< Baʼuu 10 >

1 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Faraʼoonitti ol seeni; ani akka mallattoowwan koo kanneen isaan gidduutti hojjedhuuf jedhee Faraʼoonii fi qondaaltota isaa mata jabeeyyii godheera;
Yahweh akamwambia Musa, “Nenda kwa Farao, kwa kuwa nimeufanya moyo wake mgumu na moyo wa watumishi wake. Nimefanya hivi kuonyesha hizi ishara za nguvu zangu miongoni mwao.
2 kunis akka ati waan ani warra Gibxi godhe, mallattoo ani isaan gidduutti argisiises ijoollee keetii fi ijoollee ijoollee keetiitti himtee akka ani Waaqayyo taʼe akka beektaniif taʼe.”
Pia nimefanya hivi ili muwaambie watoto wenu na wajukuu wenu vitu nilivyo fanya, jinsi nilivyo itendea Misri kwa ukali, na jinsi nilivyo onyesha aina tofauti za ishara za nguvu zangu miongoni mwao. Kwa hili mtajua kuwa mimi ni Yahweh.”
3 Musee fi Aroonis Faraʼoon bira dhaqanii akkana jedhaniin; “Waaqayyo Waaqni Ibrootaa akkana jedha: ‘Ati hamma yoomiitti fuula koo duratti gad of qabuu didda? Akka isaan na tajaajilaniif saba koo gad dhiisi.
Hivyo Musa na Aruni wakaenda kwa Farao na kumwambia, “Yahweh, Mungu wa Waebrania, anasema hivi: 'Kwa muda gani utaendelea kukataa kujinyenyekesha mbele zangu? Acha watu wangu waenda ili wakaniabudu.
4 Yoo ati gad isaan dhiisuu didde, kunoo ani bori biyya keetti hawwaannisa nan fida.
Lakini ukikataa kuwaruhusu watu wangu kwenda, sikiliza, kesho nitaleta nzige kwenye nchi yako.
5 Hawwaannisni kunis hamma namni tokko iyyuu arguu dadhabutti lafa haguuga. Innis waanuma cabbii irraa isinii hafe illee ni fixa; mukkeen alatti isinii guddachaa jiranis nyaatee fixa.
Watafunika ardhi ya juu ili kwamba mtu asiweze kuona udongo. Watakula mabaki yote yalio salia kwenye mvua ya barafu ya mawe. Pia watakula kila mti unaokua shambani.
6 Inni mana kee, mana qondaaltota keetii hundaa fi mana warra Gibxi hundumaa guuta; kunis waan abbootiin keetii fi abbootiin abbootii keetii gaafa biyya kana qubatanii jalqabanii hamma harʼaatti hin arginii dha.’” Kana booddee Museen garagalee Faraʼoon biraa baʼe.
Watajaza nyumba zenu, zote za watumishi wenu, na zote za Wamisri wote - jambo ambalo baba zenu wala mababu zenu hawakuwai kuona, jambo ambalo halikuwai shuhudiwa toka walipo kuwa duniani hadi leo.”' Kisha Musa akaondoka na kutoka kwa Farao.
7 Qondaaltonni Faraʼoonis, “Namichi kun hamma yoomiitti kiyyoo nutti taʼa? Namoonni kun akka Waaqayyo Waaqa isaanii tajaajilaniif gad dhiisi. Akka Gibxi badde ati amma illee hin hubannee?” jedhaniin.
Watumishi wa Farao wakamwambia, “Mpaka lini huyu mwanaume ata kuwa msumbufu kwetu? Acha Waisraeli waende wakamuabudu Yahweh Mungu wao. Bado haujatambua kuwa Misri imeharibiwa?”
8 Musee fi Aroonin deebisanii Faraʼoonitti geessan; Faraʼoonis, “Dhaqaatii Waaqayyo Waaqa keessan waaqeffadhaa! Garuu eenyutu deema?” jedheen.
Musa na Aruni wakaletwa tena kwa Farao, ambaye aliwaambia, “Nendeni amkamuabudu Yahweh Mungu wenu. Lakini watu gani wataenda?”
9 Museenis, “Nu sababii ayyaana Waaqayyoo ayyaaneffannuuf dargaggoota keenyaa fi maanguddoota keenya, ilmaanii fi intallan keenya, bushaayee fi loon keenya qabannee deemna” jedhee deebise.
Musa akasema, “Tutaondoka na wadogo wetu na wakubwa wetu, pamoja na wana wetu na mabinti zetu. Tutaondoka na ng'ombe na kondoo zetu, maana lazima tufanye siku kuu ya Yahweh.”
10 Faraʼoonis akkana jedhe; “Yoo ani dubartoota keessanii fi ijoollee keessan isin wajjin gad dhiise, mee Waaqayyo isin wajjin haa taʼu! Kunoo waan hamaatu isin dura jira.
Farao akawaambia, “Yahweh kwa kweli awe nanyi, kama nitawaacha muende na wadogo zenu waende. Angalia, una uovu kwenye nia.
11 Kun hin taʼu! Akka warri dhiiraa qofti dhaqanii Waaqayyo waaqeffatan godhaa; isin kanuma barbaaddaniitii.” Isaanis fuula Faraʼoon duraa gad baafaman.
Hapana! Nenda, wanaume tu miongoni mwenu, na mmuabudu Yahweh, kwa kuwa hilo ndilo mnalo litaka.” Kisha Musa na Aruni wakaondolewa uweponi mwa Farao.
12 Waaqayyos Museedhaan, “Akka hawwaannisni biyya Gibxitti buʼee biqiltuu lafa qotiisaa hunda, waan cabbii irraa hafe hundas nyaatuuf harka kee Gibxi irratti diriirsi” jedhe.
Kisha Yahweh akamwambia Musa, “Nyoosha mkono wako kwenye nchi ya Misri palipo na nzige, ili washambulie nchi ya Misri na kula kila mmea, kila kitu barua ya mawe iliyo acha.”
13 Museenis ulee isaa Gibxi irratti diriirsinaan Waaqayyo guyyaa sana guutuu fi halkan sana guutuu akka bubbeen baʼa biiftuu biyyattii keessatti bubbisu godhe; ganama itti aanus bubbeen sun hawwaannisa fidee dhufe;
Musa akanyoosha na gongo lake juu ya nchi ya Misri, na Yahweh akaleta upepo wa mashariki juu ya nchi mchana wote na usiku mzima. Palipo kuwa asubui, upepo wa mashariki ulileta nzige.
14 hawwaannisni sunis Gibxi guutuu weerare; biyya hunda keessas baayʼinaan qubate. Dhaʼichi hawwaannisaa kan akkasii duraan takkumaa buʼee hin beeku; ergasiis takkumaa deebiʼee hin buune.
Nzige wakaenda nchi yote ya Misri na kuharibu sehemu zote. Hapajawai kuwa na kundi kama hilo la nzige juu ya nchi, hakuna kama tena kama hilo litawai kutokea.
15 Hawwaannisni sunis hamma lafti gurraachaʼutti lafa hunda haguuge; innis waan cabbii irraa hafe hunda, waan alatti biqile hunda, ija mukaa illee ni nyaate. Biyya Gibxi hunda keessatti wanni lalisaan tokko iyyuu muka irratti yookaan biqiltuu irratti hin hafne.
Walifunika ardhi yote ya juu ikawa giza. Walikula kila mmea na kila tunda la miti ambayo barafu ya mawe ilibakiza. Kila eneo la nchi ya Misri, hakuna mmea wa kijani ulibaki, wala mti au mmea wa shambani.
16 Faraʼoonis dafee Musee fi Aroonin waamee akkana jedheen; “Ani Waaqayyo Waaqa keessanii fi isinitti cubbuu hojjedheera.
Kisha Farao akawaita Musa na Aruni na kuwaambia, “Nimefanya dhambi dhidi ya Yahweh na dhidi yako.
17 Egaa mee cubbuu koo naa dhiisaa; akka inni dhaʼicha nama ajjeesu kana narraa fuudhuufis Waaqayyo Waaqa keessan naa kadhadhaa.”
Kisha sasa, nisamehe dhambi yangu wakati huu, na uombe kwa Yahweh Mungu wako aondoe hichi kifo kwangu.”
18 Museenis Faraʼoon biraa gad baʼee Waaqayyo kadhate.
Musa akaondoka kwa Farao na kumuomba Yahweh.
19 Waaqayyos bubbee sana gara bubbee lixa biiftuu jabaatti geeddare; bubbeen sunis hawwaannisa sana fuudhee Galaana Diimaatti naqe. Gibxi keessatti hawwaannisni tokko iyyuu hin hafne.
Yahweh akaleta upepo mkali wa magharibi ulio wachukuwa wale nzige na kuwapeleka Bahari ya Shamu; hakuna nzige ata mmoja aliye baki eneo la Misri.
20 Waaqayyo garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; Faraʼoonis Israaʼeloota gad hin dhiifne.
Lakini Yahweh aliufanya moyo wa Farao mgumu, na Farao hakuacha Waisraeli waende.
21 Waaqayyo immoo Museedhaan, “Akka dukkanni Gibxi irra buʼuuf harka kee gara samiitti diriirsi” jedhe.
Kisha Yahweh akamwambia Musa, “Nyoosha mkono wako kuelekea mbingu, ili kuwe na giza nchi yote ya Misri, giza linalo weza kuhisiwa.”
22 Museen harka isaa gara samiitti diriirse; dukkanni limixiin isaa guyyaa sadii Gibxi guutuu haguuge.
Musa akanyoosha mkono wake kuelekea mbingu, na kulikuwa na giza nene nchi yote ya Misri kwa siku tatu.
23 Guyyaa sadan sana namni wal hin argu ture; lafa jiruus hin sochoʼu ture. Israaʼeloonni hundi garuu iddoo jiraatanitti ifa qabu turan.
Hakuna aliye muona mwingine; hakuna aliye toka nyumbani mwake kwa siku tatu. Walakini, Waisraeli wote walikuwa na taa katika sehemu walizo ishi.
24 Faraʼoonis Musee ofitti waamee, “Dhaqaatii Waaqayyo waaqeffadhaa. Dubartoonnii fi ijoolleen keessanis isin wajjin haa deemani; bushaayee fi loon keessan qofa dhiisaa deemaa” jedheen.
Farao alimuita Musa na kusema, “Nenda umuabudu Yahweh. Ata familia zenu za weza kwenda nanyie, lakini ng'ombe zenu na kondoo zenu zitabaki.”
25 Museen garuu akkana jedhe; “Ati akka nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf aarsaa fi qalma gubamu dhiʼeessinuuf nuu eeyyamuu qabda.
Lakini Musa akasema, “Lazima utupe wanyama kwa ajili ya dhabihu na sadaka za kuteketeza ili tuwatoe dhabihu kwa Yahweh Mungu wetu.
26 Horiin keenyas nu wajjin dhaquu qaba; kotteen tokko iyyuu hin hafu. Waaqayyo Waaqa keenya waaqeffachuuf isaan keessaa tokko tokkotti fayyadamna; hamma achi geenyutti Waaqayyo waaqeffachuuf maalitti akka fayyadamnu hin beeknu.”
Mifugo yetu lazima iende na sisi; ata mmoja hawezi kubaki, lazima tuwapeleke wakamuabudu Yahweh Mungu wetu. Kwa kuwa hatujui tutakacho muabudu nacho Yahweh mpaka tufike pale.
27 Waaqayyo garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis gad isaan dhiisuu dide.
Lakini Yahweh aliufanya moyo wa Farao mgumu, na hakuwaacha waende.
28 Faraʼoonis Museedhaan, “Fuula koo duraa badi! Lammata fuula koo akka hin argine beekkadhu; ati gaafa fuula koo argite ni duuta!” jedhe.
Farao alimwambia Musa, “Toka kwangu! Kuwa muangalifu na jambo moja, kwamba usinione tena, kwa kuwa siku utakapo uona uso wangu, utakufa.”
29 Museenis deebisee, “Akkuma ati jette, ani lammata fuula keetti hin mulʼadhu” jedhe.
Musa akasema, “Wewe mwenyewe umesema. Sitauona uso wako tena.”

< Baʼuu 10 >