< Asteer 4 >

1 Mordekaayi yeroo waan hojjetame sana hunda beeketti uffata isaa tarsaasee, wayyaa gaddaa uffatee, daaraa ofitti firfirsee, sagalee guddaadhaan wawwaachaa hiqqifatees booʼaa gara walakkaa magaalaatti gad baʼe.
وقتی مردخای از این توطئه باخبر شد، از شدت غم، لباس خود را پاره کرد و پلاس پوشیده خاکستر بر سر خود ریخت و با صدای بلند گریهٔ تلخی سر داده از میان شهر گذشت
2 Inni garuu sababii namni uffata gaddaa uffate tokko iyyuu akka ol seenu hin eeyyamamneef hamma karra mootichaa qofatti deeme.
تا به دروازهٔ کاخ سلطنتی رسید. اما نتوانست داخل شود، زیرا هیچ‌کس اجازه نداشت با پلاس وارد کاخ بشود.
3 Kutaalee biyyaa hunda iddoo ajajnii fi labsiin mootichaa gaʼetti gaddi guddaan, soomni booʼichii fi wawwaannaan Yihuudoota gidduu ture; baayʼeen isaanii uffata gaddaa uffatanii daaraa keessa ciisan.
وقتی فرمان پادشاه به استانها رسید، یهودیان عزا گرفتند. آنها گریه و زاری کردند و لب به غذا نزدند و اکثر ایشان پلاس در برکرده، روی خاکستر دراز کشیدند.
4 Yeroo dubartoonni tajaajiltoonni Asteerii fi xuʼaashiiwwan dhufanii waaʼee Mordekaayi isheetti himanitti Asteer akka malee gaddite. Isheenis qooda uffata gaddaa wayyaa inni uffatu ergiteef; inni garuu isaan harkaa fudhachuu dide.
وقتی ندیمه‌های استر و خواجه‌سرایان دربار از وضع مردخای خبر آوردند، استر بسیار محزون شد و برای مردخای لباس فرستاد تا به جای پلاس بپوشد، ولی مردخای قبول نکرد.
5 Kana irratti Asteer xuʼaashiiwwan mootichaa keessaa Hataak isa ishee tajaajiluuf ramadame sana waamtee akka inni Mordekaayi bira deemee, rakkoo uumamee fi rakkoon sun maaliif akka uumame beekuuf ajajje.
آنگاه استر، هتاک را که یکی از خواجه‌سرایان دربار بود و برای خدمتگزاری استر تعیین شده بود احضار کرد و او را فرستاد تا برود و از مردخای بپرسد که چه اتفاقی افتاده است و چرا پلاس پوشیده است.
6 Kanaafuu Hataak gara oobdii magaalattii kan karra mootichaa duraa sanaatti Mordekaayiitti baʼe.
هتاک به میدان شهر که روبروی دروازهٔ کاخ سلطنتی بود نزد مردخای رفت.
7 Mordekaayi waan isa irra gaʼe hunda, maallaqa Haamaan Yihuudoota balleessuudhaaf mankuusa qabeenya mootichaatti galchuuf waadaa gale isatti hima.
مردخای همه چیز را برای او تعریف کرد و از مبلغی که هامان در ازای کشتار یهودیان وعده داده بود به خزانهٔ سلطنتی بپردازد، خبر داد.
8 Akkasumas Mordekaayi akka inni Asteeritti argisiisee isheedhaaf ibsuuf garagalcha barreeffama labsii kan isaan balleessuudhaaf Suusaa keessatti labsame sana isatti kenne; akka inni akka isheen mooticha bira dhaqxee itti boossee saba isheetiif araara kadhattu itti himuufis isa ajaje.
مردخای یک نسخه از فرمان پادشاه مبنی بر کشتار یهودیان را که در شوش صادر شده بود به هتاک داد تا به استر نشان دهد و از او بخواهد نزد پادشاه برود و برای قوم خود شفاعت کند.
9 Hataak deebiʼee waan Mordekaayi jedhe Asteeritti hime.
هتاک برگشت و پیغام مردخای را به استر رسانید.
10 Asteer immoo akka inni akkana jedhee Mordekaayiitti himu isa ajajje;
استر به هتاک دستور داد پیش مردخای برگردد و به او چنین بگوید:
11 “Qondaaltonni mootichaa hundii fi sabni kutaalee biyyaa mootichaa akka mootichi yoo namni kam iyyuu dhiiras taʼu dubartiin utuu hin waamamin kutaa manaa isa gara keessaa ol seenee fuula mootichaa duratti dhiʼaate akka mootichi seera tokko qofa qabu jechuunis akka ajjeefamu ni beeku. Namni tokko yoo mootichi bokkuu mootummaa kan warqee sana diriirseef qofa ajjeefamuu oola. Ani mataan koo iyyuu guyyoota soddomman kana keessaa akkan fuula mootichaa duratti dhiʼaadhuuf waamamee hin beeku.”
«تمام مردم این مملکت می‌دانند که هر کس چه زن و چه مرد اگر بدون احضار از جانب پادشاه، وارد تالار مخصوص او بشود، طبق قانون کشته خواهد شد، مگر اینکه پادشاه عصای سلطنتی خود را به طرف او دراز کند. حال بیش از یک ماه است که پادشاه مرا احضار نکرده است تا شرفیاب شوم.»
12 Yommuu dubbiin Asteer Mordekaayiitti himametti,
وقتی هتاک پیغام استر را به مردخای رساند،
13 inni akkana jedhee deebii kana erge: “Ati sababii mana mootichaa keessa jirtuuf Yihuudoota hunda keessaa waan ati qofti baraaramtu hin seʼin.
مردخای در جواب گفت که به استر چنین بگوید: «خیال نکن وقتی تمام یهودیان کشته شوند، تو در کاخ سلطنتی جان به در خواهی برد!
14 Yoo ati yeroo kanatti calʼifte gargaarsaa fi furamni Yihuudootaa iddoo biraatii ni dhufa; atii fi manni abbaa keetii garuu ni baddu. Maaltu beeka? Ati taayitaa mootummaa qabachuun kee yeroo akkanaatiif taʼaatii.”
اگر در این موقعیت، تو ساکت بمانی رهایی برای یهود از جایی دیگر پدید خواهد آمد، اما تو و خاندانت کشته خواهید شد. از این گذشته کسی چه می‌داند، شاید برای همین زمان ملکه شده‌ای.»
15 Kana irratti Asteer akkana jettee deebii kana Mordekaayiitti ergite:
پس استر این پیغام را برای مردخای فرستاد:
16 “Dhaqiitii Yihuudoota Suusaa keessa jiran hunda walitti qabiitii naa soomaa. Bultii sadii, guyyaa yookaan halkan illee homaa hin nyaatinaa yookaan homaa hin dhuginaa. Anii fi dubartoonni tajaajiltoonni koo iyyuu akkuma keessan ni soomna. Yoo akkas taʼe wanni kun seeraan ala taʼu illee ani gara mootichaa nan dhaqa. Ani yoon bades nan bada.”
«برو و تمام یهودیان شوش را جمع کن تا برای من سه شبانه روز روزه بگیرند. من و ندیمه‌هایم نیز همین کار را می‌کنیم. سپس، من به حضور پادشاه خواهم رفت، هر چند این برخلاف قانون است. اگر کشته شدم، بگذار کشته شوم!»
17 Kanaafuu Mordekaayi deemee waan Asteer isa ajajje hunda hojii irra oolche.
پس مردخای رفت و هر چه استر گفته بود انجام داد.

< Asteer 4 >