< Asteer 7 >
1 Mootichii fi Haamaan gara cidha Asteer Mootittiin qopheessite sanaa dhaqan;
Basi mfalme na Hamani wakaenda kula chakula pamoja na Malkia Esta.
2 utuma guyyaa lammaffaa sanatti daadhii wayinii dhugaa jiranuu, mootichi akkana jedhee gaafate; “Yaa Asteer Mootittii wanni ati kadhattu maal? Wanni sun siif kennama. Gaaffiin kee maal? Walakkaa mootummaa koo illee taanaan wanni ati gaafattu siif kennama.”
Walipokuwa wakinywa mvinyo katika siku ya pili, mfalme akauliza tena, “Malkia Esta, ni nini haja yako? Utapewa. Ombi lako ni nini? Hata nusu ya ufalme, utapewa.”
3 Asteer Mootittiin akkana jettee deebifte; “Yaa mooticha, yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe, yoo wanni kunis mooticha gammachiise, lubbuu koo naaf oolchi; kadhaan koo kanuma. Saba koo illee naaf baraar; gaaffiin koos kanuma.
Kisha Malkia Esta akajibu, “Kama nimepata kibali kwako, ee mfalme, tena kama inapendeza utukufu wako, nijalie maisha yangu, hii ndiyo haja yangu. Pia uokoe watu wangu, hili ndilo ombi langu.
4 Anii fi sabni koo ajjeefamuutti, barbadeeffamuu fi lafa irraa balleeffamuutti gurguramneerraatii. Nu utuu dhiiraa fi dubartiin garbummaa qofatti gurguramne taʼee, ani silaa nan calʼisan ture; rakkinni akkasii mooticha jeequuf sababii gaʼaa mitiitii.”
Kwa kuwa mimi na watu wangu tumeuzwa kwa kuangamizwa, kuchinjwa na kuharibiwa. Kama tungalikuwa tumeuzwa tu kuwa watumwa wa kiume na wa kike, ningalinyamaza kimya, kwa sababu shida kama hii isingalitosha kumsumbua mfalme.”
5 Ahashweroos Mootichis, “Inni eenyuu? Namni waan akkasii gochuuf ija jabaate sun eessa jira?” jedhee Asteer Mootittii gaafate.
Mfalme Ahasuero akamuuliza Malkia Esta, “Ni nani huyu? Yuko wapi mtu huyu aliyethubutu kufanya jambo kama hili?”
6 Asteer immoo, “Amajaajii fi diinni sun Haamaan namichuma jalʼaa kanaa dha” jette. Kana irratti Hamaan fuula mootichaatii fi mootittii duratti akka malee rifate.
Esta akasema, “Mtesi na adui ni huyu mwovu Hamani.” Hamani alifadhaika mbele ya mfalme na malkia.
7 Mootichis aaree kaʼee daadhii wayinii isaa dhiisee gad baʼee iddoo biqiltuu masaraa mootummaa seene. Haamaan garuu akka mootichi isa balleessuudhaaf kutate beekkatee lubbuu ofii oolfachuudhaaf Asteer Mootittii kadhachuudhaaf duubatti hafe.
Mfalme akainuka kwa ghadhabu, akaacha mvinyo wake, akaenda kwenye bustani ya jumba la kifalme. Lakini Hamani, akitambua kwamba mfalme ameshaamua hatima yake, alibaki nyuma kumsihi Malkia Esta aokoe maisha yake.
8 Yeroo mootichi iddoo biqiltuu masaraa mootummaatii gara galma cidhaatti deebiʼetti Haamaan siree Asteer itti irkattee turte irratti gombifamee ture. Mootichis, “Inni inumaa iyyuu manuma koo keessatti utuma isheen na wajjin jirtuu ishee qabataa?” jedhee dubbate. Akkuma dubbiin kun afaan mootichaatii baʼeen isaan fuula Haamaan haguugan.
Mara mfalme aliporudi kutoka bustani ya jumba la kifalme na kuja kwenye ukumbi wa karamu, Hamani alikuwa akijitupa juu ya kiti mahali ambapo Esta alikuwa akiegemea. Mfalme akasema kwa nguvu, “Je, atamdhalilisha malkia hata huku nyumbani akiwa pamoja nami!” Mara neno lilipotoka kinywani mwa mfalme, walifunika uso wa Hamani.
9 Ergasiis xuʼaashiiwwan mooticha tajaajilan keessaa Harboonaan akkana jedhe; “Mukni dhundhuma shantama ol dheeratu tokko mana Haamaa bira dhaabameera. Muka kanas Haamaanitu Mordekaayi isa mooticha gargaaruudhaaf dubbate sana itti fannisuudhaaf dhaabe.” Mootichis, “Achi irratti isa fannisaa!” jedhe.
Kisha Harbona, mmoja wa matowashi wanaomtumikia mfalme, akasema, “Mahali pa kuangika watu penye urefu wa mita ishirini na mbili pako nyumbani mwa Hamani. Alikuwa amepatengeneza kwa ajili ya Mordekai, ambaye alizungumza ili kumsaidia mfalme.” Mfalme akasema, “Mwangikeni juu yake!”
10 Kanaafuu isaan muka inni Mordekaayiif qopheesse sana irratti Haamaanin fannisan. Ergasiis aariin mootichaa ni qabbanaaʼe.
Kwa hiyo wakamtundika Hamani mahali alipokuwa ameandaa kwa ajili ya Mordekai. Ndipo ghadhabu ya mfalme ikatulia.