< Efesoon 1 >
1 Phaawulos isa fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa, Gara qulqulloota Efesoon jiraatan kanneen Kiristoos Yesuusitti amanamoo taʼanitti:
Paulo, mtume wa Kristo Yesu, kwa mapenzi ya Mungu: Kwa watakatifu walioko Efeso, walio waaminifu katika Kristo Yesu:
2 Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
Neema na amani itokayo kwa Mungu Baba yetu na kwa Bwana wetu Yesu Kristo iwe nanyi.
3 Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos inni Kiristoosiin eebba hafuuraa hundumaan samii irratti nu eebbise sun haa eebbifamu.
Ahimidiwe Mungu na Baba wa Bwana wetu Yesu Kristo, aliyetubariki sisi kwa baraka zote za rohoni, katika ulimwengu wa roho ndani ya Kristo.
4 Inni nu fuula isaa duratti qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne akka taanuuf utuu addunyaan hin uumaminiin dura isaan nu filateeraatii. Jaalalaanis
Kwa maana alituchagua katika yeye kabla ya kuumbwa ulimwengu ili tuwe watakatifu na bila lawama mbele zake. Kwa upendo
5 akka kaayyoo fedhii isaatti akka nu karaa Yesuus Kiristoosiin ilmaan isaa taanuuf duraan dursee nu murteesse;
alitangulia kutuchagua tuwe wanawe kwa njia ya Yesu Kristo kwa furaha yake na mapenzi yake mwenyewe.
6 kunis akka ulfinni ayyaana isaa kan inni Ilma isaa jaallatamaa sanaan toluma nuu kenne sun jajamuuf.
Kwa hiyo tunamsifu Mungu kwa huruma zake kuu alizotumiminia sisi katika Mwanawe Mpendwa.
7 Nus isumaan akkuma badhaadhummaa ayyaana Waaqaatti dhiiga isaatiin furama jechuunis, dhiifama cubbuu arganneerra;
Ndani yake tunao ukombozi kwa njia ya damu yake, yaani, msamaha wa dhambi, sawasawa na wingi wa neema yake
8 ayyaana isaas ogummaa fi hubannaa hunda wajjin nuu baayʼise.
aliyotumiminia kwa wingi, kwa hekima yote na maarifa yote.
9 Innis akka nu icciitii fedhii isaa kan akka yaada isaa isa gaarii inni karaa Kiristoosiin karoorfate sana beeknu godhe;
Naye alitujulisha siri ya mapenzi yake sawasawa na uradhi wa mapenzi yake, ambayo alikusudia katika Kristo,
10 yaadni isaas yeroo barri murtaaʼe sun guutuutti wantoota samii keessaa fi lafa irra jiran hunda Kiristoos jalatti walitti qabuuf jedhee ti.
ili yapate kutimizwa wakati mkamilifu utakapowadia, yaani, kuvitia vitu vyote vya mbinguni na vya duniani pamoja, chini ya kiongozi mmoja, ndiye Kristo.
11 Nus akkuma karoora isa waan hundumaa akka kaayyoo fedhii isaatti hojjetu sanaatti duraan dursee waan murteeffamneef Kiristoosiin dhaala arganneerra;
Katika Kristo sisi nasi tumepata urithi, tukisha kuchaguliwa sawasawa na kusudi la Mungu, yeye ambaye hufanya mambo yote kulingana na kusudi la mapenzi yake,
12 kunis akka nu warri Kiristoosin abdachuutti kanneen jalqabaa taane galata ulfina isaa taanuuf.
ili kwamba, sisi tuliokuwa wa kwanza kuweka tumaini katika Kristo, tupate kuishi kwa sifa ya utukufu wake.
13 Isinis dubbii dhugaa jechuunis wangeela fayyina keessanii dhageessanii Kiristoositti amantanii, Hafuura Qulqulluu waadaa galame sanaan chaappeffamtan;
Ninyi pia mliingia ndani ya Kristo mliposikia Neno la kweli, Injili ya wokovu wenu. Mkiisha kuamini, ndani yake mlitiwa muhuri, yaani, Roho Mtakatifu mliyeahidiwa,
14 innis warri kan Waaqayyoo taʼan galata ulfina isaatiif yeroo furamanitti wanta nu argachuuf jirruuf qabdii keenya.
yeye ambaye ni amana yetu akituhakikishia urithi wetu hadi ukombozi wa wale walio milki ya Mungu kwa sifa ya utukufu wake.
15 Kanaafuu ani waaʼee amantii isin Gooftaa Yesuusitti qabdanii fi jaalala isin qulqulloota hundaaf qabdanii dhagaʼee
Kwa sababu hii, tangu niliposikia juu ya imani yenu katika Bwana Yesu na upendo wenu kwa watakatifu wote,
16 kadhannaa koo keessatti isin yaadachaa waaʼee keessaniif galateeffachuu hin dhiifne.
sijaacha kumshukuru Mungu kwa ajili yenu, nikiwakumbuka katika maombi yangu.
17 Waaqni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan ulfinaa, akka isin guutummaatti isa beektaniif Hafuura ogummaa fi mulʼataa akka isinii kennu nan kadhadha.
Nazidi kumwomba Mungu wa Bwana wetu Yesu Kristo, Baba wa utukufu, awajalieni ninyi roho ya hekima na ya ufunuo, ili mpate kumjua zaidi.
18 Abdiin inni itti isin waame maal akka taʼe, badhaadhummaan dhaala qulqullootaa ulfina qabeessi maal akka taʼe akka beektaniif iji qalbii keessanii akka isinii banamu Waaqa nan kadhadha;
Ninaomba pia kwamba macho ya mioyo yenu yatiwe nuru ili mpate kujua tumaini mliloitiwa, utajiri wa urithi wa utukufu wake kwa watakatifu
19 akkasumas humni isaa inni nu warra amannu keessatti hojjetu hammam guddaa akka taʼe akka beektaniifis nan kadhadha. Humni sunis akkuma jabina guddaa
na uweza wake mkuu usiolinganishwa kwa ajili yetu sisi tuaminio. Uweza huo unaofanya kazi ndani yetu, ni sawa na ile nguvu kuu mno
20 kan inni ittiin Kiristoosin warra duʼan keessaa kaasee samii irratti mirga ofii teessise sana mulʼisee dha;
aliyoitumia katika Kristo alipomfufua kutoka kwa wafu, na akamketisha mkono wake wa kuume huko mbinguni,
21 isas ol aantummaa, taayitaa, humna, gooftummaa hundaa fi bara ammaa qofa utuu hin taʼin bara dhufuuf jiru keessa illee maqaa kennamu hundaa olitti mirga ofii teessise. (aiōn )
juu sana kuliko falme zote na mamlaka, enzi na milki, na juu ya kila jina litajwalo, si katika ulimwengu huu tu, bali katika ule ujao pia. (aiōn )
22 Waaqnis waan hunda miilla isaa jala galche; waldaa kiristaanaatiifis mataa waan hundaa godhee isa kenne;
Naye Mungu ameweka vitu vyote viwe chini ya miguu yake na amemfanya yeye awe kichwa cha vitu vyote kwa ajili ya Kanisa,
23 waldaan kiristaanaa dhagna isaa ti; isheenis guutama isaa kan inni waan hunda karaa hundaan guutuu dha.
ambalo ndilo mwili wake, ukamilifu wake yeye aliye yote katika yote.