< Asteer 6 >

1 Halkan sana mootichi rafuu hin dandeenye; kanaafuu inni akka isaan kitaaba seenaa kan waaʼee mootummaa isaa barreeffame isaaf dubbisan ni ajaje.
A daren nan, sarki bai iya barci ba, saboda haka ya ba da umarni a kawo, a kuma karanta masa littafin tarihi na shekara-shekara, da rubutaccen labarin mulkinsa.
2 Kitaaba sana keessattis Mordekaayi akka Bigtaanaa fi Tereshi xuʼaashiiwwan balbala eegan kanneen Ahashweroos Mooticha ajjeesuuf mariʼatan sana lamaan saaxilee ture barreeffamee argame.
Aka tarar, a rubuce a ciki, cewa Mordekai ya tone ƙulle-ƙullen Bigtana da Teresh, biyu daga hafsoshin sarki, waɗanda suke tsaron mashigin ƙofa, waɗanda suka ƙulla su kashe Sarki Zerzes.
3 Mootichis, “Yoos Mordekaayi sababii waan kanaatiif ulfina yookaan kabaja maalii argate ree?” jedhee gaafate. Tajaajiltoonni isaa immoo, “Wanni tokko iyyuu hin godhamneef” jedhanii deebisan.
Sarki ya ce, “Wace girma da daraja ce aka ba wa Mordekai saboda wannan?” Masu hidimarsa suka ce, “Ba a yi masa wani abu ba.”
4 Mootichis, “Eenyutu oobdii kana keessa jira?” jedhee gaafate. Yeroo sana Haamaan waaʼee Mordekaayiin muka dhaabe sana irratti fannisuu mootichatti himuuf jedhee oobdii masaraa mootummaa isa gara alaa seenee ture.
Sarki ya ce, “Wa yake a haraba?” Daidai lokacin kuwa Haman ya shigo harabar waje na fada don yă yi magana da sarki a kan a rataye Mordekai a wurin rataye mai laifin da ya shirya.
5 Tajaajiltoonni mootichaa, “Haamaanitu oobdii keessa dhaabatee jira” jedhanii deebisan. Mootichis, “Isa ol galchaa” jedhee ajaje.
Masu yi wa sarki hidima, suka amsa, “Haman yana tsaye a haraba.” Sarki ya umarta, “A kawo shi ciki.”
6 Mootichis yeroo Haamaan ol galetti, “Nama mootichi kabajuu barbaaduuf maaltu godhamuufii qaba?” jedhee isa gaafate. Haamaanis, “Namni mootichi na caalchisee kabaju eenyu?” jedhee ofi keessatti yaade.
Sa’an nan Haman ya shigo, sai sarki ya ce masa, “Me ya kamata a yi wa mutumin da sarki yake jin daɗi yă girmama?” Haman dai ya yi tunani a ransa ya ce, “Wane ne sarki zai girmama in ba ni ba?”
7 Kanaafuu Haamaan akkana jedhee mootichaaf deebise; “Nama mootichi kabajuu jaallatuuf,
Sai ya amsa wa sarki cewa, “Saboda mutumin da sarki yake jin daɗi yă girmama,
8 uffata mootummaa kan mootichi uffatuu fi farda mootummaa kan mootichi yaabbatu haa fidan; fardi gonfoon mootii mataatti kaaʼameef haa dhufuuf.
bari a kawo rigar sarautar da sarki ya taɓa sawa, da kuma dokin da sarki ya taɓa hawa, wanda aka sa kambin sarauta a kai.
9 Ergasii uffannii fi fardi sun qondaaltota mootichaa kanneen qondaaltota hunda caalaa beekamoo taʼan keessaa isa tokkotti imaanaan haa kennamuuf; isaan immoo nama mootichi ulfina kennuufii barbaadu sanatti uffata sana haa uffisan; farda yaabbachiisaniis, ‘Wanni nama mootichi ulfina kennuufii barbaaduuf godhamu kana!’ jedhanii labsaa daandiiwwan magaalattii irra fuula isaa dura haa deeman.”
Sa’an nan, bari a ba da rigar da kuma dokin wa ɗaya daga cikin manyan sarakuna mafi kirki na sarki. Bari shi kuma yă sa wannan riga wa mutumin da sarki yake jin daɗi yă girmama, a kuma bi da shi a bisan doki ko’ina a titunan birni, ana shela a gabansa ana cewa, ‘Wannan shi ne abin da ake yin wa mutumin da sarki yake jin daɗi yă girmama!’”
10 Mootichis akkana jedhee Haamaanin ajaje; “Dafii dhaqii uffataa fi farda sana fuudhiitii akkuma jette sana Mordekaayi Yihuudicha karra mootii dura taaʼu sanaaf godhi. Waan jette sana keessaa tokko illee hin hambisin.”
Sarki ya umarci Haman ya ce, “Tafi yanzu ka karɓi rigar da dokin, ka kuma yi yadda ka shawarta wa Mordekai, mutumin Yahudan nan, wanda yake zama a bakin ƙofar sarki. Kada ka kāsa yin kome daga cikin abin da ka faɗa.”
11 Kanaafuu Haamaan dhaqee uffataa fi farda sana fuudhe. Innis uffata sana Mordekaayiitti uffisee fardas yaabbachiisee, “Wanni nama mootichi ulfina kennuufii barbaaduuf godhamu kanaa dha!” jedhee labsaa daandii magaalaa irra fuula isaa dura deeme.
Saboda haka, Haman ya karɓo rigar da dokin. Ya sa wa Mordekai rigar, ya kuma bi da shi a kan doki ko’ina a titunan birnin, yana shela a gabansa yana cewa, “Wannan shi ne abin da ake yi wa mutumin da sarki yake jin daɗi yă girmama!”
12 Ergasii Mordekaayi gara karra mootichaatti deebiʼe. Haamaan garuu gaddaan mataa haguuggatee ariitiidhaan manatti gale;
Daga baya, Mordekai ya dawo zuwa ƙofar sarki. Amma Haman ya ruga gida, kansa a rufe, saboda baƙin ciki.
13 waan isa irra gaʼe hundas niitii isaa Zeresh fi michoota isaa hundatti hime. Gorsitoonni isaatii fi niitiin isaa Zosaaraan, “Sababii Mordekaayi inni kufaatiin kee fuula isaa duratti jalqabe sun sanyii Yihuudaa taʼeef ati isaan mormuu hin dandeessu; ati dhugumaan ni badda!” jedhaniin.
Ya je ya faɗa wa matarsa Zeresh, da dukan abokansa, me ya same shi. Masu ba shi shawara, da matarsa Zeresh, suka ce masa, “Idan Mordekai, wanda ka fara fāɗuwa a gabansa, daga zuriyar Yahudawa yake, to, ba za ka yi nasara a kansa ba, tabbatacce za ka fāɗi a gabansa!”
14 Utuma isaan isa wajjin dubbachaa jiranuu xuʼaashiiwwan mootichaa dhufanii gara cidha Asteer qopheessitee turte sanaatti Haamaan ariifachiisan.
Suna cikin magana da shi ke nan, sai ga bābānnin sarki, suka iso suka kuma hanzarta da Haman zuwa liyafar da Esta ta shirya.

< Asteer 6 >