< Asteer 10 >
1 Ahashweroos Mootichi hamma qarqara galaanaatti bulchiinsa isaa guutuu irratti gibira buuse.
And King Ahasuerus put a tax on the land and on the islands of the sea.
2 Hojiin humnaa fi jabina isaa hundinuu, seenaa guddina Mordekaayi kan mootichi itti ol isa guddise guutuu wajjin kitaaba seenaa mootota Meedee fi Faares keessatti barreeffameera mitii?
And all his acts of power and his great strength and the full story of the high place which the king gave Mordecai, are they not recorded in the book of the history of the kings of Media and Persia?
3 Mordekaayi Yihuudichi sadarkaadhaan nama Ahashweroos Mootichatti aanu ture; inni sababii uummata isaatiif waan gaarii hojjetee fi sababii nageenya Yihuudoota hundaatiif falmeef obboloota isaa Yihuudoota hedduu biratti ulfina guddaa qaba ture.
For Mordecai the Jew was second only to King Ahasuerus, and great among the Jews and respected by the body of his countrymen; working for the good of his people, and saying words of peace to all his seed.