< Efesoon 1 >
1 Phaawulos isa fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa, Gara qulqulloota Efesoon jiraatan kanneen Kiristoos Yesuusitti amanamoo taʼanitti:
Pavel apoštol Jezukristův, skrze vůli Boží, svatým, kteří jsou v Efezu, a věrným v Kristu Ježíši:
2 Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
Milost vám a pokoj od Boha Otce našeho a Pána Jezukrista.
3 Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos inni Kiristoosiin eebba hafuuraa hundumaan samii irratti nu eebbise sun haa eebbifamu.
Požehnaný Bůh a Otec Pána našeho Jezukrista, kterýž požehnal nám všelikým požehnáním duchovním v nebeských věcech v Kristu,
4 Inni nu fuula isaa duratti qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne akka taanuuf utuu addunyaan hin uumaminiin dura isaan nu filateeraatii. Jaalalaanis
Jakož vyvolil nás v něm před ustanovením světa, abychom byli svatí a nepoškvrnění před oblíčejem jeho v lásce,
5 akka kaayyoo fedhii isaatti akka nu karaa Yesuus Kiristoosiin ilmaan isaa taanuuf duraan dursee nu murteesse;
Předzřídiv nás k zvolení za syny skrze Ježíše Krista pro sebe, podlé dobře libé vůle své,
6 kunis akka ulfinni ayyaana isaa kan inni Ilma isaa jaallatamaa sanaan toluma nuu kenne sun jajamuuf.
K chvále slávy milosti své, kterouž vzácné nás učinil v tom nejmilejším.
7 Nus isumaan akkuma badhaadhummaa ayyaana Waaqaatti dhiiga isaatiin furama jechuunis, dhiifama cubbuu arganneerra;
V němž máme vykoupení skrze krev jeho, totiž odpuštění hříchů, podlé bohatství milosti jeho,
8 ayyaana isaas ogummaa fi hubannaa hunda wajjin nuu baayʼise.
Kterouž rozhojnil k nám ve vší moudrosti a opatrnosti,
9 Innis akka nu icciitii fedhii isaa kan akka yaada isaa isa gaarii inni karaa Kiristoosiin karoorfate sana beeknu godhe;
Oznámiv nám tajemství vůle své podlé dobré líbosti své, kterouž předuložil byl sám v sobě,
10 yaadni isaas yeroo barri murtaaʼe sun guutuutti wantoota samii keessaa fi lafa irra jiran hunda Kiristoos jalatti walitti qabuuf jedhee ti.
Aby v dokonání plnosti časů v jedno shromáždil všecko v Kristu, buď nebeské věci, buď zemské.
11 Nus akkuma karoora isa waan hundumaa akka kaayyoo fedhii isaatti hojjetu sanaatti duraan dursee waan murteeffamneef Kiristoosiin dhaala arganneerra;
V kterémž i k losu připuštěni jsme, předzřízeni byvše, podlé předuložení toho, kterýž všecko působí podlé rady vůle své,
12 kunis akka nu warri Kiristoosin abdachuutti kanneen jalqabaa taane galata ulfina isaa taanuuf.
Abychom tak byli k chvále slávy jeho my, kteříž jsme prvé naději měli v Kristu.
13 Isinis dubbii dhugaa jechuunis wangeela fayyina keessanii dhageessanii Kiristoositti amantanii, Hafuura Qulqulluu waadaa galame sanaan chaappeffamtan;
V kterémž i vy naději máte, slyševše slovo pravdy, totiž evangelium spasení svého, skrze kteréž také, uvěřivše, znamenáni jste Duchem zaslíbení svatým,
14 innis warri kan Waaqayyoo taʼan galata ulfina isaatiif yeroo furamanitti wanta nu argachuuf jirruuf qabdii keenya.
Kterýž jest závdavek dědictví našeho, na vykoupení toho, což jím dobyto jest, k chvále slávy jeho.
15 Kanaafuu ani waaʼee amantii isin Gooftaa Yesuusitti qabdanii fi jaalala isin qulqulloota hundaaf qabdanii dhagaʼee
Protož i já, slyšev o vaší víře v Pánu Ježíši, a o lásce ke všechněm svatým,
16 kadhannaa koo keessatti isin yaadachaa waaʼee keessaniif galateeffachuu hin dhiifne.
Nepřestávám díků činiti z vás, zmínku čině o vás na modlitbách svých,
17 Waaqni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan ulfinaa, akka isin guutummaatti isa beektaniif Hafuura ogummaa fi mulʼataa akka isinii kennu nan kadhadha.
Aby Bůh Pána našeho Jezukrista, Otec slávy, dal vám Ducha moudrosti a zjevení ku poznání jeho,
18 Abdiin inni itti isin waame maal akka taʼe, badhaadhummaan dhaala qulqullootaa ulfina qabeessi maal akka taʼe akka beektaniif iji qalbii keessanii akka isinii banamu Waaqa nan kadhadha;
A tak osvícené oči mysli vaší, abyste věděli, která by byla naděje povolání jeho, a jaké bohatství slávy dědictví jeho v svatých,
19 akkasumas humni isaa inni nu warra amannu keessatti hojjetu hammam guddaa akka taʼe akka beektaniifis nan kadhadha. Humni sunis akkuma jabina guddaa
A kterak jest nesmírná velikost moci jeho k nám věřícím podlé působení mocnosti síly jeho.
20 kan inni ittiin Kiristoosin warra duʼan keessaa kaasee samii irratti mirga ofii teessise sana mulʼisee dha;
Kteréž dokázal na Kristu, vzkřísiv jej z mrtvých, a posadiv na pravici své na nebesích,
21 isas ol aantummaa, taayitaa, humna, gooftummaa hundaa fi bara ammaa qofa utuu hin taʼin bara dhufuuf jiru keessa illee maqaa kennamu hundaa olitti mirga ofii teessise. (aiōn )
Vysoce nade všecko knížatstvo, i mocnosti, i moci, i panstvo, i nad každé jméno, kteréž se jmenuje, netoliko v věku tomto, ale i v budoucím. (aiōn )
22 Waaqnis waan hunda miilla isaa jala galche; waldaa kiristaanaatiifis mataa waan hundaa godhee isa kenne;
A všecko poddal pod nohy jeho, a jej dal hlavu nade všecko církvi,
23 waldaan kiristaanaa dhagna isaa ti; isheenis guutama isaa kan inni waan hunda karaa hundaan guutuu dha.
Kteráž jest tělo jeho, a plnost všecko ve všech naplňujícího.