< Asteer 5 >

1 Guyyaa sadaffaatti Asteer uffata ishee kan mootummaa uffatee dhaqxee oobdii masaraa mootichaa kan gara keessaa irra fuula galma mootichaa dura dhaabatte. Mootichi immoo galma sana keessa gara balbalaatti garagalee teessoo mootummaa isaa irra taaʼee ture.
On the third day, Esther put on her royal attire and stood in the inner court of the palace across from the king’s quarters. The king was sitting on his royal throne in the royal courtroom, facing the entrance.
2 Mootichis utuu Asteer Mootittiin oobdii keessa dhaabachaa jirtuu argee isheetti gammadee bokkuu warqee kan harkatti qabatee ture sana isheef diriirse. Kanaafuu Asteer itti dhiʼaattee fiixee bokkuu sanaa tuqxe.
As soon as the king saw Queen Esther standing in the court, she found favor in his sight. The king extended the gold scepter in his hand toward Esther, and she approached and touched the tip of the scepter.
3 Mootichi, “Yaa Asteer Mootittii maal siif godhu? Maal barbaadda? Walakkaa mootummaa koo illee taanaan siif ni kennama” jedheen.
“What is it, Queen Esther?” the king inquired. “What is your request? Even up to half the kingdom, it will be given to you.”
4 Asteeris, “Yoo wanni kun mooticha gammachiise, mootichi gara cidha ani isaaf qopheesse sanaa Haamaan wajjin harʼa haa dhufu” jettee deebifteef.
“If it pleases the king,” Esther replied, “may the king and Haman come today to the banquet I have prepared for the king.”
5 Mootichis, “Akka waan Asteer jette sana goonuuf dafaatii Hamaa fidaa” jedhe. Kanaafuu mootichii fi Haamaan gara cidha Asteer qopheessite sanaa dhaqan.
“Hurry,” commanded the king, “and bring Haman, so we can do as Esther has requested.” So the king and Haman went to the banquet that Esther had prepared.
6 Utuma daadhii wayinii dhuganuu mootichi amma illee akkana jedhee Asteerin gaafate; “Mee wanni ati kadhattu maal? Wanni sun siif kennama. Gaaffiin kee maali? Walakkaa mootummaa koo illee taanaan siif kennama.”
And as they drank their wine, the king said to Esther, “What is your petition? It will be given to you. What is your request? Even up to half the kingdom, it will be fulfilled.”
7 Asteeris akkana jettee deebifteef; “Wanni ani kadhadhuu fi gaaffiin koo kanaa dha:
Esther replied, “This is my petition and my request:
8 Yoo ani fuula mootichaa duratti surraa argadhee mootichis kadhannaa koo fudhatee waan ani isa gaafadhe naaf guutuun isa gammachiise, mootichii fi Haamaan cidha ani isaaniif qopheessu irratti bor haa argaman. Ani ergasii gaaffii mootichaa nan deebisa.”
If I have found favor in the sight of the king, and if it pleases the king to grant my petition and fulfill my request, may the king and Haman come tomorrow to the banquet I will prepare for them. Then I will answer the king’s question.”
9 Gaafas Haamaan gammadee itti tolee gad baʼe. Inni garuu karra mootichaa duratti Mordekaayiin argee yommuu akka inni isaaf hin kaʼin yookaan isa hin sodaatin hubatetti Mordekaayiitti akka malee aare.
That day Haman went out full of joy and glad of heart. At the king’s gate, however, he saw Mordecai, who did not rise or tremble in fear at his presence. And Haman was filled with rage toward Mordecai.
10 Taʼu illee Haamaan of qabee mana isaatti gale. Ergasiis michoota isaatii fi niitii isaa Zeresh walitti qabe;
Nevertheless, Haman restrained himself and went home. And calling for his friends and his wife Zeresh,
11 Haamaanis qabeenya isaa guddaa sanaan, ilmaan isaa hedduu sanaan akkasumas ulfina mootichi isaaf kenne hundaa fi akkaataa itti mootichi qondaaltota isaatii fi tajaajiltoota isaa kaanii olitti isa guddiseen isaanitti of jaje.
Haman recounted to them his glorious wealth, his many sons, and all the ways the king had honored and promoted him over the other officials and servants.
12 Haamaan itti fufee akkana jedhe; “Kana qofa miti; namni Asteer Mootittiin akka mooticha wajjin gara cidha qopheessite sanaa dhufu waamte anuma qofa. Boris akkasuma mooticha wajjin na affeerteerti.
“What is more,” Haman added, “Queen Esther invited no one but me to join the king at the banquet she prepared, and I am invited back tomorrow along with the king.
13 Taʼus wanni kun hundinuu utuu ani Mordekaayi Yihuudicha isaa karra mootichaa dura taaʼu arguu na hin gammachiisu.”
Yet none of this satisfies me as long as I see Mordecai the Jew sitting at the king’s gate.”
14 Niitiin isaa Zeresh fi michoonni isaa hundinuu, “Muka itti nama fannisan kan dhundhuma shantama ol dheeratu dhaabiitii akka Mordekaayi bor ganama irratti fannifamu mooticha gaafadhu. Ergasiis mooticha wajjin gara cidha sanaa dhaqii gammadi” jedhaniin. Yaadni kun Haamaanin gammachiise; innis muka sana dhaabe.
His wife Zeresh and all his friends told him, “Have them build a gallows fifty cubits high, and ask the king in the morning to have Mordecai hanged on it. Then go to the banquet with the king and enjoy yourself.” The advice pleased Haman, and he had the gallows constructed.

< Asteer 5 >