< Efesoon 3 >

1 Sababii kanaaf ani Phaawulos isin Namoota Ormaatiif jedhee hidhamaa Kiristoos Yesuus taʼeera.
이러므로 그리스도 예수의 일로 너희 이방을 위하여 갇힌 자 된 나 바울은
2 Isin dhugumaan waaʼee hojii ayyaana Waaqaa kan isiniif jedhamee natti kenname sanaa dhageessaniirtu;
너희를 위하여 내게 주신 하나님의 그 은혜의 경륜을 너희가 들었을 터이라
3 kunis akkuma ani kanaan dura gabaabsee isinii barreessetti icciitii mulʼataatiin natti beeksifame.
곧 계시로 내게 비밀을 알게 하신 것은 내가 이미 대강 기록함과 같으니
4 Isin yommuu waan kana dubbiftanitti akka ani waaʼee icciitii Kiristoos beekumsa qabu hubachuu ni dandeessu;
이것을 읽으면 그리스도의 비밀을 내가 깨달은 것을 너희가 알 수 있으리라
5 icciitiin kunis akka amma Hafuuraan ergamootaa fi raajota qulqulloota Waaqaatti mulʼifametti dhaloota kaanitti hin beeksifamne.
이제 그의 거룩한 사도들과 선지자들에게 성령으로 나타내신 것같이 다른 세대에서는 사람의 아들들에게 알게 하지 아니하셨으니
6 Icciitiin kunis Namoonni Ormaa karaa wangeelaatiin saba Israaʼel wajjin dhaaltota, isaanuma wajjin dhagna tokko, waadaa Kiristoos Yesuusiin kenname keessatti immoo hirmaattota taʼuu isaanii ti.
이는 이방인들이 복음으로 말미암아 그리스도 예수 안에서 함께 후사가 되고 함께 지체가 되고 함께 약속에 참예하는 자가 됨이라
7 Anis kennaa ayyaana Waaqaa kan karaa hojii humna isaatiin naa kennameen tajaajilaa wangeela kanaa taʼeera.
이 복음을 위하여 그의 능력이 역사하시는 대로 내게 주신 하나님의 은혜의 선물을 따라 내가 일군이 되었노라
8 Ani qulqulloota hundaa gad taʼu iyyuu akka badhaadhummaa Kiristoos kan qoramee bira hin gaʼamne sana Namoota Ormaatti lallabuuf ayyaanni kun naa kennameera;
모든 성도 중에 지극히 작은 자보다 더 작은 나에게 이 은혜를 주신 것은 측량할 수 없는 그리스도의 풍성을 이방인에게 전하게 하시고
9 akkasumas icciitiin bara dheeraaf Waaqa waan hunda uumeen dhokfamee ture kun maal akka taʼe ani namoota hundaaf akka ibsuuf. (aiōn g165)
영원부터 만물을 창조하신 하나님 속에 감취었던 비밀의 경륜이 어떠한 것을 드러내게 하려 하심이라 (aiōn g165)
10 Kaayyoon isaas akka ogummaan Waaqaa inni dachaa hedduu qabu sun amma karaa waldaa kiristaanaatiin bulchitootaa fi abbootii taayitaa kanneen samii irra jiranitti beeksifamuuf;
이는 이제 교회로 말미암아 하늘에서 정사와 권세들에게 하나님의 각종 지혜를 알게 하려 하심이니
11 kunis akkuma kaayyoo isaa kan bara baraa kan inni karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin raawwate sanaatti ture. (aiōn g165)
곧 영원부터 우리 주 그리스도 예수 안에서 예정하신 뜻대로 하신 것이라 (aiōn g165)
12 Nus isaan, amantii isa irratti qabnuun, ija jabinaa fi amanachuudhaan Waaqatti dhiʼaachuu dandeenya.
우리가 그 안에서 그를 믿음으로 말미암아 담대함과 하나님께 당당히 나아감을 얻느니라
13 Kanaafuu sababii ani isiniif dhiphachaa jiruuf jettanii akka abdii hin kutanne isin kadhadha; dhiphachuun koo ulfinuma keessan.
그러므로 너희에게 구하노니 너희를 위한 나의 여러 환난에 대하여 낙심치 말라 이는 너희의 영광이니라
14 Sababii kanaaf ani fuula Abbaa duratti nan jilbeenfadha;
이러하므로 내가 하늘과 땅에 있는 각 족속에게
15 maatiin isaa warri samii irraa fi warri lafa irraa hundinuu maqaa isaanii isa irraa argatu.
이름을 주신 아버지 앞에 무릎을 꿇고 비노니
16 Inni akkuma badhaadhummaa ulfina isaatti karaa Hafuura isaatiin namummaa keessan kan keessaa humnaan akka cimsuuf nan kadhadha;
그 영광의 풍성을 따라 그의 성령으로 말미암아 너희 속 사람을 능력으로 강건하게 하옵시며
17 akka Kiristoosis karaa amantiitiin garaa keessan keessa jiraatuuf nan kadhadha. Akka isin hidda gad fageeffattanii jaalalaan dhaabattaniifis nan kadhadha;
믿음으로 말미암아 그리스도께서 너희 마음에 계시게 하옵시고 너희가 사랑 가운데서 뿌리가 박히고 터가 굳어져서
18 isinis jaalalli Kiristoos hammam akka balʼatu, hammam akka dheeratu, hammam akka ol fagaatuu fi hammam akka gad fagaatu qulqulloota hunda wajjin hubachuudhaaf akka humna qabaattaniif,
능히 모든 성도와 함께 지식에 넘치는 그리스도의 사랑을 알아
19 akka guutama Waaqaa hundaan guutamtaniifis jaalala Kiristoos kan beekumsaa ol taʼe sana akka beektaniif nan kadhadha.
그 넓이와 길이와 높이와 깊이가 어떠함을 깨달아 하나님의 모든 충만하신 것으로 너희에게 충만하게 하시기를 구하노라
20 Waaqa isa humna isaa kan nu keessatti hojjetu sanaan hamma nu kadhannu yookaan hamma nu yaadnu hundumaa olitti akka malee hojjechuu dandaʼu sanaaf,
우리 가운데서 역사하시는 능력대로 우리의 온갖 구하는 것이나 생각하는 것에 더 넘치도록 능히 하실 이에게
21 waldaa kiristaanaa keessatti, dhaloota hunda keessattis karaa Kiristoos Yesuusiin bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen. (aiōn g165)
교회 안에서와 그리스도 예수 안에서 영광이 대대로 영원 무궁하기를 원하노라 아멘 (aiōn g165)

< Efesoon 3 >