< Asteer 2 >

1 Ahashweroos Mootichi erga aariin isaa qabbanaaʼee booddee waan Waashtiin gootee fi labsii inni waaʼee ishee labse ni yaadate.
Après ces choses, quand la colère du roi Assuérus se fut calmée, il se rappela Vasthi, ce qu’elle avait fait et la décision qui avait été prise à son sujet.
2 Kana irrattis tajaajiltoonni mootichaa akkana jedhanii yaada dhiʼeessan; “Dubarran babbareedoon mootichaaf haa barbaadaman.
Alors les serviteurs du roi, qui étaient en fonctions près de lui, dirent: « Qu’on cherche pour le roi des jeunes filles, vierges et belles de figure;
3 Akka isaan kutaalee biyyaa mootichaa hunda keessaa dubarran babbareedoo hunda gara Suusaa magaalaa guddoo iddoo dubartoonni jiraatanitti fidaniif mootichi itti gaafatamtoota haa muudu; isaanis Heegaayi xuʼaashii mootichaa itti gaafatamaa dubartoota sana jalatti haa ajajaman; dubarran sanaafis kunuunsi miidhaginaa haa godhamu.
que le roi établisse dans toutes les provinces de son royaume des officiers chargés de rassembler toutes les jeunes filles, vierges et belles de figure, à Suse, la capitale, dans la maison des femmes, sous la surveillance d’Egée, eunuque du roi et gardien des femmes, qui pourvoira à leur toilette;
4 Ergasiis durbi mooticha gammachiiftu iddoo Waashtiin buutee niitii mootii haa taatu.” Gorsi kunis mooticha ni gammachiise; innis akkuma jedhame sana godhe.
et que la jeune fille qui plaira au roi devienne reine à la place de Vasthi. « Le roi approuva cet avis, et il fit ainsi.
5 Yeroo sanatti gosa Beniyaam keessaa namichi Yihuudaa ilmi Yaaʼiir, ilmi Shimeʼii, ilmi Qiish kan Mordekaayi jedhamu tokko Suusaa magaalaa muummittii keessa jiraata ture;
Il y avait à Suse, la capitale, un Juif nommé Mardochée, fils de Jaïr, fils de Séméï, fils de Cis, de la race de Benjamin,
6 innis warra Yehooyaakiin mooticha Yihuudaa wajjin Yerusaalemii Nebukadnezar mooticha Baabiloniin boojiʼamanii fudhataman keessaa tokko ture.
qui avait été emmené de Jérusalem parmi les captifs déportés avec Jéchonias, roi de Juda, par Nabuchodonosor, roi de Babylone.
7 Mordekaayis, durbii Hadasaa jedhamtu kan sababii isheen abbaa fi haadha hin qabneef ofitti fudhate tokko qaba ture. Durbi Asteer jedhamtee beekamtu kun dhaabaa fi bifaan jaallatamtuu turte; yeroo abbaa fi haati ishee duʼanitti Mordekaayi ofitti fudhatee akkuma intala ofii isaatti guddifate.
Il élevait Edissa, qui est Esther, fille de son oncle; car elle n’avait ni père ni mère. La jeune fille était belle de forme et d’un gracieux visage; à la mort de son père et de sa mère, Mardochée l’avait adoptée pour fille.
8 Yeroo ajajnii fi labsiin mootichaa dhagaʼametti dubarran hedduun gara Suusaa magaalaa gudditiitti fidamanii harka Hegeetti kennaman. Asteeris gara masaraa mootichaatti geeffamtee Heegaayi itti gaafatamaa dubartootaa sanatti imaanaa kennamte.
Lorsqu’on eut publié l’ordre du roi et son édit, et que de nombreuses jeunes filles furent rassemblées à Suse, la capitale, sous la surveillance d’Egée, Esther fut prise aussi et amenée dans la maison du roi, sous la surveillance d’Egée, gardien des femmes.
9 Durbi sunis isa gammachiiftee fuula isaa duratti fudhatama argatte. Innis yommusuma dibata miidhagina isheetiif taʼuu fi nyaata addaa kenneef. Dubartoota ishee tajaajilan kanneen masaraa mootichaa keessaa filataman torbas isheedhaaf ramade; ishee fi tajaajiltoota ishee sana gara mana dubartootaa kan mana hunda caalaa filatamaa taʼeetti geesse.
La jeune fille lui plut et gagna sa faveur; il s’empressa de lui fournir les choses nécessaires à sa toilette et à sa subsistance, de lui donner sept jeunes filles choisies dans la maison du roi, et il la fit passer avec elles dans le meilleur appartement de la maison des femmes.
10 Waan Mordekaayi akka isheen hin himne ishee dhowweef Asteer saba isheetii fi maalummaa maatii ishee hin himne.
Esther ne fit connaître ni son peuple ni sa naissance, car Mardochée lui avait défendu d’en parler.
11 Mordekaayis haala Asteer keessa jirtuu fi waan ishee irra gaʼe beekuudhaaf guyyuma guyyaadhaan fuula oobdii mana dubartootaa dura jiru sana irra deddeebiʼaa ture.
Chaque jour Mardochée se promenait devant la cour de la maison des femmes, pour savoir comment se portait Esther et comment on la traitait.
12 Durbi tokko utuu dabareen isheen itti fuula Ahashweroos Mootichaa duratti dhiʼeeffamtu hin gaʼin dura akkuma seera dubartootaaf kaaʼame sanaatti kunuunsa miidhaginaa kan jiʼa kudha lamaa fixuu qabdi ture; isheenis jiʼa jaʼa zayitii qumbiitiin, jiʼa jaʼa immoo shittoo fi dibata garaa garaatiin miidhagfamuu qabdi ture.
Et quand arrivait pour chaque jeune fille le tour d’aller vers le Roi Assuérus, après avoir passé douze mois à accomplir ce qui était prescrit aux femmes, — et voici ce que comportait le temps de leur purification: pendant six mois, elles se purifiaient avec de l’huile de myrrhe, et pendant six mois avec des aromates et des parfums en usage parmi les femmes, —
13 Haalli itti durbi tokko mooticha bira dhaqxu akkana ture: Wanni isheen mana dubartootaatii fudhattee gara masaraa mootichaa dhaquu feetu kam iyyuu ni kennamaaf ture.
et que la jeune fille allait vers le roi, on lui permettait de prendre avec elle ce qu’elle voulait, pour aller de la maison des femmes dans la maison du roi.
14 Isheenis galgala achi dhaqxee ganama immoo gara kutaa mana dubartootaa kan harka Shaʼasgaazi xuʼaashii itti gaafatamaa saajjatoowwan sana jala jiru kaaniitti deebiti turte; yoo mootichi itti gammadee maqaadhaan waame malee isheen gara mootichaatti hin deebitu turte.
Elle s’y rendait le soir, et le lendemain matin elle passait dans la seconde maison des femmes, sous la surveillance de Susagaz, eunuque du roi et gardien des concubines. Elle ne retournait plus vers le roi, à moins que le roi ne la désirât et qu’elle ne fût appelée nommément.
15 Yommuu dabareen Asteer intalli Abiihaayil obboleessa abbaa Mordekaayi kan Mordekaayi akkuma intala ofii isaatti guddifate sun itti mooticha bira dhaqxu gaʼetti isheen waan Heegaayi xuʼaashiin mootichaa inni itti gaafatamaa mana dubartootaa ture sun gorse malee waan tokko illee hin gaafanne. Asteeris fuula nama ishee argu hundaa duratti fudhatama argatte.
Lorsque son tour d’aller vers le roi fut arrivé, Esther, fille d’Abihaïl, oncle de Mardochée qui l’avait adoptée pour fille, ne demanda pas autre chose que ce que désigna Egée, eunuque du roi et gardien des femmes; mais Esther plut aux yeux de tous ceux qui la virent.
16 Isheenis bara mootichaa keessa waggaa torbaffaa jiʼa kurnaffaa Teebeeti jedhamu keessa gara mana jireenyaa Ahashweroos Mootichaatti dhiʼeeffamte.
Esther fut conduite auprès du roi Assuérus, dans sa maison royale, le dixième mois, qui est le mois de Tébeth, la septième année de son règne.
17 Mootichis dubartoota kaan hunda caalaa Asteerin jaallate; isheenis dubarran qulqulluu kaan hunda caalaa fuula isaa duratti surraa fi fudhatama argatte. Kanaafuu inni gonfoo mootummaa mataa ishee irra kaaʼeefii qooda Waashtiin ishee mootittii taasise.
Le roi aima Esther plus que toutes les femmes, et elle obtint grâce et faveur auprès de lui plus que toutes les jeunes filles. Il mit le diadème royal sur sa tête, et la fit reine à la place de Vasthi.
18 Ergasiis mootichi ulfina Asteeriitiif jedhee qondaaltota isaatii fi tajaajiltoota isaatiif cidha guddaa qopheesse. Innis ayyaana kana guutummaa kutaalee biyyaa keessatti labse; akkuma arjooma mootiitti kennaas kenne.
Le roi donna un grand festin à tous ses princes et à ses serviteurs, le festin d’Esther; il accorda du repos aux provinces et fit des largesses avec une munificence royale.
19 Yommuu dubarran qulqulloonni sun yeroo lammaffaa walitti qabamanitti Mordekaayi karra mootichaa dura taaʼaa ture.
La seconde fois qu’on rassembla des jeunes filles, Mardochée était assis à la porte du roi.
20 Asteer garuu akkuma Mordekaayi ishee gorse sanatti maalummaa maatii isheetii fi saba ishee hin himne; Asteer akkuma yeroo inni ishee guddise sanaatti ajaja Mordekaayi eegaa turteetii.
Esther n’avait fait connaître ni sa naissance ni son peuple, selon que Mardochée le lui avait ordonné; et Esther suivait les ordres de Mardochée, comme lorsqu’elle était élevée par lui.
21 Yeroo Mordekaayi karra mootichaa dura taaʼaa turetti qondaaltonni mootichaa warri balbala eegaa turan lamaan jechuunis Bigtaanaa fi Tereshi aaranii Ahashweroos Mooticha ajeessuuf malatan.
En ces jours-là, comme Mardochée était assis à la porte du roi, Bagathan et Tharès, deux eunuques du roi, gardes du palais, poussés par la colère, voulurent porter la main sur le roi Assuérus.
22 Mordekaayi garuu waaʼee mala kanaa beekee Asteer Mootittiitti hime; Asteer immoo maqaa Mordekaayiin waan kana mootichatti himte.
Mardochée eut connaissance du complot et il en informa la reine Esther, qui le redit au roi de la part de Mardochée.
23 Yeroo wanni sun qoratamee dhugaa taʼee argametti qondaaltonni sun lamaanuu muka irratti fannifaman. Wanni kun hundinuu fuula mootichaa duratti kitaaba seenaa keessatti barreeffame.
Le fait ayant été examiné et trouvé exact, les deux eunuques furent pendus à un bois, et cela fut écrit dans le livre des Chroniques en présence du roi.

< Asteer 2 >