godhan.
Zan kuma taurare zuciyar Fir’auna, zai kuwa bi su. Na shirya wannan domin in nuna ɗaukakata a bisa Fir’auna da ƙungiyar sojansa. Bayan wannan, mutanen Masar za su sani ni ne Ubangiji.” Sai Isra’ilawa suka yi haka.
5 Mootiin Gibxi akka sabni sun baqatee baʼe yommuu itti himametti Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa yaada waaʼee saba sanaa qaban geeddarratanii, “Akka sabni Israaʼel nu tajaajiluu dhiisee deemuuf gad dhiisuun keenya maal gochuu keenya?” jedhan.
Sa’ad da aka faɗa wa Fir’auna cewa Isra’ilawa sun gudu, sai Fir’auna da bayinsa suka canja ra’ayinsu game da su, suka ce, “Me muka yi? Mun bar Isra’ilawa suka tafi, mun kuwa rasa hidimarsu!”
6 Innis gaarii isaa qopheeffatee, loltoota isaas fudhatee kaʼe.
Sai shi da keken yaƙinsa suka shirya, ya kuma ɗauki sojojinsa tare da shi.
7 Gaariiwwan filatamoo dhibba jaʼa, gaariiwwan Gibxi biraa hunda kanneen ajajjuuwwan isaan hunda irra jiran fudhatee kaʼe.
Ya ɗauki kekunan yaƙi ɗari shida mafi kyau duka, tare da duk sauran keken yaƙin Masar, da shugabanni kuma a kan dukansu.
8 Waaqayyos Faraʼoon mooticha Gibxi mata jabeessa godhe; Faraʼoonis Israaʼeloota warra sodaa malee baʼaa turan sana duukaa buʼee ariʼe.
Ubangiji ya taurare zuciyar Fir’auna sarkin Masar, domin yă bi Isra’ilawa waɗanda suke tafiya ba tsoro.
9 Warri Gibxis fardeenii fi gaariiwwan Faraʼoon hundi, abbootiin fardaatii fi loltoonni lafoon Israaʼeloota duukaa buʼanii isaanii Phii Hahiiroti bira fuullee Baʼaal Zefoon qarqara galaanaa qubatanii jiran qaqqaban.
Masarawa, dukan dawakan Fir’auna da kekunan yaƙi da mahaya da sojoji, suka bi Isra’ilawa suka cin musu yayinda suke a sansani kusa da teku kurkusa da Fi Hahirot, wanda ya fuskanci Ba’al-Zafon.
10 Yeroo Faraʼoon itti dhiʼaatettis Israaʼeloonni ol ilaalanii kunoo warri Gibxi dugda duubaan isaan faana dhufan argan. Isaanis sodaatanii Waaqayyotti iyyatan.
Da Fir’auna ya yi kusa, Isra’ilawa suka ɗaga idanu sai suka hange Masarawa daga nesa suna tā da ƙura suna zuwa. Sai suka tsorata ƙwarai, suka kuwa yi kuka ga Ubangiji.
11 Isaanis Museedhaan akkana jedhan; “Ati waan iddoon awwaalaa Gibxi hin jirreef akka nu gammoojjii keessatti dhumnuuf as nu fiddee? Ati Gibxi nu baasuun kee maal nu gochuu kee ti?
Suka ce wa Musa, “Don babu makabarta a Masar ne, ka kawo mu a hamada mu mutu? Me ka yi mana ke nan da ka fitar da mu daga Masar?
12 Nu Gibxi keessatti, ‘Akka warra Gibxi tajaajilluuf nu dhiisi’ siin hin jennee? Gammoojjii keessatti dhumuu irra warra Gibxi tajaajiluu nuu wayya ture!”
Ba mu faɗa maka a Masar ba, cewa ‘Ka bar mu mu bauta wa Masarawa’? Ai, da ya fi mana mu bauta wa Masarawa, da a ce mu mutu a hamada!”
13 Museen akkana jedhee saba sanaaf deebise; “Hin sodaatinaa; jabaadhaa dhaabadhaa! Fayyisuu Waaqayyoo kan inni harʼa isinii godhu ilaalaa! Warra Gibxi kan harʼa argitan kana lammata deebitanii hin argitan.
Musa ya amsa wa mutane ya ce, “Kada ku ji tsoro. Ku tsaya dai ku ga ceton da Ubangiji zai kawo muku yau. Masarawan da kuke gani yau, ba za ku ƙara ganinsu ba.
14 Waaqayyo isiniif lola; isin gab jedhaa.”
Ubangiji zai yi yaƙi dominku, ku dai tsaya kurum.”
15 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Ati maaliif natti iyyita? Akka isaan adeemsa isaanii itti fufaniif Israaʼelootatti himi.
Sa’an nan Ubangiji ya ce wa Musa, “Don me kake mini kuka? Ka faɗa wa Isra’ilawa su ci gaba da tafiya.
16 Ulee kee ol fuudhiitii harka kee galaana irra diriirfadhu; akka Israaʼeloonni lafa gogaa irra galaana gidduu darbaniif bishaan gargari qoodi.
Ka ɗaga sandanka, ka miƙa shi bisa teku don ruwa yă rabu domin Isra’ilawa su wuce cikin teku a kan busasshiyar ƙasa.
17 Ani immoo akka isaan dugda isaanii duubaan seenaniif garaa warra Gibxi nan jabeessa. Anis Faraʼoonii fi loltoota isaa hunda irratti, gaariiwwan isaatii fi abbootii fardaa isaa irratti ulfina nan argadha.
Zan taurare zukatan Masarawa su shiga don su bi su. Ta haka zan ci nasara bisa Fir’auna da rundunansa, da keken yaƙinsa, da mahayan dawakansa.
18 Yeroo ani Faraʼoon irratti, gaariiwwan isaatii fi abbootii fardaa isaa irratti ulfina argadhutti warri Gibxi akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
Masarawa za su sani ni ne Ubangiji sa’ad da na sami nasara bisa kan Fir’auna, da keken yaƙinsa, da mahayan dawakansa.”
19 Yommus ergamaan Waaqayyoo kan saba Israaʼel dura deemaa ture sun kaʼee gara dugda isaanii duubaatti darbe. Utubaan duumessaa sunis fuula isaanii duraa kaʼee isaan duuba dhaabate;
Sai mala’ikan Allah wanda yake tafiya a gaban sojojin Isra’ila, ya janye, ya koma bayansu. Al’amudin girgije shi ma ya koma, ya tsaya a bayansu,
20 utubaan sunis loltoota Gibxii fi loltoota Israaʼel gidduu seene. Duumessi sun halkan sana gama tokkotti dukkana, gama kaanitti immoo ifa fide; kanaafuu halkan sana guutuu garee lamaan keessaa tokko illee garee kaanitti hin dhiʼaanne.
ya dawo tsakanin sojojin Masar da na Isra’ila. Duk dare, girgijen ya jawo duhu ga gefe ɗaya, haske kuma ga ɗaya gefen; saboda haka ba wanda ya kusaci wani duk dare.
21 Museenis harka isaa galaana irra diriirfate; Waaqayyos halkan sana guutuu bubbee baʼa biiftuu jabaadhaan galaanicha gara duubaatti deebisee galaanicha lafa gogaa godhe. Bishaan sunis gargari qoodame;
Da Musa ya miƙa hannunsa a bisa teku, sai Ubangiji ya tura teku baya da iskar gabas mai ƙarfi duk dare, ya maishe shi busasshiyar ƙasa. Ruwa ya rabu,
22 Israaʼeloonnis galaanicha gidduu lafa gogaa irra darban; bishaanichis karaa mirgaa isaaniitii fi karaa bitaa isaanii keenyan taʼeef.
sai Isra’ilawa suka wuce cikin teku a kan busasshiyar ƙasa, ruwan ya zama musu katanga dama da hagu.
23 Warri Gibxi isaan duukaa buʼanii fardeen Faraʼoon, gaariiwwan isaatii fi abbootiin fardaa isaa galaana seenan.
Masarawa suka bi su da dukan dawakan Fir’auna, da kekunan yaƙi, da mahayan, suka bi su cikin teku.
24 Yommuu lafti bariʼetti Waaqayyo utubaa ibiddaatii fi duumessaa keessaa loltoota Gibxi sana gad ilaalee gara itti goran isaan wallaalchise.
Da asubahin fāri, sai Ubangiji ya dubi ƙasa a kan sojojin Masarawa daga al’amudin wuta da kuma girgije, sai ya sa suka ruɗe.
25 Akka isaan rakkinaan oofaniifis gommaa gaariiwwan isaanii irraa baase. Warri Gibxis, “Waan Waaqayyo gama Israaʼelootaa dhaabatee warra Gibxi lolaa jiruuf kottaa isaan duraa baqannaa” jedhan.
Ya sa ƙafafun keken yaƙinsu suka fita don su kāsa tuƙi. Sai Masarawa suka ce, “Bari mu gudu daga Isra’ilawa gama Ubangiji yana yaƙi dominsu gāba da Masar.”
26 Waaqayyos Museedhaan, “Akka bishaanonni warra Gibxi irra, gaariiwwanii fi abbootii fardaa isaanii irra garagalaniif harka kee galaana irratti diriirsi” jedhe.
Sa’an nan Ubangiji ya ce wa Musa, “Miƙa hannunka bisa teku don ruwa yă koma kan Masarawa, da keken yaƙinsu, da kuma mahayansu.”
27 Museenis harka isaa galaanicha irratti diriirse; yeroo lafti bariʼettis galaanni sun iddoo isaatti deebiʼe. Warri Gibxis bishaan sana jalaa baqatan; Waaqayyos haxaaʼee galaanatti isaan naqe.
Musa ya miƙa hannunsa a bisa tekun, da wayewar gari kuwa teku ya koma wurinsa na dā. Masarawa suka yi ƙoƙari su gudu, sai Ubangiji ya tura su cikin teku.
28 Bishaan sun iddoo isaatti deebiʼee gaariiwwanii fi abbootii fardaa jechuunis loltoota Faraʼoon kanneen Israaʼeloota duukaa buʼanii galaana seenan sana hunda liqimse. Isaan keessaas namni tokko iyyuu hin hafne.
Ruwan ya komo ya rufe keken yaƙin da mahayan, dukan sojojin Fir’aunan da suka bi bayan Isra’ilawa cikin teku, ba ko ɗaya da ya tsira.
29 Israaʼeloonni garuu bishaanichi karaa mirga isaaniitii fi karaa bitaa isaaniitiin keenyan taʼeefii galaanicha keessa lafa gogaa irra darban.
Amma Isra’ilawa suka wuce cikin teku a busasshiyar ƙasa, ruwa kuwa ya yi musu katanga dama da hagu.
30 Gaafas Waaqayyo harka warra Gibxi jalaa Israaʼeloota baase; warri Israaʼelis reeffa warra Gibxi qarqara galaanaatti argan.
A rana nan Ubangiji ya cece Isra’ila daga hannuwan Masarawa, Isra’ilawa kuwa suka ga gawawwakin Masarawa a bakin teku.
31 Israaʼeloonnis yommuu humna guddaa kan Waaqayyo warra Gibxi irratti mulʼise sana arganitti, Waaqayyoon sodaatan; isaanis Waaqayyoo fi tajaajilaa isaa Musee amanan.
Sa’ad da Isra’ilawa suka ga iko mai girma da Ubangiji ya yi gāba da Masarawa, sai mutanen suka ji tsoron Ubangiji, suka amince da shi, da kuma bawansa Musa.

< Baʼuu 14 >