< Lallaba 1 >

1 Dubbii lallabaa ilma Daawit, isa Yerusaalem keessaatti mootii taʼe sanaa:
達味之子耶路撒冷的君王「訓道者」的語錄:
2 Lallabichi, “Faayidaa hin qabu! Faayidaa hin qabu! Guutumaan guutuutti faayidaa hin qabu! Wanni hundinuu faayidaa hin qabu” jedha.
虛而又虛,訓道者說:虛而又虛,萬事皆虛。
3 Namni hojii isaa kan aduudhaa gaditti itti dadhabu hunda keessaa, buʼaa maalii argata?
人在太陽下辛勤勞作,為人究有何益﹖
4 Dhaloonni ni dhufa; dhaloonni ni darba; lafti garuu bara baraan jiraatti.
一代過去,一代又來,大地仍然常在。
5 Biiftuun ni baati; biiftuun ni lixxi; gara baate sanatti deebiʼuufis ni ariifatti.
太陽升起,太陽落下,匆匆趕回原處,從新再升。
6 Bubbeen gara kibbaatti bubbisa; gara kaabaattis ni deebiʼa; innis naannaʼuma naannaʼee deema; karaa isaa irras deddeebiʼa.
風吹向南,又轉向北,旋轉不息,循環周行。
7 Lagni hundi galaanatti yaaʼa; galaanni garuu hin guutu. Lageen garuma dhufanitti deebiʼanii yaaʼu.
江河流入大海,大海總不滿溢;江河仍向所往之處,川流不息。
8 Wanni hundinuu hamma namni tokko dubbachuu dandaʼu caalaa dadhabsiisaa dha. Iji argee hin quufu; yookaan gurri dhagaʼee hin guutu.
萬事皆辛勞,無人能盡言:眼看,看不夠;耳聽,聽不飽。
9 Wanni duraan ture ammas ni taʼa; wanni duraan hojjetame ammas ni hojjetama; aduudhaa gaditti wanni haaraan tokko iyyuu hin jiru.
往昔所有的,將來會再有;昔日所行的,將來會再行;太陽之下決無新事。
10 Wanni namni tokko, “Ilaa! Wanni kun haaraa dha” jechuu dandaʼu kam iyyuu jiraa? Wanni kun duraanuu bara dheeraan dura as ture; bara keenyaan dura iyyuu asuma ture.
若有人指著某事說:「看,這是新事。」豈不知在我們以前早就有過。
11 Namoonni bara durii hin yaadataman; kanneen dhufuuf jiranis warra isaan duubaan dhufaniin hin yaadataman.
只是對往者,沒有人去追憶;同樣,對來者,也不會為後輩所記念。
12 Ani Lallabaan, Yerusaalem keessatti mootii Israaʼelin ture.
我訓道者,曾在耶路撒冷作過以色列的君王。
13 Ani waan samii gaditti hojjetame hunda ogummaadhaan quʼadhee qoradhee bira gaʼuuf of kenneen ture. Waaqni baʼaa ulfaataa akkamii nama irra kaaʼe!
我曾專心用智慧考查研究過天下所發生的一切;--這實在是天主賜與人類的一項艱辛的工作。
14 Ani waan aduudhaa gaditti hojjetame hunda argeera; hundi isaanii iyyuu faayidaa hin qaban; kun akkuma nama bubbee ariʼuu ti.
我觀察了在太陽下所發生的一切:看,都是空虛,都是追風。
15 Wanni jalʼifame tokko deebiʼee hin qajeelfamu; wanni hin jirres lakkaaʼamuu hin dandaʼu.
彎曲的,不能使之正直,虧缺的,實在不可勝數。
16 Anis akkana jedheen yaade; “Kunoo, ani nama anaan dura Yerusaalemin bulchaa ture kam iyyuu caalaa guddadhee ogummaas dabaladheera; ani muuxannoo ogummaatii fi beekumsaa guddaa argadheera.”
我心裏自語說:「看,我獲得了又大又多的智慧,勝過了所有在我以前住在耶路撒冷的人,我的心獲得了許多智慧和學問。」
17 Kanaafuu ani ogummaa, maraatummaa fi gowwummaa hubachuufin of kenne; garuu ani akka wanni kunis bubbee ariʼuu taʼe nan baradhe.
我再專心研究智慧和學問,愚昧和狂妄,我纔發覺:連這項工作也是追風。
18 Ogummaa guddaa keessa gadda baayʼeetu jiraatii; akkuma beekumsi dabalamuun gaddis dabalama.
因為,智慧愈多,煩惱愈多;學問越廣,憂慮越深。

< Lallaba 1 >