< Efesoon 2 >

1 Isin irra daddarbaa keessanii fi cubbuu keessaniin duutanii turtan;
너희의 허물과 죄로 죽었던 너희를 살리셨도다
2 kunis isuma isin yeroo jireenya addunyaa kanaatii fi bulchaa mootummaa qilleensaa jechuunis hafuura amma iyyuu warra hin ajajamne keessatti hojjetu duukaa buutanitti keessa jiraachaa turtanii dha. (aiōn g165)
그 때에 너희가 그 가운데서 행하여 이 세상 풍속을 좇고 공중의 권세 잡은 자를 따랐으니 곧 지금 불순종의 아들들 가운데서 역사하는 영(靈)이라 (aiōn g165)
3 Hundi keenyas yeroo tokko dharraa foon keenyaa guutaa, hawwii fi yaada isaa duukaa buʼaa isaan gidduu jiraanne. Uumama keenyaanis akkuma warra kaanii dheekkamsa jala turre.
전에는 우리도 다 그 가운데서 우리 육체의 욕심을 따라 지내며 육체와 마음의 원하는 것을 하여 다른 이들과 같이 본질상 진노의 자녀이었더니
4 Garuu Waaqni araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf,
긍휼에 풍성하신 하나님이 우리를 사랑하신 그 큰 사랑을 인하여
5 yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Kiristoos wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.
허물로 죽은 우리를 그리스도 예수 안에서 살리셨고 (너희가 은혜로 구원을 얻은 것이라)
6 Waaqnis Kiristoos wajjin duʼaa nu kaase; karaa Kiristoos Yesuusiinis isa wajjin iddoo samii irra nu teessise;
또 함께 일으키사 그리스도 예수 안에서 함께 하늘에 앉히시니
7 innis bara dhufuuf jiru keessa badhaadhummaa ayyaana isaa kan gita hin qabne sana arjummaa karaa Kiristoos Yesuusiin nuuf qabu argisiisuuf jedhee waan kana godhe. (aiōn g165)
이는 그리스도 예수 안에서 우리에게 자비하심으로써 그 은혜의 지극히 풍성함을 오는 여러 세대에 나타내려 하심이니라 (aiōn g165)
8 Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqaati malee hojii ofii keessanii miti;
너희가 그 은혜를 인하여 믿음으로 말미암아 구원을 얻었나니 이것이 너희에게서 난 것이 아니요 하나님의 선물이라
9 akka namni tokko iyyuu of hin jajneefis kun hojiidhaan miti.
행위에서 난 것이 아니니 이는 누구든지 자랑치 못하게 함이니라
10 Nu hojii harka isaatii; hojii gaarii Waaqni duraan dursee akka nu hojjennuuf qopheesse sana akka hojjennuufis karaa Kiristoos Yesuusiin uumamne.
우리는 그의 만드신 바라 그리스도 예수 안에서 선한 일을 위하여 지으심을 받은 자니 이 일은 하나님이 전에 예비하사 우리로 그 가운데서 행하게 하려 하심이니라
11 Kanaaf isin warri durumaa dhalootaan Namoota Ormaa taatan akka warra dhagna qabaa harka namaatiin dhagna namaa irratti hojjetamuun, “Nu warra dhagna qabatee dha” ofiin jedhan biratti “Warra dhagna hin qabatin” jedhamtanii waamamtan sana yaadadhaa;
그러므로 생각하라! 너희는 그 때에 육체로 이방인이요 손으로 육체에 행한 할례당이라 칭하는 자들에게 무할례당이라 칭함을 받는 자들이라
12 isin akka yeroo sana Kiristoos irraa cittanii, lammummaa Israaʼel keessaa baafamtanii, kakuu waadaatiifis keessumoota taatanii, abdii malee, Waaqa malees addunyaa keessa turtan yaadadhaa.
그 때에 너희는 그리스도 밖에 있었고 이스라엘 나라 밖의 사람이라 약속의 언약들에 대하여 외인(外人)이요 세상에서 소망이 없고 하나님도 없는 자이더니
13 Amma garuu isin warri yeroo tokko fagoo turtan Kiristoos Yesuusiin dhiiga Kiristoosiin dhiʼeeffamtaniirtu.
이제는 전에 멀리 있던 너희가 그리스도 예수 안에서 그리스도의 피로 가까와졌느니라
14 Kiristoos nagaa keenyaatii; innis dallaa diinummaa kan gargar baasu sana diigee jara lamaanuu tokko godheera;
그는 우리의 화평이신지라 둘로 하나를 만드사 중간에 막힌 담을 허시고
15 inni foon ofiitiin seera ajajaa fi sirna isaa wajjin diigeera. Kaayyoon isaas jara lamaan keessaa ofuma isaatiin nama haaraa tokko uumee akkasiin nagaa buusuudhaan
원수 된 것 곧 의문에 속한 계명의 율법을 자기 육체로 폐하셨으니 이는 이 둘로 자기의 안에서 한 새 사람을 지어 화평하게 하시고
16 fannoo ittiin diinummaa isaanii ajjeese sanaan lamaan isaanii iyyuu dhagna tokko godhee Waaqatti araarse.
또 십자가로 이 둘을 한 몸으로 하나님과 화목하게 하려 하심이라 원수 된 것을 십자가로 소멸하시고
17 Innis dhufee isin warra fagoo turtanitti nagaa, warra dhiʼoo turanittis nagaa lallabe.
또 오셔서 먼 데 있는 너희에게 평안을 전하고 가까운 데 있는 자들에게 평안을 전하셨으니
18 Nu lamaanuu karaa isaatiin Hafuura tokkicha sanaan akka itti Abbaa bira geenyu qabnaatii.
이는 저로 말미암아 우리 둘이 한 성령 안에서 아버지께 나아감을 얻게 하려 하심이라
19 Kanaafuu isin siʼachi saba Waaqaa wajjin lammii fi miseensota warra mana Waaqaa jiraataniiti malee ormaa fi alagoota miti;
그러므로 이제부터 너희가 외인도 아니요 손도 아니요 오직 성도들과 동일한 시민이요 하나님의 권속(眷屬)이라
20 isin hundee ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniirtu; Kiristoos Yesuus ofii isaatii mataa dhagaa golee ti.
너희는 사도들과 선지자들의 터 위에 세우심을 입은 자라 그리스도 예수께서 친히 모퉁이 돌이 되셨느니라
21 Karaa isaas ijaarsi sun guutuun tokkummaan wal qabatee mana qulqullummaa qulqulluu taʼuuf Gooftaadhaan guddata.
그의 안에서 건물마다 서로 연결하여 주 안에서 성전이 되어 가고
22 Isinis isumaan mana Waaqni Hafuura isaatiin keessa jiraatu taatanii tokkummaadhaan ijaaramaa jirtu.
너희도 성령 안에서 하나님의 거하실 처소가 되기 위하여 예수 안에서 함께 지어져 가느니라

< Efesoon 2 >