< Asteer 9 >

1 Bultii kudha sadaffaa jiʼa kudha lammaffaatti, jiʼa Adaar keessa labsiin mootichi ajaje sun hojii irra ooluu qaba ture. Guyyaa kanatti diinonni Yihuudootaa isaan moʼachuu abdatanii turan; amma garuu dubbiin garagalee Yihuudoonni warra isaan jibban sana irratti ol aantummaa argatan.
Now on the thirteenth day of the twelfth month, which is the month Adar, when the time came for the king's order to be put into effect, on the very day when the haters of the Jews had been hoping to have rule over them; though the opposite had come about, and the Jews had rule over their haters;
2 Yihuudoonnis warra badiisa isaanii hawwaa turan sana balleessuudhaaf magaalaawwan ofii isaanii kanneen kutaa biyyaa Ahashweroos Mootichaa hunda keessatti argamanitti walitti qabaman. Sababii namoonni saba kaanii hundinuu Yihuudoota sodaataniif namni tokko iyyuu fuula isaanii dura dhaabachuu hin dandeenye.
On that day, the Jews came together in their towns through all the divisions of the kingdom of Ahasuerus, for the purpose of attacking all those who were attempting evil against them: and everyone had to give way before them, for the fear of them had come on all the peoples.
3 Namoonni bebeekamoon kutaalee biyyaa hundi, ergamoonni, bulchitoonnii fi qondaaltonni mootichaa sababii Mordekaayiin sodaataniif Yihuudoota gargaaran.
And all the chiefs and the captains and the rulers and those who did the king's business gave support to the Jews; because the fear of Mordecai had come on them.
4 Mordekaayi masaraa mootummaa keessatti beekamaa ture; waaʼeen isaa kutaalee biyyaa guutuu gaʼe; innis akka malee jabaachaa deeme.
For Mordecai was great in the king's house, and word of him went out through every part of the kingdom: for the man Mordecai became greater and greater.
5 Yihuudoonni diinota isaanii hunda goraadeedhaan cicciranii ajjeesuudhaan barbadeessanii warra isaan jibbanis akkuma barbaadan godhan.
So the Jews overcame all their attackers with the sword and with death and destruction, and did to their haters whatever they had a desire to do.
6 Gamoo Suusaa keessattis Yihuudoonni nama dhibba shan qalanii fixan.
And in Shushan the Jews put to death five hundred men.
7 Amma illee Paarshandaataa, Dalfoon, Asfaataa,
They put to death Parshandatha, Dalphon, Aspatha,
8 Phooraataa, Adaliyaa, Ariidaataa,
Poratha, Adalia, Aridatha,
9 Paarmaashitaa, Ariisayi, Ariidayii fi Wayizaataa ajjeesan;
Parmashta, Arisai, Aridai, and Vaizatha,
10 isaan kunneen ilmaan Haamaan ilma Hamedaataa namicha diina Yihuudootaa ture sanaa kurnanii dha. Yihuudoonni garuu boojuu tokko illee hin tuqne.
The ten sons of Haman the son of Hammedatha, the hater of the Jews; but they put not a hand on any of their goods.
11 Baayʼinni namoota gamoo Suusaa keessatti ajjeefamaniis guyyuma sana mootichatti himame.
On that day the number of those who had been put to death in the town of Shushan was given to the king.
12 Mootichis Asteer Mootittiidhaan akkana jedhe; “Yihuudoonni namoota dhibba shanii fi ilmaan Haamaan kurnan gamoo Suusaa keessatti ajjeesanii balleessaniiru. Kutaalee biyyaa mootichaa kanneen hafan keessatti maal godhan laata? Amma wanni ati kadhattu maali? Wanni sun siif kennama. Gaaffiin kee maali? Wanni sunis siif guutama.”
And the king said to Esther the queen, The Jews have put five hundred men to death in Shushan, as well as the ten sons of Haman: what then have they done in the rest of the kingdom! Now what is your prayer? for it will be given to you; what other request have you? and it will be done.
13 Asteeris akkana jettee deebifte; “Yoo wanni kun mooticha gammachiise akka Yihuudoonni Suusaa keessa jiran labsii harʼaa kana bori illee hojii irra oolchaniif eeyyama kennaniif; ilmaan Haamaan kurnanis muka irratti haa fannifaman.”
Then Esther said, If it is the king's pleasure, let authority be given to the Jews in Shushan to do tomorrow as has been done today, and let orders be given for the hanging of Haman's ten sons.
14 Kanaafuu mootichi akka wanni kun raawwatamu ajaje. Labsiin tokko Suusaa keessatti labsame; isaanis ilmaan Haamaan kurnan fannisan.
And the king said that this was to be done, and the order was given out in Shushan, and the hanging of Haman's ten sons was effected.
15 Yihuudoonni Suusaa keessa jiraatan bultii kudha afuraffaa jiʼa Adaaritti walitti qabamanii nama dhibba sadii Suusaa keessatti fixan; garuu boojuu tokko illee hin tuqne.
For the Jews who were in Shushan came together again on the fourteenth day of the month Adar and put to death three hundred men in Shushan; but they put not a hand on their goods.
16 Yeroo kanatti Yihuudoonni kutaalee biyya mootichaa keessatti hafan kaanis mataa isaanii eeguu fi diinota isaanii irraa boqochuuf jedhanii walitti qabaman. Isaanis jara keessaa nama kuma torbaatamii shan fixan; garuu boojuu tokko illee hin tuqne.
And the other Jews in every division of the kingdom came together, fighting for their lives, and got salvation from their haters and put seventy-five thousand of them to death; but they did not put a hand on their goods.
17 Wanni kunis bultii kudha sadaffaa jiʼa Adaar keessa taʼe; guyyaa kudha afuraffaatti immoo boqotanii guyyaa sana guyyaa cidhaa fi gammachuu godhatan.
This they did on the thirteenth day of the month Adar; and on the fourteenth day of the same month they took their rest, and made it a day of feasting and joy.
18 Taʼus Yihuudoonni Suusaa keessa jiraatan guyyaa kudha sadaffaa fi kudha afuraffaatti walitti qabaman; ergasii immoo guyyaa kudha shanaffaatti boqotanii guyyaa sana guyyaa cidhaa fi gammachuu godhatan.
But the Jews in Shushan came together on the thirteenth and on the fourteenth day of the month; and on the fifteenth day they took their rest, and made it a day of feasting and joy.
19 Sababiin Yihuudoonni baadiyyaa kanneen gandoota keessa jiraatan guyyaa kudha afuraffaa jiʼa Adaar akka guyyaa cidhaa fi gammachuutti, akka guyyaa itti kennaa waliif kennaniittis ayyaaneffataniif kanuma.
So the Jews of the country places living in unwalled towns make the fourteenth day of the month Adar a day of feasting and joy and a good day, a day for sending offerings one to another.
20 Mordekaayis wantoota kanneen galmeessee Yihuudoota kutaalee biyya Ahashweroos Mootichaa keessa dhiʼoo fi fagoo jiraatan hundatti xalayoota erge;
And Mordecai sent letters to all the Jews in every division of the kingdom of Ahasuerus, near and far,
21 kunis akka isaan waggaa waggaadhaan guyyaa kudha afuraffaa fi kudha shanaffaa jiʼa Adaar
Ordering them to keep the fourteenth day of the month Adar and the fifteenth day of the same month, every year,
22 akkuma yeroo itti Yihuudoonni diinota isaanii irraa boqonnaa argataniittii fi akka jiʼa itti gaddi isaanii gara gammachuutti, booʼichi isaanii immoo gara kolfaatti geeddarameetti ayyaaneffataniif. Innis akka isaan guyyoota sana akka guyyoota cidhaa fi gammachuutti, akka guyyoota itti nyaata waliif kennanii hiyyeeyyiifis kennaa kennaniitti ayyaaneffatanitti isaaniif barreesse.
As days on which the Jews had rest from their haters, and the month which for them was turned from sorrow to joy, and from weeping to a good day: and that they were to keep them as days of feasting and joy, of sending offerings to one another and good things to the poor.
23 Akkasiin Yihuudoonni akkuma Mordekaayi isaaniif barreessetti ayyaana ayyaaneffachuu jalqaban sana itti fufuuf walii galan.
And the Jews gave their word to go on as they had been doing and as Mordecai had given them orders in writing;
24 Haamaan ilmi Hamedaataa namichi biyya Agaag diinni Yihuudoota hundaa sun Yihuudoota balleessuudhaaf isaanitti yaadee akka isaan badanii fi barbadeeffamaniif ixaa Fuur jedhamu buusee tureetii.
Because Haman, the son of Hammedatha the Agagite, the hater of all the Jews, had made designs for their destruction, attempting to get a decision by Pur (that is, chance) with a view to putting an end to them and cutting them off;
25 Yeroo yaadni sun gurra mootichaa buʼetti mootichi akka yaadni jalʼaan kan Hamaan Yihuudootatti yaade sun matuma isaatti deebiʼee innii fi ilmaan isaa muka irratti fannifamaniif barreeffamaan ajaja dabarse.
But when the business was put before the king, he gave orders by letters that the evil design which he had made against the Jews was to be turned against himself; and that he and his sons were to be put to death by hanging.
26 Kanaafuu guyyoonni sun jecha Fuur jedhamu irraa Furiim jedhamanii moggaafaman. Sababii waan xalayaa kana keessatti barreeffame hundaatii fi sababii waan arganiitii fi waan isaan irra gaʼee tureetiif,
So these days were named Purim, after the name of Pur. And so, because of the words of this letter, and of what they had seen in connection with this business, and what had come to them,
27 Yihuudoonni akka guyyoonni lamaan kunneen akkuma barreeffamettii fi yeroo murteeffametti utuu addaan hin citin waggaa waggaadhaan ayyaaneffamaniif bartee ofii isaanii, kan sanyiiwwan isaaniitii fi warra isaanitti dabalaman hundaa godhanii dhaabbatan.
The Jews made a rule and gave an undertaking, causing their seed and all those who were joined to them to do the same, so that it might be in force for ever, that they would keep those two days, as ordered in the letter, at the fixed time every year;
28 Guyyoonni kunneen dhaloota hunda keessatti, maatii hundaan, kutaalee biyyaa hundaa fi magaalaa hunda keessatti yaadatamuu fi kabajamuu qabu; guyyoonni Furiim kunneen Yihuudootaan kabajamuunis hafuu hin qabu; yaadannoon guyyoota kanneeniis sanyii isaanii keessaa baduu hin qabu.
And that those days were to be kept in memory through every generation and every family, in every division of the kingdom and every town, that there might never be a time when these days of Purim would not be kept among the Jews, or when the memory of them would go from the minds of their seed.
29 Kanaafuu Asteer Mootittiin intalli Abiihaayil sun Mordekaayi Yihuudicha wajjin taʼanii xalayaa lammaffaa waaʼee Furiim dubbatu kana mirkaneessuudhaaf aangoo guutuudhaan barreessan.
Then Esther the queen, daughter of Abihail, and Mordecai the Jew, sent a second letter giving the force of their authority to the order about the Purim.
30 Mordekaayis Yihuudoota kutaalee biyyaa 127 kanneen mootummaa Ahashweroos keessa jiraatan hundatti dubbii hawwii nagaatii fi qabbanaa barreessee erge.
And he sent letters to all the Jews in the hundred and twenty-seven divisions of the kingdom of Ahasuerus, with true words of peace,
31 Kunis akka guyyoonni Furiim kunneen akkuma Mordekaayi Yihuudichii fi Asteer Mootittiin isaaniif labsanitti, akkuma isaanis ofii isaaniitii fi sanyiiwwan isaaniitiif waaʼee soomaatii fi yeroo booʼicha isaanii ilaalchisee dhaabbatanitti yeroo murtaaʼetti ayyaaneffamuuf.
Giving the force of law to these days of Purim at their fixed times, as they had been ordered by Mordecai the Jew and Esther the queen, and in keeping with the rules they had made for themselves and their seed, in connection with their time of going without food and their cry for help.
32 Labsiin Asteeris seera waaʼee Furiim kana mirkaneesse; wanni kunis galmee keessatti barreeffame.
The order given by Esther gave the force of law to the rules about the Purim; and it was recorded in the book.

< Asteer 9 >