< Baʼuu 14 >

1 Ergasii Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Then the LORD said to Moses,
2 “Akka isaan of irra garagalanii Phii Hahiiroti bira, Migdoolii fi galaana gidduu qubatan Israaʼelootatti himi. Isaan fuullee Baʼaal Zefoon, galaana cina qubachuu qabu.
“Tell the Israelites to turn back and encamp before Pi-hahiroth, between Migdol and the sea. You are to encamp by the sea, directly opposite Baal-zephon.
3 Faraʼoonis, ‘Israaʼeloonni burjaajaʼanii biyya keessa jooraa jiru; gammoojjiin isaan marseera’ jedhee yaade.
For Pharaoh will say of the Israelites, ‘They are wandering the land in confusion; the wilderness has boxed them in.’
4 Anis garaa Faraʼoon nan jabeessa; inni faana dhaʼee isaan duukaa buʼa. Anis karaa Faraʼooniitii fi karaa loltoota isaa hundaatiin ofii kootiif ulfina nan argadha; warri Gibxi akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.” Israaʼeloonnis akkasuma godhan.
And I will harden Pharaoh’s heart so that he will pursue them. But I will gain honor by means of Pharaoh and all his army, and the Egyptians will know that I am the LORD.” So this is what the Israelites did.
5 Mootiin Gibxi akka sabni sun baqatee baʼe yommuu itti himametti Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa yaada waaʼee saba sanaa qaban geeddarratanii, “Akka sabni Israaʼel nu tajaajiluu dhiisee deemuuf gad dhiisuun keenya maal gochuu keenya?” jedhan.
When the king of Egypt was told that the people had fled, Pharaoh and his officials changed their minds about them and said, “What have we done? We have released Israel from serving us.”
6 Innis gaarii isaa qopheeffatee, loltoota isaas fudhatee kaʼe.
So Pharaoh prepared his chariot and took his army with him.
7 Gaariiwwan filatamoo dhibba jaʼa, gaariiwwan Gibxi biraa hunda kanneen ajajjuuwwan isaan hunda irra jiran fudhatee kaʼe.
He took 600 of the best chariots, and all the other chariots of Egypt, with officers over all of them.
8 Waaqayyos Faraʼoon mooticha Gibxi mata jabeessa godhe; Faraʼoonis Israaʼeloota warra sodaa malee baʼaa turan sana duukaa buʼee ariʼe.
And the LORD hardened the heart of Pharaoh king of Egypt so that he pursued the Israelites, who were marching out defiantly.
9 Warri Gibxis fardeenii fi gaariiwwan Faraʼoon hundi, abbootiin fardaatii fi loltoonni lafoon Israaʼeloota duukaa buʼanii isaanii Phii Hahiiroti bira fuullee Baʼaal Zefoon qarqara galaanaa qubatanii jiran qaqqaban.
The Egyptians—all Pharaoh’s horses and chariots, horsemen and troops—pursued the Israelites and overtook them as they camped by the sea near Pi-hahiroth, opposite Baal-zephon.
10 Yeroo Faraʼoon itti dhiʼaatettis Israaʼeloonni ol ilaalanii kunoo warri Gibxi dugda duubaan isaan faana dhufan argan. Isaanis sodaatanii Waaqayyotti iyyatan.
As Pharaoh approached, the Israelites looked up and saw the Egyptians marching after them, and they were terrified and cried out to the LORD.
11 Isaanis Museedhaan akkana jedhan; “Ati waan iddoon awwaalaa Gibxi hin jirreef akka nu gammoojjii keessatti dhumnuuf as nu fiddee? Ati Gibxi nu baasuun kee maal nu gochuu kee ti?
They said to Moses, “Was it because there were no graves in Egypt that you brought us into the wilderness to die? What have you done to us by bringing us out of Egypt?
12 Nu Gibxi keessatti, ‘Akka warra Gibxi tajaajilluuf nu dhiisi’ siin hin jennee? Gammoojjii keessatti dhumuu irra warra Gibxi tajaajiluu nuu wayya ture!”
Did we not say to you in Egypt, ‘Leave us alone so that we may serve the Egyptians’? For it would have been better for us to serve the Egyptians than to die in the wilderness.”
13 Museen akkana jedhee saba sanaaf deebise; “Hin sodaatinaa; jabaadhaa dhaabadhaa! Fayyisuu Waaqayyoo kan inni harʼa isinii godhu ilaalaa! Warra Gibxi kan harʼa argitan kana lammata deebitanii hin argitan.
But Moses told the people, “Do not be afraid. Stand firm and you will see the LORD’s salvation, which He will accomplish for you today; for the Egyptians you see today, you will never see again.
14 Waaqayyo isiniif lola; isin gab jedhaa.”
The LORD will fight for you; you need only to be still.”
15 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Ati maaliif natti iyyita? Akka isaan adeemsa isaanii itti fufaniif Israaʼelootatti himi.
Then the LORD said to Moses, “Why are you crying out to Me? Tell the Israelites to go forward.
16 Ulee kee ol fuudhiitii harka kee galaana irra diriirfadhu; akka Israaʼeloonni lafa gogaa irra galaana gidduu darbaniif bishaan gargari qoodi.
And as for you, lift up your staff and stretch out your hand over the sea and divide it, so that the Israelites can go through the sea on dry ground.
17 Ani immoo akka isaan dugda isaanii duubaan seenaniif garaa warra Gibxi nan jabeessa. Anis Faraʼoonii fi loltoota isaa hunda irratti, gaariiwwan isaatii fi abbootii fardaa isaa irratti ulfina nan argadha.
And I will harden the hearts of the Egyptians so that they will go in after them. Then I will gain honor by means of Pharaoh and all his army and chariots and horsemen.
18 Yeroo ani Faraʼoon irratti, gaariiwwan isaatii fi abbootii fardaa isaa irratti ulfina argadhutti warri Gibxi akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
The Egyptians will know that I am the LORD when I am honored through Pharaoh, his chariots, and his horsemen.”
19 Yommus ergamaan Waaqayyoo kan saba Israaʼel dura deemaa ture sun kaʼee gara dugda isaanii duubaatti darbe. Utubaan duumessaa sunis fuula isaanii duraa kaʼee isaan duuba dhaabate;
And the angel of God, who had gone before the camp of Israel, withdrew and went behind them. The pillar of cloud also moved from before them and stood behind them,
20 utubaan sunis loltoota Gibxii fi loltoota Israaʼel gidduu seene. Duumessi sun halkan sana gama tokkotti dukkana, gama kaanitti immoo ifa fide; kanaafuu halkan sana guutuu garee lamaan keessaa tokko illee garee kaanitti hin dhiʼaanne.
so that it came between the camps of Egypt and Israel. The cloud was there in the darkness, but it lit up the night. So all night long neither camp went near the other.
21 Museenis harka isaa galaana irra diriirfate; Waaqayyos halkan sana guutuu bubbee baʼa biiftuu jabaadhaan galaanicha gara duubaatti deebisee galaanicha lafa gogaa godhe. Bishaan sunis gargari qoodame;
Then Moses stretched out his hand over the sea, and all that night the LORD drove back the sea with a strong east wind that turned it into dry land. So the waters were divided,
22 Israaʼeloonnis galaanicha gidduu lafa gogaa irra darban; bishaanichis karaa mirgaa isaaniitii fi karaa bitaa isaanii keenyan taʼeef.
and the Israelites went through the sea on dry ground, with walls of water on their right and on their left.
23 Warri Gibxi isaan duukaa buʼanii fardeen Faraʼoon, gaariiwwan isaatii fi abbootiin fardaa isaa galaana seenan.
And the Egyptians chased after them—all Pharaoh’s horses, chariots, and horsemen—and followed them into the sea.
24 Yommuu lafti bariʼetti Waaqayyo utubaa ibiddaatii fi duumessaa keessaa loltoota Gibxi sana gad ilaalee gara itti goran isaan wallaalchise.
At morning watch, however, the LORD looked down on the army of the Egyptians from the pillar of fire and cloud, and He threw their camp into confusion.
25 Akka isaan rakkinaan oofaniifis gommaa gaariiwwan isaanii irraa baase. Warri Gibxis, “Waan Waaqayyo gama Israaʼelootaa dhaabatee warra Gibxi lolaa jiruuf kottaa isaan duraa baqannaa” jedhan.
He caused their chariot wheels to wobble, so that they had difficulty driving. “Let us flee from the Israelites,” said the Egyptians, “for the LORD is fighting for them against Egypt!”
26 Waaqayyos Museedhaan, “Akka bishaanonni warra Gibxi irra, gaariiwwanii fi abbootii fardaa isaanii irra garagalaniif harka kee galaana irratti diriirsi” jedhe.
Then the LORD said to Moses, “Stretch out your hand over the sea, so that the waters may flow back over the Egyptians and their chariots and horsemen.”
27 Museenis harka isaa galaanicha irratti diriirse; yeroo lafti bariʼettis galaanni sun iddoo isaatti deebiʼe. Warri Gibxis bishaan sana jalaa baqatan; Waaqayyos haxaaʼee galaanatti isaan naqe.
So Moses stretched out his hand over the sea, and at daybreak the sea returned to its normal state. As the Egyptians were retreating, the LORD swept them into the sea.
28 Bishaan sun iddoo isaatti deebiʼee gaariiwwanii fi abbootii fardaa jechuunis loltoota Faraʼoon kanneen Israaʼeloota duukaa buʼanii galaana seenan sana hunda liqimse. Isaan keessaas namni tokko iyyuu hin hafne.
The waters flowed back and covered the chariots and horsemen—the entire army of Pharaoh that had chased the Israelites into the sea. Not one of them survived.
29 Israaʼeloonni garuu bishaanichi karaa mirga isaaniitii fi karaa bitaa isaaniitiin keenyan taʼeefii galaanicha keessa lafa gogaa irra darban.
But the Israelites had walked through the sea on dry ground, with walls of water on their right and on their left.
30 Gaafas Waaqayyo harka warra Gibxi jalaa Israaʼeloota baase; warri Israaʼelis reeffa warra Gibxi qarqara galaanaatti argan.
That day the LORD saved Israel from the hand of the Egyptians, and Israel saw the Egyptians dead on the shore.
31 Israaʼeloonnis yommuu humna guddaa kan Waaqayyo warra Gibxi irratti mulʼise sana arganitti, Waaqayyoon sodaatan; isaanis Waaqayyoo fi tajaajilaa isaa Musee amanan.
When Israel saw the great power that the LORD had exercised over the Egyptians, the people feared the LORD and believed in Him and in His servant Moses.

< Baʼuu 14 >