< Asteer 7 >

1 Mootichii fi Haamaan gara cidha Asteer Mootittiin qopheessite sanaa dhaqan;
王とハマンは王妃エステルの酒宴に臨んだ。
2 utuma guyyaa lammaffaa sanatti daadhii wayinii dhugaa jiranuu, mootichi akkana jedhee gaafate; “Yaa Asteer Mootittii wanni ati kadhattu maal? Wanni sun siif kennama. Gaaffiin kee maal? Walakkaa mootummaa koo illee taanaan wanni ati gaafattu siif kennama.”
このふつか目の酒宴に王はまたエステルに言った、「王妃エステルよ、あなたの求めることは何か。必ず聞かれる。あなたの願いは何か。国の半ばでも聞きとどけられる」。
3 Asteer Mootittiin akkana jettee deebifte; “Yaa mooticha, yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe, yoo wanni kunis mooticha gammachiise, lubbuu koo naaf oolchi; kadhaan koo kanuma. Saba koo illee naaf baraar; gaaffiin koos kanuma.
王妃エステルは答えて言った、「王よ、もしわたしが王の目の前に恵みを得、また王がもしよしとされるならば、わたしの求めにしたがってわたしの命をわたしに与え、またわたしの願いにしたがってわたしの民をわたしに与えてください。
4 Anii fi sabni koo ajjeefamuutti, barbadeeffamuu fi lafa irraa balleeffamuutti gurguramneerraatii. Nu utuu dhiiraa fi dubartiin garbummaa qofatti gurguramne taʼee, ani silaa nan calʼisan ture; rakkinni akkasii mooticha jeequuf sababii gaʼaa mitiitii.”
わたしとわたしの民は売られて滅ぼされ、殺され、絶やされようとしています。もしわたしたちが男女の奴隷として売られただけなら、わたしは黙っていたでしょう。わたしたちの難儀は王の損失とは比較にならないからです」。
5 Ahashweroos Mootichis, “Inni eenyuu? Namni waan akkasii gochuuf ija jabaate sun eessa jira?” jedhee Asteer Mootittii gaafate.
アハシュエロス王は王妃エステルに言った、「そんな事をしようと心にたくらんでいる者はだれか。またどこにいるのか」。
6 Asteer immoo, “Amajaajii fi diinni sun Haamaan namichuma jalʼaa kanaa dha” jette. Kana irratti Hamaan fuula mootichaatii fi mootittii duratti akka malee rifate.
エステルは言った、「そのあだ、その敵はこの悪いハマンです」。そこでハマンは王と王妃の前に恐れおののいた。
7 Mootichis aaree kaʼee daadhii wayinii isaa dhiisee gad baʼee iddoo biqiltuu masaraa mootummaa seene. Haamaan garuu akka mootichi isa balleessuudhaaf kutate beekkatee lubbuu ofii oolfachuudhaaf Asteer Mootittii kadhachuudhaaf duubatti hafe.
王は怒って酒宴の席を立ち、宮殿の園へ行ったが、ハマンは残って王妃エステルに命ごいをした。彼は王が自分に害を加えようと定めたのを見たからである。
8 Yeroo mootichi iddoo biqiltuu masaraa mootummaatii gara galma cidhaatti deebiʼetti Haamaan siree Asteer itti irkattee turte irratti gombifamee ture. Mootichis, “Inni inumaa iyyuu manuma koo keessatti utuma isheen na wajjin jirtuu ishee qabataa?” jedhee dubbate. Akkuma dubbiin kun afaan mootichaatii baʼeen isaan fuula Haamaan haguugan.
王が宮殿の園から酒宴の場所に帰ってみると、エステルのいた長いすの上にハマンが伏していたので、王は言った、「彼はまたわたしの家で、しかもわたしの前で王妃をはずかしめようとするのか」。この言葉が王の口から出たとき、人々は、ハマンの顔をおおった。
9 Ergasiis xuʼaashiiwwan mooticha tajaajilan keessaa Harboonaan akkana jedhe; “Mukni dhundhuma shantama ol dheeratu tokko mana Haamaa bira dhaabameera. Muka kanas Haamaanitu Mordekaayi isa mooticha gargaaruudhaaf dubbate sana itti fannisuudhaaf dhaabe.” Mootichis, “Achi irratti isa fannisaa!” jedhe.
その時、王に付き添っていたひとりの侍従ハルボナが「王のためによい事を告げたあのモルデカイのためにハマンが用意した高さ五十キュビトの木がハマンの家に立っています」と言ったので、王は「彼をそれに掛けよ」と言った。
10 Kanaafuu isaan muka inni Mordekaayiif qopheesse sana irratti Haamaanin fannisan. Ergasiis aariin mootichaa ni qabbanaaʼe.
そこで人々はハマンをモルデカイのために備えてあったその木に掛けた。こうして王の怒りは和らいだ。

< Asteer 7 >