< Efesoon 6 >

1 Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii.
Enyi watoto, watiini wazazi wenu katika Bwana, kwa kuwa hili ni jema.
2 Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, “Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni” jedha;
“Waheshimu baba yako na mama yako,” hii ndio amri ya kwanza yenye ahadi,
3 kunis, “Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf.”
“upate baraka na uishi siku nyingi duniani.”
4 Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.
Ninyi akina baba, msiwachokoze watoto wenu, bali waleeni kwa nidhamu na mafundisho ya Bwana.
5 Yaa garboota, akkuma Kiristoosiif ajajamtanitti kabajaa fi sodaadhaan, garaa qulqulluunis gooftota keessan warra addunyaa kanaatiif ajajamaa.
Ninyi watumwa, watiini hao walio mabwana zenu hapa duniani kwa heshima na kwa kutetemeka na kwa moyo mmoja, kama vile mnavyomtii Kristo.
6 Yeroo iji isaanii isin argutti isaan biratti fudhatama argachuu qofaaf utuu hin taʼin garaa guutuun fedhii Waaqaa raawwachaa akka garboota Kiristoositti isaaniif ajajamaa.
Watiini, si tu wakati wakiwaona ili mpate upendeleo wao, bali mtumike kama watumwa wa Kristo, mkifanya mapenzi ya Mungu kwa moyo.
7 Akka waan nama tajaajiltaniitti utuu hin taʼin akka waan Gooftaa tajaajiltaniitti garaa guutuun hojjedhaa;
Tumikeni kwa moyo wote, kama vile mnamtumikia Bwana na si wanadamu.
8 sababiin isaas isin akka Gooftaan tokkoo tokkoo namaatiif garbas taʼu yookaan birmaduu, waan gaarii inni hojjetu kamiif iyyuu gatii kennu ni beektu.
Mkijua kwamba Bwana atampa kila mtu thawabu kwa lolote jema alilotenda, kama yeye ni mtumwa au ni mtu huru.
9 Yaa gooftota, isinis garboota keessaniif akkasuma godhaa. Isin akka inni isaanii fi isiniif Gooftaa taʼe sun samii irra jiruu fi akka nama wal caalchisuunis isa bira hin jirre waan beektaniif isaan hin doorsisinaa.
Nanyi mabwana, watendeeni watumwa wenu kwa jinsi iyo hiyo. Msiwatishe, kwa kuwa mnajua ya kwamba yeye aliye Bwana wenu na Bwana wao yuko mbinguni, naye hana upendeleo.
10 Kanaa achi Gooftaa fi humna isaa jabaa sanaan cimaa.
Hatimaye, mzidi kuwa hodari katika Bwana na katika uweza wa nguvu zake.
11 Haxxummaa diiyaabiloosiin akka mormuu dandeessaniif miʼa lolaa kan Waaqaa guutuu hidhadhaa.
Vaeni silaha zote za Mungu ili kwamba mweze kuzipinga hila za ibilisi.
12 Walʼaansoon keenya bulchitoota wajjin, abbootii taayitaa wajjin, humnoota addunyaa dukkanaa kanaa fi humnoota hafuura hamaa iddoo samii keessa jiruu wajjin malee foonii fi dhiiga wajjin mitii. (aiōn g165)
Kwa maana kushindana kwetu si juu ya nyama na damu, bali dhidi ya falme, mamlaka, dhidi ya wakuu wa giza na majeshi ya pepo wabaya katika ulimwengu wa roho. (aiōn g165)
13 Kanaafuu akka yommuu guyyaan hamaan sun dhufutti obsaan dhaabachuu dandeessaniif, waan kana hunda gochuunis akka jabaattanii dhaabattaniif miʼa lolaa kan Waaqaa guutuu hidhadhaa.
Kwa hiyo vaeni silaha zote za Mungu ili mweze kushindana siku ya uovu itakapokuja nanyi mkiisha kufanya yote, simameni imara.
14 Egaa mudhii keessan dhugaan hidhadhaatii, qomee sibiilaa kan qajeelummaas uffadhaatii jabaadhaa dhaabadhaa;
Kwa hiyo simameni imara mkiwa mmejifunga kweli kiunoni na kuvaa dirii ya haki kifuani,
15 qophaaʼummaa wangeela nagaa akka kopheetti miilla keessanitti kaaʼadhaa dhaabadhaa.
nayo miguu yenu ifungiwe utayari tuupatao kwa Injili ya amani.
16 Kana hundumaa irrattis gaachana amantii kan xiyya bobaʼaa hamaa sanaa hunda ittiin dhaamsuu dandeessan qabadhaa.
Zaidi ya haya yote, twaeni ngao ya imani, ambayo kwa hiyo mtaweza kuizima mishale yote yenye moto ya yule mwovu.
17 Qoobii sibiilaa kan fayyinaa kaaʼadhaa; goraadee Hafuuraas qabadhaa; innis dubbii Waaqaa ti.
Vaeni chapeo ya wokovu na mchukue upanga wa Roho, ambao ni Neno la Mungu.
18 Kadhannaa fi waammata gosa hundaa keessatti yeroo hunda Hafuuraan kadhadhaa. Kanas yaadatti qabachaa yeroo hunda dammaqaatii qulqulloota hundaaf jabaadhaa kadhadhaa.
Mkiomba kwa Roho siku zote katika sala zote na maombi, mkikesha kila wakati mkiwaombea watakatifu wote.
19 Yommuun afaan saaqqadhu hunda ija jabinaan icciitii wangeelaa akkan beeksisuuf dubbiin akka naa kennamu anaafis kadhadhaa;
Niombeeni na mimi pia, ili kila nifunguapo kinywa changu, nipewe maneno ya kusema, niweze kutangaza siri ya Injili kwa ujasiri,
20 wangeelli kunis isuma ani isaaf jedhee ergamaa taʼee foncaan hidhamee dha. Isinis akka ani akkuma narraa eegamutti sodaa malee isa lallabuu dandaʼuuf naa kadhadhaa.
ambayo mimi ni balozi wake katika vifungo. Ombeni ili nipate kuhubiri kwa ujasiri kama inipasavyo.
21 Xikiqoos obboleessi jaallatamaan, Gooftaattis tajaajilaan amanamaan haala ani keessa jiruu fi maal akka ani hojjechaa jiru akka beektaniif waan hundumaa isinitti hima.
Tikiko, aliye ndugu mpendwa na mtumishi mwaminifu katika Bwana, atawaambia kila kitu, ili pia mpate kujua hali yangu na kile ninachofanya sasa.
22 Anis akka isin haala nu keessa jirru beektanii fi akka inni isin jajjabeessuuf, waanuma kanaaf jedhee ani gara keessanitti isa ergeera.
Ninamtuma kwenu kwa ajili ya kusudi hili hasa, ili mpate kujua hali yetu, na awatie moyo.
23 Waaqa Abbaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa nagaan, jaalallis amantii wajjin obboloota hundaaf haa taʼu.
Amani iwe kwa ndugu, na pendo pamoja na imani kutoka kwa Mungu Baba na Bwana Yesu Kristo.
24 Warra jaalala hin badneen Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosin jaallatan hundaaf ayyaanni haa taʼu.
Neema iwe na wote wampendao Bwana wetu Yesu Kristo kwa upendo wa dhati. Amen.

< Efesoon 6 >