< Asteer 8 >
1 Gaafuma sana Ahashweroos Mootichi qabeenya Haamaan isa diina Yihuudootaa ture sanaa Asteer Mootittiif kenne. Asteer akka inni fira ishee taʼe waan mootichatti himtee turteef Mordekaayi fuula mootichaa duratti dhiʼaate.
Siku ile ile Mfalme Ahasuero akampa Malkia Esta shamba la Hamani, adui wa Wayahudi. Naye Mordekai akaja mbele ya mfalme, kwa kuwa Esta alikuwa amesema jinsi anavyohusiana naye.
2 Mootichis qubeelaa chaappaa isaa kan Haamaan irraa deebisee fudhate sana ofi irraa baasee Mordekaayiif kenne. Asteeris qabeenya Haamaan irratti Mordekaayiin muudde.
Mfalme akaivua pete yake ya muhuri, ambayo alikuwa amemnyangʼanya Hamani, akampa Mordekai, naye Esta akamweka Mordekai juu ya shamba la Hamani.
3 Asteer miilla isaa irratti kuftee booʼaa ammas mooticha kadhatte. Isheenis akka inni karoora jalʼaa kan Haamaan namichi biyya Agaag sun Yihuudootatti baase sana fashaleessuuf isa kadhatte.
Esta alimsihi tena mfalme, akianguka miguuni pake na kulia. Akamwomba akomeshe mpango mwovu wa Hamani Mwagagi ambao alikuwa ameupanga dhidi ya Wayahudi.
4 Mootichis bokkuu warqee Asteeriif diriirsinaan isheen kaatee fuula isaa dura dhaabatte.
Kisha mfalme alimnyooshea Esta fimbo yake ya utawala ya dhahabu naye aliinuka na kusimama mbele yake.
5 Isheen akkana jette; “Yoo wanni kun mooticha gammachiise, yoo ani fuula mootichaa duratti surraa argadhee jiraadhe, yoo wanni kun qajeelaa isatti fakkaatee fi yoo inni natti gammade, xalayaa Haamaan ilmi Hamedaataa namichi biyya Agaag sun Yihuudoota kutaalee biyyaa mootichaa hunda keessa jiraatan balleessuudhaaf barreesse sana fashaleessuuf ajajni haa barreeffamu.
Esta akasema, “Kama ikimpendeza mfalme, nami kama nikipata kibali naye akiona ni jambo lililo sawa kunitendea na kama akipendezwa nami, basi iandikwe amri ya kuzitangua barua zile Hamani mwana wa Hamedatha, Mwagagi, alizotunga na kuandika kuangamiza Wayahudi katika majimbo yote ya mfalme.
6 Ani utuun balaa saba koo irra gaʼu arguu akkamittin obsuu dandaʼa? Akkamittis badiisa maatii koo argee obsuu dandaʼa?”
Kwa maana nitawezaje kuvumilia kuona maafa yakiwapata watu wangu? Nitawezaje kuvumilia kuona maangamizi ya jamaa yangu?”
7 Ahashweroos Mootichis akkana jedhee Asteer Mootittii fi Mordekaayi Yihuudichaaf deebii kenne; “Sababii Haamaan Yihuudoota miidheef ani qabeenya isaa Asteeriif kenneera; isaanis muka irratti isa fannisaniiru.
Mfalme Ahasuero akawajibu Malkia Esta na Mordekai Myahudi, “Kwa sababu Hamani aliwashambulia Wayahudi, nimetoa shamba la Hamani kwa Esta, naye ameangikwa kwenye mti wa kunyongea.
8 Sababii labsiin maqaa mootichaatiin barreeffamee chaappaan qubeelaa mootichaa itti godhame diigamuu hin dandeenyeef isin akkuma jaallattanitti waan Yihuudoota ilaalu maqaa mootichaatiin barreessaatii chaappaa qubeelaa mootichaa itti chaappessaa.”
Basi andika amri nyingine kwa jina la mfalme kwa ajili ya Wayahudi kama unavyoona vyema, kisha uifunge kwa kutia muhuri kwa pete ya mfalme kwa kuwa hakuna andiko lililoandikwa kwa jina la mfalme na kutiwa muhuri kwa pete ya mfalme linaloweza kutanguliwa.”
9 Barreessitoonni mootichaas yommusuma bultii digdamii sadaffaa jiʼa sadaffaatti jiʼa Siiwaan jedhamu keessa walitti waamaman. Isaanis ajaja Mordekaayi hunda gara Yihuudoota, ergamoota, bulchitootaa fi namoota bebeekamoo kutaalee biyyaa 127 kanneen biyya Hindiitii hamma Itoophiyaatti jiraatanitti barreessanii ergan. Ajajni kunis arfii tokkoo tokkoo kutaalee biyyaatiin, afaan tokkoo tokkoo sabaatiin akkasumas Yihuudootatti arfii fi afaanuma ofii isaaniitiin barreeffame.
Mara moja waandishi wa mfalme wakaitwa kwenye siku ya ishirini na tatu, mwezi wa tatu, ndio mwezi wa Siwani. Wakaandika yote Mordekai aliyoamuru kwa Wayahudi, kwa majemadari, watawala na wakuu wa majimbo 127 kuanzia Bara Hindi mpaka Kushi. Maagizo haya yaliandikwa kwa maandishi ya kila jimbo na kwa lugha ya kila mtu pia kwa Wayahudi kwa maandishi yao wenyewe na lugha yao.
10 Mordekaayis maqaa Ahashweroos Mootichaatiin xalayoota barreessee chaappaa qubeelaa mootichaa itti chaappesse; xalayoota sanas abbootii fardaa kanneen fardeen mootichaaf leenjifaman keessaa collee taʼan yaabbatanitti erge.
Mordekai aliandika nyaraka kwa jina la Mfalme Ahasuero, akazitia muhuri kwa pete ya mfalme na kuzipeleka kwa njia ya matarishi, ambao waliendesha farasi waendao kasi waliozalishwa maalum kwa ajili ya mfalme.
11 Labsiin mootichaa akka Yihuudoonni magaalaawwan hunda keessa jiraatan walitti qabaman, akka of eeganii fi akka isaan humna waraana saba kamii iyyuu yookaan biyya kamii iyyuu kan isaan, dubartoota isaaniitii fi ijoollee isaanii miidhu akka ajjeesan, akka barbadeessanii fi lafa irraa balleessan akkasumas akka qabeenya diinota isaanii saaman mirga kenneef.
Waraka wa mfalme uliwaruhusu Wayahudi katika kila mji kuwa na haki ya kukusanyika na kujilinda wenyewe; kuharibu, kuua na kuangamiza jeshi lolote, taifa lolote au jimbo lile litakalowashambulia wao, wake zao, watoto wao na kuteka mali za adui zao.
12 Guyyaan akka Yihuudoonni kutaalee biyya Ahashweroos Mootichaa hunda keessatti waan kana godhan murtaaʼeefis bultii kudha sadaffaa jiʼa kudha lammaffaa, jiʼa Adaar jedhamu keessa ture.
Siku ambayo iliwekwa kwa Wayahudi kufanya hili katika majimbo yote ya Mfalme Ahasuero ilikuwa siku ya kumi na tatu ya mwezi wa kumi na mbili, yaani mwezi wa Adari.
13 Garagalchi labsii sanaas kutaalee biyyaa hunda keessatti akka seeraatti raabsamee sabni hundi beekuu qaba ture; kunis akka Yihuudoonnis diinota isaanii haaloo baʼuuf gaafasitti qophaaʼaniif.
Nakala ya tangazo ilikuwa itolewe kama sheria katika kila jimbo na iweze kujulikana kwa watu wa kila taifa, ili kwamba Wayahudi wawe tayari siku hiyo kulipiza kisasi kwa adui zao.
14 Ergamoonni fardeen mootichaa yaabbatan sunis ajaja mootichaatiin ariifatanii gulufaa deeman. Labsiin sunis gamoo Suusaa keessatti labsame.
Matarishi, wakiwa wamepanda farasi wa kifalme, walitoka mbio wakichochewa na agizo la mfalme. Tangazo lilitolewa pia katika ngome ya mji wa Shushani.
15 Mordekaayis uffata mootii kan bifa cuquliisaatii fi adii uffatee, gonfoo warqee guddaa isaa kaaʼatee wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame dhiilgee irraan uffatee fuula mootichaa duraa baʼe. Magaalaan Suusaas gammaddee ililchite.
Mordekai akaondoka mbele ya mfalme akiwa amevaa mavazi ya kifalme ya buluu na nyeupe, taji kubwa la dhahabu na joho la zambarau la kitani safi. Na mji wa Shushani ukasherehekea kwa furaha.
16 Yeroon sun Yihuudootaaf ifa, gammachuu, ilillee fi yeroo ulfinaa ture.
Kwa maana kwa Wayahudi ulikuwa wakati wa raha na furaha, shangwe na heshima.
17 Kutaalee biyyaatii fi magaalaawwan hunda keessatti, lafa labsiin mootichaa gaʼe hundatti Yihuudoonni ilillee fi gammachuudhaan, nyaataa fi dhugaatiidhaan ni ayyaaneffatan. Namoonni gosa kaanii hedduun sababii Yihuudoota sodaataniif Yihuudoota taʼan.
Katika kila jimbo na katika kila jiji, popote waraka wa mfalme ulipofika, kulikuwepo furaha na shangwe miongoni mwa Wayahudi, pamoja na karamu na kushangilia. Na watu wengi wa mataifa mengine wakajifanya Wayahudi kwa sababu ya kuwahofu Wayahudi.