< Efesoon 4 >

1 Kanaafuu ani kan Gooftaaf jedhee hidhame, isin waamicha itti waamamtan sanaaf akka malutti akka jiraattan isin nan kadhadha.
I therefore, the prisoner of the Lord, beseech you that ye walk worthy of the vocation by which ye are called,
2 Guutumaan guutuutti gad of qabaa; garraamota taʼaa; obsa qabaadhaa; jaalalaanis wal dandaʼaa.
With all lowliness and meekness, with long-suffering, forbearing one another in love;
3 Hidhaa nagaatiin tokkummaa Hafuuraa eeguuf carraaqaa.
Endeavoring to keep the unity of the Spirit in the bond of peace.
4 Akkuma yeroo waamamtanitti gara abdii tokkootti waamamtan sana, dhagna tokkoo fi Hafuura tokkotu jira;
[There is] one body, and one Spirit, even as ye are called in one hope of your calling;
5 Gooftaa tokko, amantii tokkoo fi cuuphaa tokkotu jira;
One Lord, one faith, one baptism,
6 Waaqaa fi Abbaan waan hundaa, inni waan hundaa ol taʼe, kan waan hunda keessatti hojjetuu fi kan waan hunda keessa jiru tokkichatu jira.
One God and Father of all, who [is] above all, and through all, and in you all.
7 Garuu akkuma safara kennaa Kiristoositti tokkoo tokkoo keenyaaf ayyaanni kennameera.
But to every one of us is given grace according to the measure of the gift of Christ.
8 Kanaafuu, “Inni yommuu ol gubbaa baʼetti, boojuu boojiʼe; namootaafis kennaa kenne” jedha.
Wherefore he saith, When he ascended on high, he led captivity captive, and gave gifts to men.
9 Egaa, “Inni ol baʼe” jechuun isaa dhidhima lafaatti gad buʼe jechuu malee maal jechuu isaa ti?
Now that he ascended, what is it but that he also descended first into the lower parts of the earth?
10 Inni gad buʼe sun isuma waan hunda guutuuf jedhee samiiwwan hundaa olitti ol baʼee dha.
He that descended is the same also that ascended far above all heavens, that he might fill all things.
11 Innis namoota tokko tokko ergamoota, kaan raajota, kaan lallabdoota wangeelaa, kaan immoo tiksootaa fi barsiistota taasisee kenne;
And he gave some, apostles; and some, prophets; and some, evangelists; and some, pastors and teachers;
12 waan kanas akka dhagni Kiristoos ijaaramuuf qulqulloota hojii tajaajilaatiif qopheessuuf jedhee godhe;
For the perfecting of the saints, for the work of the ministry, for the edifying of the body of Christ:
13 kunis waan hamma hundi keenya tokkummaa amantiitii fi tokkummaa Ilma Waaqaa beekuu bira geenyutti, akka guddannee sadarkaa guutama Kiristoos bira gaʼuudhaan namoota bilchaatoo taanuuf.
Till we all come in the unity of the faith, and of the knowledge of the Son of God, to a perfect man, to the measure of the stature of the fullness of Christ:
14 Egaa nu siʼachi duraa duubatti dadarbatamaa bubbee barsiisa gosa hundaatiin, haxxummaa fi jalʼina marii gowwoomsitootaatiin asii fi achi oofamaa daaʼimman hin taanu.
That we henceforth be no more children, tossed to and fro, and carried about with every wind of doctrine, by the sleight of men, [and] cunning craftiness, by which they lie in wait to deceive:
15 Qooda kanaa jaalalaan dhugaa dubbachaa gara isa mataa taʼe sanaatti waan hundaan ni guddanna; innis Kiristoos.
But speaking the truth in love, may grow up into him in all things, who is the head, [even] Christ:
16 Isumaanis kutaaleen dhagnaa guutuun ribuu walitti isaan qabuun hidhamaniiru; yommuu kutaaleen dhagnaa sun hundi hojii isaanii hojjetanittis dhagni sun jaalalaan guddatee of ijaara.
From whom the whole body fitly joined together and compacted by that which every joint supplieth, according to the effectual working in the measure of every part, maketh increase of the body to the edifying of itself in love.
17 Kanaafuu ani waan kana isinitti nan hima; maqaa Gooftaatiinis jabeessee isinitti nan dubbadha; isin siʼachi akka Namoonni Ormaa warri yaadni isaanii faayidaa hin qabne sun jiraatanitti hin jiraatinaa.
This I say therefore, and testify in the Lord, that ye henceforth walk not as other Gentiles walk, in the vanity of their mind,
18 Sababii mata jabina isaaniitiinis waan wallaalummaan isaan keessa jiruuf hubannaan isaanii dukkaneeffameera; jireenya Waaqaa keessaas baʼaniiru.
Having the understanding darkened, being alienated from the life of God through the ignorance that is in them, because of the blindness of their heart:
19 Isaanis waan qalbiin isaanii hadoodeef hamma xuraaʼummaa gosa hundaa keessa galanitti sassattummaan guutaman.
Who being past feeling have given themselves over to lasciviousness, to work all uncleanness with greediness.
20 Isin garuu akkasitti Kiristoosin hin barre;
But ye have not so learned Christ;
21 isin dhugumaan akkuma dhugaa Yesuus keessa jiru sanaatti waaʼee Kiristoos dhageessanii isumaanis barsiifamtaniirtu.
If indeed ye have heard him, and have been taught by him, as the truth is in Jesus:
22 Haala jireenya keessan kan durii, eenyummaa keessan moofaa hawwii gowwoomsaa isaatiin xuraaʼe sana dhabamsiisaa;
That ye put off concerning the former manner of life the old man, which is corrupt according to the deceitful lusts:
23 hafuura yaada keessaniitiinis haaromfamaa;
And be renewed in the Spirit of your mind;
24 namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullina dhugaatiin fakkeenya Waaqaatiin uumame sana uffadhaa.
And that ye put on the new man, which after God is created in righteousness and true holiness.
25 Kanaafuu waan nu hundi miseensa walii taaneef tokkoon tokkoon keessan soba of keessaa baastanii ollaa keessanitti dhugaa dubbachuu qabdu.
Wherefore putting away lying, speak every man truth with his neighbor: for we are members one of another.
26 “Aaraa malee cubbuu hin hojjetinaa;” utuma aartanii jirtaniis aduun hin lixin;
Be ye angry, and sin not: let not the sun go down upon your wrath:
27 diiyaabiloosiifis carraa hin kenninaa.
Neither give place to the devil.
28 Namni kanaan dura hataa ture siʼachi hin hatin; qooda kanaa akka warra rakkatan gargaaruu dandaʼuuf harkuma ofii isaatiin waan faayidaa qabu haa hojjetu.
Let him that stole steal no more: but rather let him labor, working with [his] hands the thing which is good, that he may have to give to him that needeth.
29 Waan nama ijaaruuf gargaaru, akkuma barbaachisaa taʼettis waan warra dhaggeeffataniif ayyaana kennu malee dubbiin hamaan tokko iyyuu afaan keessanii hin baʼin.
Let no corrupt communication proceed out of your mouth, but that which is good to the use of edifying, that it may minister grace to the hearers.
30 Hafuura Qulqulluu Waaqaa kan guyyaa furamaatiif ittiin chaappeffamtan sana hin gaddisiisinaa.
And grieve not the holy Spirit of God, whereby ye are sealed to the day of redemption.
31 Hadhaaʼummaan, dheekkamsii fi aariin, wacnii fi maqaa nama balleessuun hundinuu hammina hundumaa wajjin isin irraa haa fagaatu.
Let all bitterness, and wrath, and anger, and clamor, and evil-speaking, be put away from you, with all malice:
32 Akkuma Waaqni karaa Kiristoosiin dhiifama isinii godhe sana, isinis dhiifama walii godhaa; walii naʼaa; garaas walii laafaa.
And be ye kind one to another, tender-hearted, forgiving one another, even as God for Christ's sake hath forgiven you.

< Efesoon 4 >