< Asteer 8 >

1 Gaafuma sana Ahashweroos Mootichi qabeenya Haamaan isa diina Yihuudootaa ture sanaa Asteer Mootittiif kenne. Asteer akka inni fira ishee taʼe waan mootichatti himtee turteef Mordekaayi fuula mootichaa duratti dhiʼaate.
On that day, did King Ahasuerus give unto Esther the queen, the house of Haman, the adversary of the Jews, —and, Mordecai, came in before the king, for Esther had told, what he was to her.
2 Mootichis qubeelaa chaappaa isaa kan Haamaan irraa deebisee fudhate sana ofi irraa baasee Mordekaayiif kenne. Asteeris qabeenya Haamaan irratti Mordekaayiin muudde.
And the king took off his signet-ring, which he had taken from Haman, and gave it unto Mordecai, —and Esther set Mordecai over the house of Haman.
3 Asteer miilla isaa irratti kuftee booʼaa ammas mooticha kadhatte. Isheenis akka inni karoora jalʼaa kan Haamaan namichi biyya Agaag sun Yihuudootatti baase sana fashaleessuuf isa kadhatte.
Yet again, spake Esther before the king, and fell down at his feet, —and wept and made supplication unto him, to cause the mischief of Haman the Agagite to pass away, even the plot which he had plotted against the Jews.
4 Mootichis bokkuu warqee Asteeriif diriirsinaan isheen kaatee fuula isaa dura dhaabatte.
And the king held out unto Esther, the golden sceptre, —so Esther arose, and stood before the king;
5 Isheen akkana jette; “Yoo wanni kun mooticha gammachiise, yoo ani fuula mootichaa duratti surraa argadhee jiraadhe, yoo wanni kun qajeelaa isatti fakkaatee fi yoo inni natti gammade, xalayaa Haamaan ilmi Hamedaataa namichi biyya Agaag sun Yihuudoota kutaalee biyyaa mootichaa hunda keessa jiraatan balleessuudhaaf barreesse sana fashaleessuuf ajajni haa barreeffamu.
and said—If, unto the king, it seem good, and if I have found favour before him, and the thing be approved before the king, and, I myself, be pleasing in his eyes, let it be written, to reverse the letters plotted by Haman, son of Hammedatha, the Agagite, which he wrote to destroy thee Jews, who are in all the provinces of the king.
6 Ani utuun balaa saba koo irra gaʼu arguu akkamittin obsuu dandaʼa? Akkamittis badiisa maatii koo argee obsuu dandaʼa?”
For how can I endure to see the ruin that shall overtake my people? or how can I endure to see the destruction of my kindred?
7 Ahashweroos Mootichis akkana jedhee Asteer Mootittii fi Mordekaayi Yihuudichaaf deebii kenne; “Sababii Haamaan Yihuudoota miidheef ani qabeenya isaa Asteeriif kenneera; isaanis muka irratti isa fannisaniiru.
Then said King Ahasuerus unto Esther the queen, and unto Mordecai the Jew, —Lo! the house of Haman, have I given unto Esther, and, him, have they hanged upon the gallows, because he thrust forth his hand against the Jews.
8 Sababii labsiin maqaa mootichaatiin barreeffamee chaappaan qubeelaa mootichaa itti godhame diigamuu hin dandeenyeef isin akkuma jaallattanitti waan Yihuudoota ilaalu maqaa mootichaatiin barreessaatii chaappaa qubeelaa mootichaa itti chaappessaa.”
Ye, therefore, write concerning the Jews as may seem good in your own eyes, in the name of the king, and seal it with the kings signet-ring, —for a writing which hath been written in the king’s name, and sealed with the king’s signet-ring, none can reverse.
9 Barreessitoonni mootichaas yommusuma bultii digdamii sadaffaa jiʼa sadaffaatti jiʼa Siiwaan jedhamu keessa walitti waamaman. Isaanis ajaja Mordekaayi hunda gara Yihuudoota, ergamoota, bulchitootaa fi namoota bebeekamoo kutaalee biyyaa 127 kanneen biyya Hindiitii hamma Itoophiyaatti jiraatanitti barreessanii ergan. Ajajni kunis arfii tokkoo tokkoo kutaalee biyyaatiin, afaan tokkoo tokkoo sabaatiin akkasumas Yihuudootatti arfii fi afaanuma ofii isaaniitiin barreeffame.
Then were called the king’s scribes at that time—in the third month, the same, is the month Siwan, on the twenty-third thereof, and it was written according to all that Mordecai commanded unto the Jews, and unto the satraps and pashas and rulers of the provinces, which are from India even unto Ethiopia, a hundred and twenty-seven provinces, every province according to the writing thereof, and every people according to their tongue, —and unto the Jews, according to their writing, and according to their tongue;
10 Mordekaayis maqaa Ahashweroos Mootichaatiin xalayoota barreessee chaappaa qubeelaa mootichaa itti chaappesse; xalayoota sanas abbootii fardaa kanneen fardeen mootichaaf leenjifaman keessaa collee taʼan yaabbatanitti erge.
and he wrote in the name of King Ahasuerus, and sealed it with the king’s signet-ring, —and sent letters by the hand of runners on horses, riding the swift steeds used in the kings service, bred of the stud:
11 Labsiin mootichaa akka Yihuudoonni magaalaawwan hunda keessa jiraatan walitti qabaman, akka of eeganii fi akka isaan humna waraana saba kamii iyyuu yookaan biyya kamii iyyuu kan isaan, dubartoota isaaniitii fi ijoollee isaanii miidhu akka ajjeesan, akka barbadeessanii fi lafa irraa balleessan akkasumas akka qabeenya diinota isaanii saaman mirga kenneef.
That the king had granted unto the Jews who were in every city, to gather themselves together, and to stand for their life, to destroy, to slay and to cause to perish—all the force of the people and province who should distress them, their little ones and women, —and [to take] the spoil of them as a prey:
12 Guyyaan akka Yihuudoonni kutaalee biyya Ahashweroos Mootichaa hunda keessatti waan kana godhan murtaaʼeefis bultii kudha sadaffaa jiʼa kudha lammaffaa, jiʼa Adaar jedhamu keessa ture.
upon one day, throughout all the provinces of King Ahasuerus, —upon the thirteenth of the twelfth month, the same, is the month Adar:
13 Garagalchi labsii sanaas kutaalee biyyaa hunda keessatti akka seeraatti raabsamee sabni hundi beekuu qaba ture; kunis akka Yihuudoonnis diinota isaanii haaloo baʼuuf gaafasitti qophaaʼaniif.
A copy of the writing to be given, as an edict, throughout every province, was published to all the peoples, —and that the Jews be ready against that day, to avenge themselves on their enemies.
14 Ergamoonni fardeen mootichaa yaabbatan sunis ajaja mootichaatiin ariifatanii gulufaa deeman. Labsiin sunis gamoo Suusaa keessatti labsame.
The runners that rode on the swift steeds used in the king’s service, went forth, being urged forward and pressed on, by the word of the king, —and, the edict, was given in Shusan the palace.
15 Mordekaayis uffata mootii kan bifa cuquliisaatii fi adii uffatee, gonfoo warqee guddaa isaa kaaʼatee wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame dhiilgee irraan uffatee fuula mootichaa duraa baʼe. Magaalaan Suusaas gammaddee ililchite.
And, Mordecai, went forth from the presence of the king, in royal apparel, of blue and white, with a large diadem of gold, and a mantle of fine linen and purple, —and, the city Shusan, was bright and joyful.
16 Yeroon sun Yihuudootaaf ifa, gammachuu, ilillee fi yeroo ulfinaa ture.
To the Jews, had come light, and joy, —and gladness and honour.
17 Kutaalee biyyaatii fi magaalaawwan hunda keessatti, lafa labsiin mootichaa gaʼe hundatti Yihuudoonni ilillee fi gammachuudhaan, nyaataa fi dhugaatiidhaan ni ayyaaneffatan. Namoonni gosa kaanii hedduun sababii Yihuudoota sodaataniif Yihuudoota taʼan.
And, in every province, and in every city, whithersoever the word of the king and his edict did reach, joy and gladness, had the Jews, —a banquet and a happy day, —and, many from among the peoples of the land, were becoming Jews, for the dread of the Jews had fallen upon them.

< Asteer 8 >