< Asteer 3 >

1 Waan kanneen booddee Ahashweroos Mootichi Haamaan ilma Hamedaataa namicha biyya Agaag ol ol qabuudhaan teessoo qondaaltota kaanii hunda caalu kenneefii isa kabaje.
After these things did king Ahasuerus promote Haman the son of Hammedatha the Agagite, and advanced him, and set his seat above all the princes that were with him.
2 Qondaaltonni mootichaa warri karra eegan hundi jilbeenfatanii Haamaaniif ulfina kennan; mootichi waaʼee isaa waan kana ajajee tureetii. Mordekaayi garuu hin jilbeenfanne yookaan ulfina isaaf hin kennine.
And all the king’s servants, that were in the king’s gate, bowed, and reverenced Haman: for the king had so commanded concerning him. But Mordecai bowed not, nor did him reverence.
3 Qondaaltonni mootichaa warri karra mootichaa dura turan, “Ati maaliif ajaja mootichaa eeguu didda?” jedhanii Mordekaayiin gaafatan.
Then the king’s servants, which were in the king’s gate, said to Mordecai, Why transgress you the king’s commandment?
4 Isaan guyyuma guyyaadhaan isatti himaa turan; inni garuu isaan dhagaʼuu dide. Kanaafuu isaan sababii Mordekaayi akka nama gosa Yihuudaa taʼe isaanitti hime tureef dubbiin isaa kun akka maal taʼuu qabu beekuudhaaf waan kana Haamaanitti himan.
Now it came to pass, when they spoke daily to him, and he listened not to them, that they told Haman, to see whether Mordecai’s matters would stand: for he had told them that he was a Jew.
5 Haamaan akka Mordekaayi isaaf hin jilbeenfatin yookaan ulfina hin kenniniif arginaan akka malee aare.
And when Haman saw that Mordecai bowed not, nor did him reverence, then was Haman full of wrath.
6 Haamaanis eenyummaa saba Mordekaayi beeknaan Mordekaayiin qofa ajjeesuu ni tuffate. Qooda kanaa Haamaan saba Mordekaayi hunda jechuunis Yihuudoota mootummaa Ahashweroos guutuu keessa jiraatan fixuuf karaa barbaadaa ture.
And he thought scorn to lay hands on Mordecai alone; for they had showed him the people of Mordecai: why Haman sought to destroy all the Jews that were throughout the whole kingdom of Ahasuerus, even the people of Mordecai.
7 Isaanis waggaa kudha lammaffaa bara Ahashweroos Mootichaa keessa jiʼa jalqabaa jiʼa Niisaan jedhamu keessa guyyaa fi jiʼa filachuudhaaf fuula Haamaan duratti Fuur jechuunis ixaa buusan. Ixaan sun jiʼa kudha lammaffaa jechuunis jiʼa Adaar irra buʼe.
In the first month, that is, the month Nisan, in the twelfth year of king Ahasuerus, they cast Pur, that is, the lot, before Haman from day to day, and from month to month, to the twelfth month, that is, the month Adar.
8 Haamaanis Ahashweroos Mootichaan akkana jedhe; “Uummanni tokko saba kutaalee biyyaa mootummaa keetii keessa jiran hunda gidduu faffacaʼeera; duudhaan uummata kanaa duudhaa saba kaanii hundaan adda; isaan seera mootichaa hin kabajan; kanaafuu mootichi uummata kanaaf obsa qabaachuun hin malu.
And Haman said to king Ahasuerus, There is a certain people scattered abroad and dispersed among the people in all the provinces of your kingdom; and their laws are diverse from all people; neither keep they the king’s laws: therefore it is not for the king’s profit to suffer them.
9 Yoo wanni kun mooticha gammachiise saba kana balleessuudhaaf labsiin tokko haa baʼu; anis warra waan kana hojjetaniif meetii taalaantii kuma kudhan mankuusa qabeenya mootichaatti nan galcha.”
If it please the king, let it be written that they may be destroyed: and I will pay ten thousand talents of silver to the hands of those that have the charge of the business, to bring it into the king’s treasuries.
10 Kanaafuu mootichi qubeelaa chaappaa isaa quba ofii irraa baasee Haamaan ilma Hamedaataa namicha biyya Agaag, diina Yihuudootaa sanatti kenne.
And the king took his ring from his hand, and gave it to Haman the son of Hammedatha the Agagite, the Jews’ enemy.
11 Mootichis Haamaaniin, “Maallaqnis, sabni sunis sitti kennameeraatii akkuma feete godhi” jedhe.
And the king said to Haman, The silver is given to you, the people also, to do with them as it seems good to you.
12 Guyyaa kudha sadaffaa jiʼa jalqabaatti barreessitoonni mootichaa walitti waamaman. Isaanis waan Haamaan ajaje sana hunda arfii tokkoo tokkoo kutaa biyyaatiin, afaan saba hundaatiinis gara biyya bulchitoota mootichaatti, bulchitoota tokkoo tokkoo kutaalee biyyaatii fi gara gurguddoota saba adda addaatti barreessan. Wanni kunis maqaa Ahashweroos Mootichaatiin barreeffamee, qubeelaa chaappaa isaatiin mallatteeffame.
Then were the king’s scribes called on the thirteenth day of the first month, and there was written according to all that Haman had commanded to the king’s lieutenants, and to the governors that were over every province, and to the rulers of every people of every province according to the writing thereof, and to every people after their language; in the name of king Ahasuerus was it written, and sealed with the king’s ring.
13 Xalayoonni akka Yihuudoonni hundi dargaggoonnii fi maanguddoonni, dubartoonnii fi ijoolleen xixinnoon guyyuma tokkotti jechuunis guyyaa kudha sadaffaa jiʼa kudha lammaffaatti, jiʼa Adaar jedhamu keessa ajjeefaman, akka barbadeeffamanii fi lafa irraa balleeffaman, akka qabeenyi isaaniis saamamu gara kutaalee biyya mootichaa hundaatti ajajaan ergamootaan ergaman.
And the letters were sent by posts into all the king’s provinces, to destroy, to kill, and to cause to perish, all Jews, both young and old, little children and women, in one day, even on the thirteenth day of the twelfth month, which is the month Adar, and to take the spoil of them for a prey.
14 Akka sabni hundi beekee guyyaa sanaaf qophaaʼuufis garagalchi barreeffama sanaas akka seeraatti kutaalee biyyaa hunda keessatti saba hundatti labsamuu qaba ture.
The copy of the writing for a commandment to be given in every province was published to all people, that they should be ready against that day.
15 Ergamoonni sun ajaja mootichaatiin ariitiidhaan deeman; labsiin sunis Suusaa magaalaa guddittii keessatti labsame. Mootichi fi Haamaan waa dhuguudhaaf taaʼan; magaalaan Suusaa garuu ni jeeqamte.
The posts went out, being hastened by the king’s commandment, and the decree was given in Shushan the palace. And the king and Haman sat down to drink; but the city Shushan was perplexed.

< Asteer 3 >