< Baʼuu 12 >

1 Waaqayyos biyya Gibxi keessatti Musee fi Arooniin akkana jedhe;
ויאמר יהוה אל משה ואל אהרן בארץ מצרים לאמר
2 “Jiʼi kun jiʼa jalqabaa isinii haa taʼu; innis waggaa keessaa jiʼa jalqabaa isinii haa taʼu.
החדש הזה לכם ראש חדשים ראשון הוא לכם לחדשי השנה
3 Jiʼa kana keessa bultii kurnaffaatti tokkoon tokkoon namaa xobbaallaa hoolaa tokko akkuma manneen abbootii isaaniitti tokkoo tokkoo manaatii fi xobbaallaa hoolaa tokko akka fudhatu guutummaa hawaasa Israaʼelitti himaa.
דברו אל כל עדת ישראל לאמר בעשר לחדש הזה ויקחו להם איש שה לבית אבת--שה לבית
4 Yoo warri mana tokko jiraatan muraasa taʼanii hoolaa tokko guutummaatti fixuu baatan, isaan akkuma baayʼina namoota achi jiraataniitti ollaa isaanitti aanu wajjin haa qoodatan. Isinis akkuma waan tokkoon tokkoon namaa nyaachuu dandaʼuutti xobbaallaa hoolaa hammam akka barbaachisu murteessuu qabdu.
ואם ימעט הבית מהיות משה--ולקח הוא ושכנו הקרב אל ביתו במכסת נפשת איש לפי אכלו תכסו על השה
5 Xobbaallaan keessan ilmoo hoolaa waggaa tokkoo kan mudaa hin qabne taʼuu qaba; xobbaallaa sanas hoolota keessaa yookaan reʼoota keessaa fudhachuu dandeessu.
שה תמים זכר בן שנה יהיה לכם מן הכבשים ומן העזים תקחו
6 Xobbaallaa sanas hamma bultii kudha afuraffaa jiʼa kanaatti eegaa; yaaʼiin waldaa Israaʼel guutuunis galgala sana xobbaallaa sana haa qalatu.
והיה לכם למשמרת עד ארבעה עשר יום לחדש הזה ושחטו אתו כל קהל עדת ישראל--בין הערבים
7 Ergasii immoo dhiiga sana irraa xinnoo fuudhanii michichila balbalaa lamaanii fi buusaa balbalaa isa ol aanu kan mana itti xobbaallaa sana nyaatanii haa diban.
ולקחו מן הדם ונתנו על שתי המזוזת ועל המשקוף--על הבתים אשר יאכלו אתו בהם
8 Isaanis halkanuma sana foon sana ibiddaan waaddatanii biqiltuu hadhooftuu fi maxinoon haa nyaatan.
ואכלו את הבשר בלילה הזה צלי אש ומצות על מררים יאכלהו
9 Ibiddaan waaddadhaatii nyaadhaa malee foon dheedhii yookaan kan bishaaniin affeelame hin nyaatinaa; mataa isaa, lukaa fi miʼa garaa wajjin waaddadhaatii nyaadhaa.
אל תאכלו ממנו נא ובשל מבשל במים כי אם צלי אש ראשו על כרעיו ועל קרבו
10 Hamma lafti bariitutti homaa hin hambisinaa; waan hamma ganamaatti irraa hafu garuu gubaa.
ולא תותירו ממנו עד בקר והנתר ממנו עד בקר באש תשרפו
11 Haalli isin itti nyaattanis kunoo ti; mudhii keessan hidhadhaa; kophee keessan miillatti kaaʼadhaa; ulee keessan illee harkatti qabadhaatii jarjarsuun nyaadhaa; inni Faasiikaa Waaqayyoo ti.
וככה תאכלו אתו--מתניכם חגרים נעליכם ברגליכם ומקלכם בידכם ואכלתם אתו בחפזון פסח הוא ליהוה
12 “Anis halkanuma sana Gibxi keessa nan darba; hangafa Gibxis namaa fi horii nan dhaʼa; waaqota Gibxi hundattis nan mura; ani Waaqayyo.
ועברתי בארץ מצרים בלילה הזה והכיתי כל בכור בארץ מצרים מאדם ועד בהמה ובכל אלהי מצרים אעשה שפטים אני יהוה
13 Dhiigni sunis manneen isin keessa jiraattan irratti mallattoo isinii taʼa; ani yommuun dhiiga sana argutti isin irra nan darba. Yeroo ani biyya Gibxi dhaʼuttis dhaʼichi badiisaa tokko iyyuu isin hin tuqu.
והיה הדם לכם לאת על הבתים אשר אתם שם וראיתי את הדם ופסחתי עלכם ולא יהיה בכם נגף למשחית בהכתי בארץ מצרים
14 “Guyyaan kun guyyaa yaadannoo isiniif haa taʼu; akka ayyaanaatti Waaqayyoof ni ayyaaneffattu; dhaloota keessan hunda keessattis sirna bara baraa godhattanii ni eegdu.
והיה היום הזה לכם לזכרון וחגתם אתו חג ליהוה לדרתיכם חקת עולם תחגהו
15 Isin bultii torba maxinoo nyaachuu qabdu; guyyaa jalqabaatti mana keessanii raacitii baasaa gataa; namni kam iyyuu guyyaa jalqabaatii kaasee hamma guyyaa torbaffaatti yoo buddeena bukaaʼe nyaate saba Israaʼel keessaa haa balleeffamu.
שבעת ימים מצות תאכלו--אך ביום הראשון תשביתו שאר מבתיכם כי כל אכל חמץ ונכרתה הנפש ההוא מישראל--מיום הראשן עד יום השבעי
16 Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; wal gaʼii qulqulluu biraa immoo guyyaa torbaffaatti qabaadhaa. Waan namni hundi nyaatu qopheessuu malee guyyoota kanneen hojii tokko iyyuu hin hojjetinaa; wanni isin hojjechuu dandeessan kanuma.
וביום הראשון מקרא קדש וביום השביעי מקרא קדש יהיה לכם כל מלאכה לא יעשה בהם--אך אשר יאכל לכל נפש הוא לבדו יעשה לכם
17 “Sababii guyyaan ani itti raayyaa keessan Gibxi keessaa baase guyyuma kana taʼeef Ayyaana Maxinoo kana ayyaaneffadhaa; guyyaa kanas sirna bara baraa godhadhaatii dhaloota keessan hunda keessatti ayyaaneffadhaa.
ושמרתם את המצות כי בעצם היום הזה הוצאתי את צבאותיכם מארץ מצרים ושמרתם את היום הזה לדרתיכם--חקת עולם
18 Isin jiʼa jalqabaa keessa galgala bultii kudha afuraffaadhaa hamma galgala guyyaa digdamii tokkoffaatti maxinoo nyaattu.
בראשן בארבעה עשר יום לחדש בערב תאכלו מצת עד יום האחד ועשרים לחדש--בערב
19 Bultii torbaaf raacitiin tokko illee mana keessanitti hin argamin; alagaas taʼu dhalataan biyyaa, namni waan raacitii qabu nyaatu kam iyyuu waldaa Israaʼel keessaa haa balleeffamu.
שבעת ימים--שאר לא ימצא בבתיכם כי כל אכל מחמצת ונכרתה הנפש ההוא מעדת ישראל--בגר ובאזרח הארץ
20 Waan raacitii qabu tokko illee hin nyaatinaa; lafa jiraattan hundatti Maxinoo nyaadhaa.”
כל מחמצת לא תאכלו בכל מושבתיכם תאכלו מצות
21 Museen maanguddoota Israaʼel hunda ofitti waamee akkana jedheen; “Dhaqaatii maatii keessaniif xobbaallaa filadhaatii Faasiikaa qalaa.
ויקרא משה לכל זקני ישראל ויאמר אלהם משכו וקחו לכם צאן למשפחתיכם--ושחטו הפסח
22 Hiisophii qabaa tokkoo fuudhaa; dhiiga waciitii keessa jiru sana keessa cuuphaatii michichila balbalaa lamaanii fi buusaa balbalaa isa ol aanu dibaa. Isin keessaa namni tokko iyyuu hamma lafti bariitutti balbala mana ofii isaatii gad hin baʼin.
ולקחתם אגדת אזוב וטבלתם בדם אשר בסף והגעתם אל המשקוף ואל שתי המזוזת מן הדם אשר בסף ואתם לא תצאו איש מפתח ביתו--עד בקר
23 Waaqayyo yeroo warra Gibxi dhaʼuuf biyyattii keessa darbutti michichila balbalaa lamaan irrattii fi buusaa balbalaa isa ol aanu irratti dhiiga sana argee balbala sana bira darba; akka inni waa balleessu sun mana keessan seenee isin ajjeesus hin eeyyamuuf.
ועבר יהוה לנגף את מצרים וראה את הדם על המשקוף ועל שתי המזוזת ופסח יהוה על הפתח ולא יתן המשחית לבא אל בתיכם לנגף
24 “Isinis qajeelfama kana akka seera bara baraa kan isinii fi sanyii keessaniif kennameetti kabajaa.
ושמרתם את הדבר הזה לחק לך ולבניך עד עולם
25 Isinis yeroo biyya Waaqayyo akkuma waadaa gale sanatti isinii kennu seentanitti sirna kana eegaa.
והיה כי תבאו אל הארץ אשר יתן יהוה לכם--כאשר דבר ושמרתם את העבדה הזאת
26 Yommuu ijoolleen keessan, ‘Sirni kun isiniif hiikkaa maalii qaba?’ jedhanii isin gaafatanitti,
והיה כי יאמרו אליכם בניכם מה העבדה הזאת לכם
27 akkana jedhaa isaanitti himaa; ‘Kun qalma Faasiikaa Waaqayyoo ti; inni yeroo warra Gibxi dhaʼetti manneen Israaʼeloota Gibxi keessa turan sanaa irra darbee manneen keenya nuuf oolcheeraatii.’” Kana irratti namoonni gad jedhanii waaqeffatan.
ואמרתם זבח פסח הוא ליהוה אשר פסח על בתי בני ישראל במצרים בנגפו את מצרים ואת בתינו הציל ויקד העם וישתחוו
28 Israaʼeloonnis akkuma Waaqayyo Musee fi Aroonin ajaje sana godhan.
וילכו ויעשו בני ישראל כאשר צוה יהוה את משה ואהרן כן עשו
29 Halkan walakkaatti Waaqayyo ilma Faraʼoon namicha teessoo irra taaʼu hangafaa jalqabee hamma ilma namicha boolla mana hidhaa keessa jiru hangafaatti hangafoota Gibxi hunda dhaʼe; hangafoota horiis akkasuma dhaʼe.
ויהי בחצי הלילה ויהוה הכה כל בכור בארץ מצרים מבכר פרעה הישב על כסאו עד בכור השבי אשר בבית הבור וכל בכור בהמה
30 Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa hundi, warri Gibxi hundis halkaniin kaʼan; sababii manni namni keessaa hin duʼin tokko iyyuu hin turiniif booʼicha guddaatu Gibxi keessa ture.
ויקם פרעה לילה הוא וכל עבדיו וכל מצרים ותהי צעקה גדלה במצרים כי אין בית אשר אין שם מת
31 Faraʼoonis halkan sanaan Musee fi Aroonin ofitti waamee akkana jedhe; “Kaʼaa! Isinii fi Israaʼeloonni saba koo keessaa baʼaa! Akkuma gaafattan sana dhaqaatii Waaqayyoon waaqeffadhaa.
ויקרא למשה ולאהרן לילה ויאמר קומו צאו מתוך עמי--גם אתם גם בני ישראל ולכו עבדו את יהוה כדברכם
32 Akkuma jettan sana bushaayee fi loon keessan fudhadhaatii deemaa; anas eebbisaa.”
גם צאנכם גם בקרכם קחו כאשר דברתם ולכו וברכתם גם אתי
33 Warri Gibxis akka sabni sun dafee biyya sanaa baʼu jarjarsan; isaanis, “Yoo kanaa achii nu hundi ni dhumnaa” jedhan.
ותחזק מצרים על העם למהר לשלחם מן הארץ כי אמרו כלנו מתים
34 Kanaafuu sabni sun bukoo isaanii utuu hin bukaaʼin fudhatanii, qodaa bukoo isaaniis wayyaa isaaniitiin maranii gatiittiitti baadhatan.
וישא העם את בצקו טרם יחמץ משארתם צררת בשמלתם על שכמם
35 Israaʼeloonnis akkuma Museen isaanitti hime sana godhan; isaanis miʼa meetiitii fi warqee, wayyaas warra Gibxi gaafatan.
ובני ישראל עשו כדבר משה וישאלו ממצרים כלי כסף וכלי זהב ושמלת
36 Sababii Waaqayyo fuula warra Gibxi duratti Israaʼelootaaf surraa kenneef, warri Gibxi waan isaan gaafatan hunda kennaniif; isaanis akkasiin qabeenya warra Gibxi boojiʼanii baʼan.
ויהוה נתן את חן העם בעיני מצרים--וישאלום וינצלו את מצרים
37 Israaʼeloonnis Raamseedhaa kaʼanii Sukootitti qajeelan. Isaanis nadheenii fi ijoollee malee namoota lafoo gara kuma dhibba jaʼa turan.
ויסעו בני ישראל מרעמסס סכתה כשש מאות אלף רגלי הגברים לבד מטף
38 Uummanni walitti makame hedduun, akkasumas horiin jechuunis bushaayee fi loon baayʼeen isaan wajjin baʼan.
וגם ערב רב עלה אתם וצאן ובקר מקנה כבד מאד
39 Isaanis bukoo Gibxi fudhatanii dhufan sana irraa Maxinoo tolfatan. Sababii isaan jarjarsuudhaan Gibxi keessaa baafamanii yeroo itti nyaata qopheeffatan illee dhabaniif bukoon sun raacitii hin qabu ture.
ויאפו את הבצק אשר הוציאו ממצרים עגת מצות--כי לא חמץ כי גרשו ממצרים ולא יכלו להתמהמה וגם צדה לא עשו להם
40 Barri Israaʼeloonni Gibxi keessa jiraatan waggaa 430 ture.
ומושב בני ישראל אשר ישבו במצרים--שלשים שנה וארבע מאות שנה
41 Dhuma waggaa 430 sanaatti guyyuma sana raayyaan Waaqayyoo hundi biyya Gibxiitii baʼe.
ויהי מקץ שלשים שנה וארבע מאות שנה ויהי בעצם היום הזה יצאו כל צבאות יהוה מארץ מצרים
42 Waaqayyo Gibxi keessaa isaan baasuudhaaf dammaqee halkan sana waan isaan eegeef, halkan kun Israaʼeloota hundumaaf halkan itti Waaqayyoof ulfina kennuudhaaf dammaqanii eeganii dha.
ליל שמרים הוא ליהוה להוציאם מארץ מצרים הוא הלילה הזה ליהוה שמרים לכל בני ישראל לדרתם
43 Waaqayyos Musee fi Arooniin akkana jedhe; “Seerri Faasiikaa kanaa dha: “Ormi tokko iyyuu isa irraa hin nyaatin.
ויאמר יהוה אל משה ואהרן זאת חקת הפסח כל בן נכר לא יאכל בו
44 Garbichi bitame kam iyyuu erga dhagna qabdanii booddee haa nyaatu;
וכל עבד איש מקנת כסף--ומלתה אתו אז יאכל בו
45 keessummaan yookaan namni hojjetaan qacarame garuu hin nyaatin.
תושב ושכיר לא יאכל בו
46 “Hoolaan sun manuma tokko keessatti haa nyaatamu; foon isaa tokko iyyuu manaa gad hin baasinaa. Lafee isaa keessaas tokko iyyuu hin cabsinaa.
בבית אחד יאכל לא תוציא מן הבית מן הבשר חוצה ועצם לא תשברו בו
47 Waldaan Israaʼel hundis ayyaana kana haa ayyaaneffatu.
כל עדת ישראל יעשו אתו
48 “Ormi isin wajjin jiraatu yoo Faasiikaa Waaqayyoo ayyaanessuu barbaade inni dhiirota mana isaa jiraatan hunda dhagna haa qabu; ergasiis akkuma dhalataa biyyaatti ayyaanicha haa ayyaanessu. Dhiirri dhagna hin qabatin tokko iyyuu garuu hoolaa sana hin nyaatin.
וכי יגור אתך גר ועשה פסח ליהוה--המול לו כל זכר ואז יקרב לעשתו והיה כאזרח הארץ וכל ערל לא יאכל בו
49 Dhalataa biyyaatiifis taʼu orma isin gidduu jiraatuuf seerri tokkuma.”
תורה אחת יהיה לאזרח ולגר הגר בתוככם
50 Israaʼeloonni hundis akkuma Waaqayyo Musee fi Aroonin ajaje sana godhan.
ויעשו כל בני ישראל כאשר צוה יהוה את משה ואת אהרן כן עשו
51 Waaqayyos gaafuma sana kutaa kutaa isaaniitiin Israaʼeloota biyya Gibxi keessaa baase.
ויהי בעצם היום הזה הוציא יהוה את בני ישראל מארץ מצרים--על צבאתם

< Baʼuu 12 >