< Asteer 9 >

1 Bultii kudha sadaffaa jiʼa kudha lammaffaatti, jiʼa Adaar keessa labsiin mootichi ajaje sun hojii irra ooluu qaba ture. Guyyaa kanatti diinonni Yihuudootaa isaan moʼachuu abdatanii turan; amma garuu dubbiin garagalee Yihuudoonni warra isaan jibban sana irratti ol aantummaa argatan.
A rana ta goma sha uku na watan goma sha biyu, wato, watan Adar ne za a aiwatar da dokar da sarki ya umarta. A wannan rana, abokan gāban Yahudawa suka sa zuciya za su sha ƙarfinsu, amma yanzu Zerzes ya canja, Yahudawa kuma suka yi galiba a bisa waɗanda suka ƙi jininsu.
2 Yihuudoonnis warra badiisa isaanii hawwaa turan sana balleessuudhaaf magaalaawwan ofii isaanii kanneen kutaa biyyaa Ahashweroos Mootichaa hunda keessatti argamanitti walitti qabaman. Sababii namoonni saba kaanii hundinuu Yihuudoota sodaataniif namni tokko iyyuu fuula isaanii dura dhaabachuu hin dandeenye.
Yahudawa suka tattaru a cikin biranensu a dukan lardunan Sarki Zerzes don su kai wa waɗanda suka nemi a hallaka su hari. Babu wanda ya tasar musu domin mutanen dukan sauran al’ummai sun jin tsoronsu.
3 Namoonni bebeekamoon kutaalee biyyaa hundi, ergamoonni, bulchitoonnii fi qondaaltonni mootichaa sababii Mordekaayiin sodaataniif Yihuudoota gargaaran.
Dukan sarakuna larduna, da hakimai, da gwamnoni da kuma ma’aikatan sarki suka taimaki Yahudawa, domin tsoron Mordekai ya kama su.
4 Mordekaayi masaraa mootummaa keessatti beekamaa ture; waaʼeen isaa kutaalee biyyaa guutuu gaʼe; innis akka malee jabaachaa deeme.
Mordekai babban mutum ne a fada, sunansa ya kai ko’ina a lardunan, ikonsa ya yi ta ƙasaita gaba-gaba.
5 Yihuudoonni diinota isaanii hunda goraadeedhaan cicciranii ajjeesuudhaan barbadeessanii warra isaan jibbanis akkuma barbaadan godhan.
Yahudawa suka karkashe dukan abokan gābansu da takobi, suka karkashe waɗanda suka ƙi jininsu, suka kuma hallaka su yadda suka ga dama.
6 Gamoo Suusaa keessattis Yihuudoonni nama dhibba shan qalanii fixan.
A mazaunin masarautar a Shusha, Yahudawa suka karkashe, suka kuma hallaka mutum ɗari biyar.
7 Amma illee Paarshandaataa, Dalfoon, Asfaataa,
Suka kuma kashe Farshandata, da Dalfon, da Asfata,
8 Phooraataa, Adaliyaa, Ariidaataa,
da Forata, da Adaliya, da Aridata,
9 Paarmaashitaa, Ariisayi, Ariidayii fi Wayizaataa ajjeesan;
da Farmashta, da Arisai, da Aridai da kuma Baizata,
10 isaan kunneen ilmaan Haamaan ilma Hamedaataa namicha diina Yihuudootaa ture sanaa kurnanii dha. Yihuudoonni garuu boojuu tokko illee hin tuqne.
’ya’ya maza goma na Haman ɗan Hammedata, abokin gāban Yahudawa. Amma ba su taɓa dukiyarsu ba.
11 Baayʼinni namoota gamoo Suusaa keessatti ajjeefamaniis guyyuma sana mootichatti himame.
A wannan rana, aka ba wa sarki rahoton yawan mutanen da aka kashe a mazaunin masarauta, a Shusha.
12 Mootichis Asteer Mootittiidhaan akkana jedhe; “Yihuudoonni namoota dhibba shanii fi ilmaan Haamaan kurnan gamoo Suusaa keessatti ajjeesanii balleessaniiru. Kutaalee biyyaa mootichaa kanneen hafan keessatti maal godhan laata? Amma wanni ati kadhattu maali? Wanni sun siif kennama. Gaaffiin kee maali? Wanni sunis siif guutama.”
Sarki ya ce wa Sarauniya Esta, “Yahudawa sun karkashe, suka kuma hallaka mutum ɗari biyar, da kuma’ya’ya maza goma na Haman a mazaunin masarauta a Shusha. Me suka yi a sauran lardunan sarki? Yanzu kuma mene ne roƙonki? Za a ba ki. Mece ce bukatarki? Za a biya miki.”
13 Asteeris akkana jettee deebifte; “Yoo wanni kun mooticha gammachiise akka Yihuudoonni Suusaa keessa jiran labsii harʼaa kana bori illee hojii irra oolchaniif eeyyama kennaniif; ilmaan Haamaan kurnanis muka irratti haa fannifaman.”
Esta ta ce, “In sarki ya yarda, yă ba wa Yahudawa da suke Shusha izini su aikata dokan nan gobe kuma, bari kuma a rataye’ya’ya maza goma na Haman a kan gumagumai.”
14 Kanaafuu mootichi akka wanni kun raawwatamu ajaje. Labsiin tokko Suusaa keessatti labsame; isaanis ilmaan Haamaan kurnan fannisan.
Sai sarki ya ba da umarni a yi haka ɗin. Aka ba da doka a Shusha, aka kuma rataye’ya’ya maza goma na Haman.
15 Yihuudoonni Suusaa keessa jiraatan bultii kudha afuraffaa jiʼa Adaaritti walitti qabamanii nama dhibba sadii Suusaa keessatti fixan; garuu boojuu tokko illee hin tuqne.
Yahudawan da suke Shusha suka taru a ran goma sha huɗu na watan Adar suka kuma karkashe mutum ɗari uku a Shusha, amma ba su taɓa dukiyarsu ba.
16 Yeroo kanatti Yihuudoonni kutaalee biyya mootichaa keessatti hafan kaanis mataa isaanii eeguu fi diinota isaanii irraa boqochuuf jedhanii walitti qabaman. Isaanis jara keessaa nama kuma torbaatamii shan fixan; garuu boojuu tokko illee hin tuqne.
Ana cikin haka, sai saura Yahudawa waɗanda suke lardunan sarki su ma suka taru domin su kāre kansu su kuma sami hutu daga abokan gābansu. Suka karkashe mutum dubu saba’in da biyar amma ba su taɓa dukiyarsu ba.
17 Wanni kunis bultii kudha sadaffaa jiʼa Adaar keessa taʼe; guyyaa kudha afuraffaatti immoo boqotanii guyyaa sana guyyaa cidhaa fi gammachuu godhatan.
Wannan ya faru a ran goma sha uku na watan Adar. A rana ta goma sha huɗu kuwa suka huta, suka kuma mai da ita ranar biki da kuma ta farin ciki.
18 Taʼus Yihuudoonni Suusaa keessa jiraatan guyyaa kudha sadaffaa fi kudha afuraffaatti walitti qabaman; ergasii immoo guyyaa kudha shanaffaatti boqotanii guyyaa sana guyyaa cidhaa fi gammachuu godhatan.
Amma Yahudawan da suke a Shusha suka taru a rana ta goma sha uku da ta sha huɗu, sa’an nan a rana ta goma sha biyar suka huta, suka kuma mai da ita ranar biki da ta farin ciki.
19 Sababiin Yihuudoonni baadiyyaa kanneen gandoota keessa jiraatan guyyaa kudha afuraffaa jiʼa Adaar akka guyyaa cidhaa fi gammachuutti, akka guyyaa itti kennaa waliif kennaniittis ayyaaneffataniif kanuma.
Shi ya sa Yahudawan ƙauyuka, waɗanda suke zama a karkara, suke kiyaye rana ta goma sha huɗu ta watan Adar a matsayin ranar farin ciki da ta biki, ranar ba da kyautai ga juna.
20 Mordekaayis wantoota kanneen galmeessee Yihuudoota kutaalee biyya Ahashweroos Mootichaa keessa dhiʼoo fi fagoo jiraatan hundatti xalayoota erge;
Sai Mordekai ya rubuta waɗannan abubuwa, ya kuma aika wasiƙu ga dukan Yahudawa ko’ina a lardunan Sarki Zerzes, na kusa da na nesa.
21 kunis akka isaan waggaa waggaadhaan guyyaa kudha afuraffaa fi kudha shanaffaa jiʼa Adaar
Ya sa su yi bikin kowace shekara a ranaku goma sha huɗu da goma sha biyar na watan Adar
22 akkuma yeroo itti Yihuudoonni diinota isaanii irraa boqonnaa argataniittii fi akka jiʼa itti gaddi isaanii gara gammachuutti, booʼichi isaanii immoo gara kolfaatti geeddarameetti ayyaaneffataniif. Innis akka isaan guyyoota sana akka guyyoota cidhaa fi gammachuutti, akka guyyoota itti nyaata waliif kennanii hiyyeeyyiifis kennaa kennaniitti ayyaaneffatanitti isaaniif barreesse.
a matsayin lokacin da Yahudawa suka sami huta daga abokan gābansu, da kuma a matsayin watan da aka mai da baƙin cikinsu ya zama farin ciki, makokinsu kuma ya zama ranar biki. Ya rubuta musu su kiyaye ranakun a matsayin ranakun biki da na farin ciki. Su kuma ba da kyautai na abinci ga juna, da kuma kyautai ga matalauta.
23 Akkasiin Yihuudoonni akkuma Mordekaayi isaaniif barreessetti ayyaana ayyaaneffachuu jalqaban sana itti fufuuf walii galan.
Ta haka, Yahudawa suka yarda su ci gaba da bikin da suka fara, suna aikata abin da Mordekai ya rubuta musu.
24 Haamaan ilmi Hamedaataa namichi biyya Agaag diinni Yihuudoota hundaa sun Yihuudoota balleessuudhaaf isaanitti yaadee akka isaan badanii fi barbadeeffamaniif ixaa Fuur jedhamu buusee tureetii.
Haman ɗan Hammedata, mutumin Agag, abokin gāban dukan Yahudawa, ya ƙulla maƙarƙashiya game da Yahudawa, domin a hallaka su, ya kuma jefa fur (wato, ƙuri’a) don yă hallaka su.
25 Yeroo yaadni sun gurra mootichaa buʼetti mootichi akka yaadni jalʼaan kan Hamaan Yihuudootatti yaade sun matuma isaatti deebiʼee innii fi ilmaan isaa muka irratti fannifamaniif barreeffamaan ajaja dabarse.
Amma sa’ad da sarki ya sami labarin maƙarƙashiyar, sai ya ba da umarnai a rubuce cewa mugun shirin da Haman ya ƙulla a kan Yahudawa yă komo kansa, kuma cewa a rataye shi da’ya’yansa maza a kan gumagumai.
26 Kanaafuu guyyoonni sun jecha Fuur jedhamu irraa Furiim jedhamanii moggaafaman. Sababii waan xalayaa kana keessatti barreeffame hundaatii fi sababii waan arganiitii fi waan isaan irra gaʼee tureetiif,
(Saboda haka, aka kira ranakun nan Furim, daga kalma fur). Saboda dukan abin da aka rubuta cikin wannan wasiƙa da kuma abin da suka gani, da abin da ya same su.
27 Yihuudoonni akka guyyoonni lamaan kunneen akkuma barreeffamettii fi yeroo murteeffametti utuu addaan hin citin waggaa waggaadhaan ayyaaneffamaniif bartee ofii isaanii, kan sanyiiwwan isaaniitii fi warra isaanitti dabalaman hundaa godhanii dhaabbatan.
Yahudawa suka ɗauki nawayar kafa al’adar cewa su, da zuriyarsu, da dukan waɗanda suka haɗa hannun da su, za su kiyaye waɗannan kwanaki biyu, kowace shekara yadda aka tsara, a kuma lokacin da aka keɓe dominsu.
28 Guyyoonni kunneen dhaloota hunda keessatti, maatii hundaan, kutaalee biyyaa hundaa fi magaalaa hunda keessatti yaadatamuu fi kabajamuu qabu; guyyoonni Furiim kunneen Yihuudootaan kabajamuunis hafuu hin qabu; yaadannoon guyyoota kanneeniis sanyii isaanii keessaa baduu hin qabu.
Za a tuna, a kuma kiyaye waɗannan kwanaki a kowane zamani, cikin kowane iyali, da kuma cikin kowane lardi, da kowace birni. Kuma kada Yahudawa su fasa yin bikin waɗannan kwanakin Furim, ko su bar jikokinsu su manta da kiyaye waɗannan ranaku biyu.
29 Kanaafuu Asteer Mootittiin intalli Abiihaayil sun Mordekaayi Yihuudicha wajjin taʼanii xalayaa lammaffaa waaʼee Furiim dubbatu kana mirkaneessuudhaaf aangoo guutuudhaan barreessan.
Saboda haka Sarauniya Esta,’yar Abihayil, tare da Mordekai mutumin Yahuda, suka rubuta da cikakken iko, suka tabbatar da wannan wasiƙa ta biyu game da Furim.
30 Mordekaayis Yihuudoota kutaalee biyyaa 127 kanneen mootummaa Ahashweroos keessa jiraatan hundatti dubbii hawwii nagaatii fi qabbanaa barreessee erge.
Mordekai kuwa ya aika da wasiƙu zuwa ga dukan Yahudawa cikin larduna 127 na masarautar Zerzes. Saƙon fatan alheri da na tabbaci,
31 Kunis akka guyyoonni Furiim kunneen akkuma Mordekaayi Yihuudichii fi Asteer Mootittiin isaaniif labsanitti, akkuma isaanis ofii isaaniitii fi sanyiiwwan isaaniitiif waaʼee soomaatii fi yeroo booʼicha isaanii ilaalchisee dhaabbatanitti yeroo murtaaʼetti ayyaaneffamuuf.
don a kafa waɗannan ranakun Furim a keɓaɓɓen lokacinsu, kamar yadda Mordekai mutumin Yahuda da Sarauniya Esta suka dokace su. Yadda kuma suka kafa wa kansu da zuriyarsu, game da lokutansu na azumi da makoki.
32 Labsiin Asteeris seera waaʼee Furiim kana mirkaneesse; wanni kunis galmee keessatti barreeffame.
Dokar Esta ta tabbatar da waɗannan umarnai game da Furim, aka kuma rubuta ta cikin tarihi.

< Asteer 9 >