< Baʼuu 13 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
І Господь промовляв до Мойсея, говорячи:
2 “Dhiira hangafa hunda addaan naa baasi; Israaʼeloota keessaa namas taʼu horiin hangafni gadameessa banu kam iyyuu kan koo ti.”
„Посвяти Мені кожного перворідного, що розкриває всяку утро́бу серед Ізраїлевих синів, серед люди́ни й серед худоби, — для Мене воно!“
3 Yommus Museen uummataan akkana jedhe; “Sababii Waaqayyo irree jabaadhaan achii isin baaseef guyyaa itti mana garbummaatii Gibxi keessaa baatan kana yaadadhaa. Waan raacitii qabu tokko illee hin nyaatinaa.
І сказав Мойсей до народу: „Пам'ятайте той день, коли ви вийшли з Єгипту, із дому ра́бства! Бо силою руки Господь вивів вас ізвідти; і не будете їсти ква́шеного.
4 Isin jiʼa Abiibii keessa guyyaa harʼaa baatan.
Ви виходите сьогодні, у місяці авіві.
5 Yeroo Waaqayyo gara biyya Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, biyya Hiiwotaa fi Yebuusotaatti jechuunis biyya aannanii fi damma baasu kan inni akka siif kennu abbootii keetiif kakate sanatti si galchutti ati jiʼa kana keessa ayyaana kana ayyaaneffatta;
І станеться, коли Господь уведе тебе до краю ханаанеянина, і хіттеянина, й амореянина, і хіввеянина, й євусеянина, що про нього присягнув був батькам твоїм, щоб дати тобі край, який тече молоком та медом, то ти бу́деш служити ту службу того місяця.
6 ati bultii torba Maxinoo nyaatta; guyyaa torbaffaatti immoo ayyaana Waaqayyoo taʼa.
Сім день бу́деш їсти опрісноки, а дня сьомого — свято для Господа!
7 Guyyaa torban sana Maxinoo nyaadhu; wanni raacitii qabu tokko iyyuu si biratti hin argamin; daangaa kee hunda keessattis raacitiin hin argamin.
Опрі́сноки будуть їстися сім тих день, і не побачиться в тебе квашене, і не побачиться в тебе квашене в усім кра́ї твоїм!
8 Gaafas, ‘Ani waan Waaqayyo yeroo ani Gibxi keessaa baʼetti naa godhe sanaaf jedhee waan kana godha’ jedhiitii ilma keetti himi.
І оповіси́ синові своєму того дня, говорячи: Це для того, що вчинив мені Господь, коли я виходив із Єгипту“.
9 Sirni kunis akka seerri Waaqayyoo arraba kee irra jiraatuuf harka kee irratti akka mallattoo, adda kee irratti immoo akka yaadannoo siif taʼa. Waaqayyo harka isaa jabaa sanaan Gibxii si baaseetii.
І буде тобі це за знака на руці твоїй, і за па́м'ятку між очима твоїми, щоб Господній Зако́н був в устах твоїх, бо сильною рукою Господь вивів тебе із Єгипту.
10 Atis sirna kana wagguma waggaan yeroo isaatti eeguu qabda.
І будеш доде́ржуватися цієї постано́ви в означенім ча́сі її з року в рік.
11 “Yommuu Waaqayyo akkuma siʼii fi abbootii keetiif kakuudhaan waadaa gale sanatti biyya Kanaʼaanotaatti si galchee biyyattii siif kennutti,
І станеться, коли введе тебе Господь до землі ханаанеянина, як присяг був тобі та батькам твоїм, і дасть її тобі,
12 ati hangafa gadameessa banu hunda Waaqayyoof kennita. Kormi horii keetii hangafni hundinuus kan Waaqayyoo ti.
то відділиш усе, що розкриває утро́бу, для Господа, і все перворідне худоби, що буде в тебе, — самці́ для Господа!
13 Harree hangafa kam iyyuu ilmoo hoolaatiin furi; yoo furuu baatte garuu morma isaa cabsi. Ilmaan kee keessaas hangafa kam iyyuu furi.
А кожного віслюка́, що розкриває утробу, викупиш овечкою; а коли не викупиш, то зламай йому шию. І кожного перворідного лю́дського серед синів твоїх викупиш.
14 “Bara dhufuuf jiru keessa yoo ilmi kee, ‘Kun maal jechuu dha?’ jedhee si gaafate ati akkana jedhiin; ‘Waaqayyo harka jabaadhaan Gibxii, mana garbummaa keessaa nu baase.
І станеться, коли взавтра запитає тебе син твій, говорячи: Що́ то? то відповіси йому: Силою Своєї руки вивів нас Господь із Єгипту, із дому рабства.
15 Yommuu Faraʼoon mataa jabaatee gad nu dhiisuu didetti, Waaqayyo hangafa Gibxi hunda namaa fi horii ajjeese. Sababiin ani korma hangafa gadameessa banu hunda Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuu fi sababiin ani ilmaan koo keessaa hangafa hunda furuuf kanuma.’
І сталося, коли фараон учинив запеклим своє серце, щоб не відпустити нас, то Господь повбивав усіх перворідних в єгипетськім краї, від перворідного лю́дського й аж до перворідного худоби. Тому то я прино́шу в жертву Господе́ві все чоловічої статі, що розкриває утро́бу, а кожного перворідного синів своїх викупляю.
16 Waaqayyo irree jabaadhaan Gibxii nu baasuu isaatiif wanni kun harka kee irratti mallattoo, adda kee irrattis mallattoo taʼa.”
І станеться це за знака на руці твоїй, і за пов'я́зку поміж очима твоїми, бо силою Своєї руки вивів нас Господь із Єгипту“.
17 Yeroo Faraʼoon saba sana gad dhiisetti karichi gabaabaa taʼu iyyuu Waaqni karaa biyya Filisxeem irra isaan hin qajeelchine; sababiin isaas Waaqni, “Isaan yoo waraanni isaan mudate yaada geeddarratanii Gibxitti deebiʼuu dandaʼan” jedhee ti.
І сталося, коли фараон відпустив був той народ, то Бог не повів їх дорогою землі филистимської, хоч була близька́ вона. Бо Бог сказав: „Щоб не пожалкував той наро́д, коли він побачить війну, і не вернувся до Єгипту“.
18 Kanaafuu Waaqni karaa naannoo gammoojjiitiin gara Galaana Diimaatti saba sana qajeelche. Israaʼeloonnis waraanaaf qophaaʼanii biyya Gibxiitii baʼan.
І повів Бог той народ окружно́ю дорогою пустині аж до Червоного моря. І вийшли Ізраїлеві сини з єгипетського краю узбро́єні.
19 Sababii Yoosef, “Waaqni dhugumaan isin gargaara; isinis gaafas lafee koo asii fuudhaa baʼaa” jedhee Israaʼeloonni kakachiisee tureef Museen lafee Yoosef fuudhee baʼe.
А Мойсей забрав із собою кості Йо́сипа, бо присягою той закляв був Ізраїлевих синів, кажучи: „Напевно згадає Бог вас, і ви винесете з собою кості мої звідси“.
20 Isaanis Sukootii kaʼanii Eetaam keessa qarqara gammoojjii qubatan.
І вони ру́шили з Суккоту, і розта́борилися в Етам, на границі пустині.
21 Waaqayyo akka isaan halkanii guyyaa deemuu dandaʼaniif guyyaa utubaa duumessaatiin isaan dura deemee karaa isaan argisiise; halkan immoo isaaniif ibsuuf jedhee utubaa ibiddaatiin isaan dura deemaa ture.
А Господь ішов перед ними вдень у стовпі хмари, щоб провадити їх дорогою, а вночі́ в стовпі огню́, щоб світити їм, щоб ішли вдень та вночі.
22 Utubaan duumessaa guyyaa guyyaa, utubaan ibiddaa immoo halkan halkan uummata duraa hin dhabamne ture.
Не відступав удень стовп хмари тієї, а вночі стовп огню з-перед обличчя народу!

< Baʼuu 13 >