< Efesoon 6 >
1 Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii.
Діти, — слухайтеся своїх батьків у Господі, бо це справедливе!
2 Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, “Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni” jedha;
„Шануй свого батька та матір“— це перша заповідь з обі́тницею, —
3 kunis, “Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf.”
„щоб добре вело́ся тобі, і щоб ти був на землі довголітній!“
4 Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.
А батьки, — не дратуйте дітей своїх, а виховуйте їх в напомина́нні й остере́женні Божому!
5 Yaa garboota, akkuma Kiristoosiif ajajamtanitti kabajaa fi sodaadhaan, garaa qulqulluunis gooftota keessan warra addunyaa kanaatiif ajajamaa.
Раби, — слухайтеся тілесних панів зо стра́хом і тремті́нням у простоті́ серця вашого, як Христа!
6 Yeroo iji isaanii isin argutti isaan biratti fudhatama argachuu qofaaf utuu hin taʼin garaa guutuun fedhii Waaqaa raawwachaa akka garboota Kiristoositti isaaniif ajajamaa.
Не працюйте тільки про лю́дське око, немов чоловіковго́дники, а як раби Христові, чиніть від душі волю Божу,
7 Akka waan nama tajaajiltaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaa tajaajiltaniitti garaa guutuun hojjedhaa;
служіть із зичли́вістю, немов Господе́ві, а не лю́дям!
8 sababiin isaas isin akka Gooftaan tokkoo tokkoo namaatiif garbas taʼu yookaan birmaduu, waan gaarii inni hojjetu kamiif iyyuu gatii kennu ni beektu.
Знайте, що кожен, коли зробить що добре, те саме оде́ржить від Господа, чи то раб, чи то вільний.
9 Yaa gooftota, isinis garboota keessaniif akkasuma godhaa. Isin akka inni isaanii fi isiniif Gooftaa taʼe sun samii irra jiruu fi akka nama wal caalchisuunis isa bira hin jirre waan beektaniif isaan hin doorsisinaa.
А пани, — чиніть їм те са́ме, занеха́юйте погро́зи, знайте, що для вас і для них є на небі Госпо́дь, а Він на обличчя не дивиться!
10 Kanaa achi Gooftaa fi humna isaa jabaa sanaan cimaa.
Наре́шті, мої брати, зміцняйтеся Господом та могу́тністю сили Його!
11 Haxxummaa diiyaabiloosiin akka mormuu dandeessaniif miʼa lolaa kan Waaqaa guutuu hidhadhaa.
Зодягніться в повну Божу зброю, щоб могли ви стати проти хи́трощів диявольських.
12 Walʼaansoon keenya bulchitoota wajjin, abbootii taayitaa wajjin, humnoota addunyaa dukkanaa kanaa fi humnoota hafuura hamaa iddoo samii keessa jiruu wajjin malee foonii fi dhiiga wajjin mitii. (aiōn )
Бо ми не маємо боротьби проти крови та тіла, але проти початків, проти вла́ди, проти світоправителів цієї те́мряви, проти піднебесних ду́хів зло́би. (aiōn )
13 Kanaafuu akka yommuu guyyaan hamaan sun dhufutti obsaan dhaabachuu dandeessaniif, waan kana hunda gochuunis akka jabaattanii dhaabattaniif miʼa lolaa kan Waaqaa guutuu hidhadhaa.
Через це візьміть повну Божу збро́ю, щоб могли ви дати о́пір дня злого, і, все виконавши, витримати.
14 Egaa mudhii keessan dhugaan hidhadhaatii, qomee sibiilaa kan qajeelummaas uffadhaatii jabaadhaa dhaabadhaa;
Отже, стійте, підперезавши сте́гна свої правдою, і зодягнувшись у броню́ праведности,
15 qophaaʼummaa wangeela nagaa akka kopheetti miilla keessanitti kaaʼadhaa dhaabadhaa.
і взувши ноги в готовість Єва́нгелії миру.
16 Kana hundumaa irrattis gaachana amantii kan xiyya bobaʼaa hamaa sanaa hunda ittiin dhaamsuu dandeessan qabadhaa.
А найбільш над усе візьміть щита́ віри, яким зможете погасити всі огне́нні стрі́ли лукавого.
17 Qoobii sibiilaa kan fayyinaa kaaʼadhaa; goraadee Hafuuraas qabadhaa; innis dubbii Waaqaa ti.
Візьміть і шоло́ма спасіння, і меча духовного, який є Слово Боже.
18 Kadhannaa fi waammata gosa hundaa keessatti yeroo hunda Hafuuraan kadhadhaa. Kanas yaadatti qabachaa yeroo hunda dammaqaatii qulqulloota hundaaf jabaadhaa kadhadhaa.
Усякою молитвою й благанням кожного ча́су моліться у Дусі, а для того пильнуйте з повною витрива́лістю та молитвою за всіх святих,
19 Yommuun afaan saaqqadhu hunda ija jabinaan icciitii wangeelaa akkan beeksisuuf dubbiin akka naa kennamu anaafis kadhadhaa;
і за мене, щоб да́не було́ мені слово відкрити уста́ свої, і зо сміливістю провіщати таємницю Єва́нгелії,
20 wangeelli kunis isuma ani isaaf jedhee ergamaa taʼee foncaan hidhamee dha. Isinis akka ani akkuma narraa eegamutti sodaa malee isa lallabuu dandaʼuuf naa kadhadhaa.
для якої посо́л я в кайда́нах, щоб сміли́во про неї звіщати, як належить мені.
21 Xikiqoos obboleessi jaallatamaan, Gooftaattis tajaajilaan amanamaan haala ani keessa jiruu fi maal akka ani hojjechaa jiru akka beektaniif waan hundumaa isinitti hima.
А щоб знали і ви щось про мене, та що́ я роблю́, то все вам розпові́сть Тихи́к, улю́блений брат і в Господі вірний служи́тель,
22 Anis akka isin haala nu keessa jirru beektanii fi akka inni isin jajjabeessuuf, waanuma kanaaf jedhee ani gara keessanitti isa ergeera.
якого послав я до вас на це са́ме, щоб довідалися ви про нас, і щоб ваші серця він поті́шив.
23 Waaqa Abbaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa nagaan, jaalallis amantii wajjin obboloota hundaaf haa taʼu.
Мир брата́м і любов із вірою від Бога Отця й Господа Ісуса Христа!
24 Warra jaalala hin badneen Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosin jaallatan hundaaf ayyaanni haa taʼu.
Благода́ть зо всіма́, що незмінно люблять Господа нашого Ісуса Христа! Амі́нь.