< Efesoon 5 >
1 Kanaaf akkuma ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqaa duukaa buʼaa;
Therefore be ye imitators of God, as beloved children;
2 akkuma Kiristoos nu jaallatee nuufis jedhee akka aarsaa fi qalma urgaaʼuutti Waaqaaf of kenne sana isinis jaalalaan deddeebiʼaa.
and walk about in divine love, as Christ also loved you, and gave himself for you, an offering and a sacrifice to God for an odor of sweet savor.
3 Garuu waaʼeen halalummaa yookaan xuraaʼummaa gosa kamii iyyuu yookaan waaʼeen doqnummaa gidduu keessanitti hin dhagaʼamin; wanni akkasii qulqulloota Waaqaa biratti hin barbaachisuutii.
But all fornication, and uncleanness, or covetousness, let it not be named among you, as it becomes saints;
4 Galateeffachuu malee haasaan qaanii yookaan dubbiin gowwummaa kan faayidaa hin qabne yookaan qoosaan namatti hin tolle isin gidduu hin jiraatin.
and indecorum, or foolish talking, or indecent jesting, which is not becoming, but rather the giving of thanks:
5 Halaleen yookaan xuraaʼaan yookaan sassattuun jechuunis kan Waaqa tolfamaa waaqeffatu mootummaa Kiristoosii fi kan Waaqaa keessaa akka dhaala tokko illee hin qabne beekaa.
for you are knowing this, that no fornicator, or unclean person, or covetous, who is an idolater, has an inheritance in the kingdom of Christ and of God.
6 Namni tokko iyyuu dubbii faayidaa hin qabneen isin hin gowwoomsin; sababii waan akkanaatiif dheekkamsi Waaqaa warra hin ajajamnetti ni dhufaatii.
Let no one deceive you with empty words: for through these the wrath of God comes on the sons of disobedience.
7 Kanaafuu isin waan isaan hojjetan keessatti hin hirmaatinaa.
Therefore be not partakers along with them.
8 Isin dur dukkana turtaniitii; amma garuu Gooftaadhaan ifa taataniirtu. Akka ijoollee ifaatti jiraadhaa;
For at one time ye were darkness, but now ye are light in the Lord: walk about as children of the light,
9 iji ifaa gaarummaa, qajeelummaa fi dhugaa hunda keessatti argamaatii;
(for the fruit of the light is in all goodness and righteousness and truth),
10 waan Gooftaa gammachiisu qoradhaa bira gaʼaa.
proving what is acceptable to the Lord;
11 Hojii dukkanaa kan ija hin qabne saaxilaa malee irratti hin hirmaatinaa.
and have no fellowship with the unfruitful works of darkness, but rather indeed convict them.
12 Waan isaan icciitiin hojjetan dubbachuun iyyuu qaaniidhaatii.
For it is disgraceful even to speak of those things which are done by them in concealment:
13 Wanni ifni sun saaxilu hundinuu garuu ni mulʼata;
but all things being convicted by the light are made manifest; for everything made manifest is light.
14 kanaafis, “Ati yaa isa raftu, dammaqi; warra duʼan keessaas kaʼi; Kiristoos siif ibsaatii” jedhameera.
Therefore he says, Awake, thou sleeper, and arise from the dead, and Christ will shine upon thee.
15 Egaa isin akkamitti akka jiraattan jabeessaa of eeggadhaa! Akka ogeeyyiitti jiraadhaa malee akka warra ogeeyyii hin taʼiniitti hin jiraatinaa;
Therefore see how you walk about circumspectly, not as unwise, but wise;
16 waan guyyoonni kunneen hamoo taʼaniif baricha furaa.
buying in the opportunity, because the days are evil.
17 Kanaafuu fedhiin Gooftaa maal akka taʼe hubadhaa malee gowwaa hin taʼinaa.
Therefore be not unwise, but understand whatsoever is the will of the Lord.
18 Daadhii wayiniitiin hin machaaʼinaa; kun jireenya gad dhiisiitti geessaatii. Qooda kanaa Hafuuraan guutamaa;
Be not drunk with wine, in which there is riot, but be ye filled with the Spirit;
19 faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin wal jalaa qabaa. Garaa keessan keessatti Gooftaaf faarfadhaatii muuziiqaa dhageessisaa;
speaking one to another in psalms and hymns and spiritual songs, singing and making melody in your heart to the Lord,
20 yeroo hundas waan hundaaf maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa Abbaa galateeffadhaa.
always giving thanks for all things in the name of our Lord Jesus Christ to God, even the Father;
21 Sodaa Kiristoosiif qabdaniin waliif ajajamaa.
being submissive to one another in the fear of Christ.
22 Yaa niitota, akkuma Gooftaaf ajajamtanitti dhirsoota keessaniif ajajamaa.
Wives, be submissive to your own husbands, as to the Lord,
23 Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif mataa taʼe sana dhirsi niitiif mataadhaatii; Kiristoos Fayyisaa waldaa kiristaanaa ti; waldaan kiristaanaa immoo dhagna isaa ti.
because the husband is the head of the wife, as Christ is also the head of the church, being himself the saviour of the body.
24 Egaa akkuma waldaan kiristaanaa Kiristoosiif ajajamtu, niitonnis waan hundaan dhirsoota isaaniitiif haa ajajaman.
But as the church is submissive to Christ, so also let the wives be to their husbands in everything.
25 Yaa dhirsoota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa;
Husbands, love your wives with divine love, as Christ also loved the church with divine love, and gave himself for her;
26 innis karaa dubbii isaatiin bishaaniin ishee dhiqee qulleessee akka isheen qulqulluu taatuuf,
in order that he might sanctify her, having purified her by the washing of water through the word,
27 waldaa kiristaanaa ulfina qabeettii, mudaa yookaan suntuura yookaan waan akkanaa tokko illee hin qabnee garuu qulqullooftuu mudaa hin qabne godhee ofitti ishee dhiʼeessuuf waan kana godhe.
in order that he might present to himself the glorious church, having not spot or wrinkle or any of such things; but that she might be holy and blameless.
28 Akkasuma immoo dhirsoonni niitota isaanii akkuma dhagna ofii isaaniitti jaallachuu qabu. Namni niitii ofii jaallatu of jaallata.
So the husbands ought to love their own wives with divine love as their own bodies. The one loving his own wife is loving himself:
29 Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif godhu sana namni kam iyyuu foon ofii ni soora; ni kunuunsas malee foon ofii hin jibbu;
for no one ever yet hated his own flesh; but he nourishes and cherishes it, as Christ also the church;
30 nu kutaalee dhagna isaatii.
because we are members of his body:
31 “Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti ni maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.”
on account of this a man shall leave his father and mother and cleave unto his wife: and they two shall be one flesh.
32 Kun icciitii guddaa dha; ani garuu waaʼee Kiristoosii fi waaʼee waldaa kiristaanaa dubbadha.
This is a great mystery: but I speak in reference to Christ and the church.
33 Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju.
Moreover you also each one thus love his own wife with divine love as himself; and that the wife also reverence the husband.