< Lallaba 9 >

1 Kanaafuu ani waan kana hunda garaatti qabadhee akka qajeelaan, ogeessii fi hojiiwwan isaanii harka Waaqaa keessa jiran nan hubadhe; garuu namni tokko iyyuu akka jaalalli yookaan jibbi isa eeggatu hin beeku.
For all this I laid to my heart, even to explore all this: that the righteous, and the wise, and their works, are in the hand of God; whether it is love or hatred, man doesn’t know it; all is before them.
2 Nama qajeelaa fi jalʼaa, nama gaarii fi hamaa, nama qulqulluu fi xuraaʼaa, warra aarsaa dhiʼeessanii fi warra hin dhiʼeessine hunda galgalli isaanii tokkuma. Waanuma nama gaarii irra gaʼutu, cubbammaa irras gaʼa; waanuma warra kakuu seenan irra gaʼutu, warri kakuu seenuu sodaatan irra gaʼa.
All things come alike to all. There is one event to the righteous and to the wicked; to the good, to the clean, to the unclean, to him who sacrifices, and to him who doesn’t sacrifice. As is the good, so is the sinner; he who takes an oath, as he who fears an oath.
3 Hamminni waan aduudhaa gaditti taʼu hunda keessa jiru kanaa dha: Galgalli nama hundaa tokkoo dha. Kana malees garaan namootaa hamminaan guutameera; bara jireenya isaanii keessas maraatummaatu garaa isaanii keessa jira; ergasii isaan warra duʼanitti dabalamu.
This is an evil in all that is done under the sun, that there is one event to all. Yes also, the heart of the sons of men is full of evil, and madness is in their heart while they live, and after that they go to the dead.
4 Namni warra lubbuun jiran hundatti dabalamu kam iyyuu abdii qaba. Leenca duʼee mannaa saree lubbuun jirtu wayyaatii!
For to him who is joined with all the living there is hope; for a living dog is better than a dead lion.
5 Warri lubbuun jiran akka duʼan ni beekuutii; warri duʼan garuu homaa hin beekan; isaan siʼachi gatii hin qaban; yaadannoon isaanii iyyuu ni irraanfatama.
For the living know that they will die, but the dead don’t know anything, neither do they have any more a reward; for their memory is forgotten.
6 Jaalalli isaanii, jibbi isaaniitii fi hinaaffaan isaanii erga badee tureera; isaan waan aduudhaa gaditti taʼu kam iyyuu keessatti lammata qooda hin qabaatan.
Also their love, their hatred, and their envy has perished long ago; neither do they any longer have a portion forever in anything that is done under the sun.
7 Sababii Waaqni waan ati hojjettetti gammadeef dhaqiitii nyaata kee gammachuudhaan nyaadhu; daadhii wayinii keetiis garaa gammadduun dhugi.
Go your way—eat your bread with joy, and drink your wine with a merry heart; for God has already accepted your works.
8 Yeroo hunda uffata adii uffadhu; zayitiinis mataa kee irraa hin dhabamin.
Let your garments be always white, and don’t let your head lack oil.
9 Bara jireenyaa kan faayidaa hin qabne, kan Waaqni aduudhaa gaditti siif kenne kana hunda bara kee kan faayidaa hin qabne hunda keessatti haadha manaa kee kan jaallattu wajjin gammachuudhaan jiraadhu. Jireenyaa fi hojii ati aduudhaa gaditti itti dadhabde sanaaf qoodni kee kanumaatii.
Live joyfully with the wife whom you love all the days of your life of vanity, which he has given you under the sun, all your days of vanity, for that is your portion in life, and in your labor in which you labor under the sun.
10 Waan harki kee hojjechuu dandaʼu hunda humna kee guutuudhaan hojjedhu; awwaala ati itti deemuuf jirtu keessa hojiin yookaan yaadni yookaan beekumsi yookaan ogummaan hin jiruutii. (Sheol h7585)
Whatever your hand finds to do, do it with your might; for there is no work, nor plan, nor knowledge, nor wisdom, in Sheol, where you are going. (Sheol h7585)
11 Ani aduudhaa gaditti waan biraa argeera: Fiigichi warra saffisaniif yookaan lolli irree jabeeyyiif miti; yookaan nyaanni ogeeyyiif yookaan qabeenyi hubattootaaf yookaan fudhatama argachuun beektotaaf miti; yeroo fi carraan hunda isaanii argata.
I returned and saw under the sun that the race is not to the swift, nor the battle to the strong, neither yet bread to the wise, nor yet riches to men of understanding, nor yet favor to men of skill; but time and chance happen to them all.
12 Namni tokko iyyuu yeroon isaa yoom akka taʼe hin beeku: Akkuma qurxummiin kiyyoo hamaadhaan qabamu, yookaan akkuma simbirri kiyyoodhaan qabamtu sana namoonnis bara hamaa akkuma tasaa isaanitti dhufuun qabamu.
For man also doesn’t know his time. As the fish that are taken in an evil net, and as the birds that are caught in the snare, even so are the sons of men snared in an evil time, when it falls suddenly on them.
13 Ani amma illee fakkeenya ogummaa kan akka malee na dinqisiise kana aduudhaa gaditti nan arge:
I have also seen wisdom under the sun in this way, and it seemed great to me.
14 Magaalaa xinnoo namoonni muraasni keessa jiraatan tokkotu ture. Mootiin jabaan tokkos isheetti baʼee marse; koobii biyyoo guddaa naannessee itti ijaare.
There was a little city, and few men within it; and a great king came against it, besieged it, and built great bulwarks against it.
15 Yeroo sanatti hiyyeessa ogeessa tokkotu magaalaa sana keessa jiraachaa ture; innis ogummaa isaatiin magaalattii baraare. Namni tokko iyyuu garuu hiyyeessa sana hin yaadanne.
Now a poor wise man was found in it, and he by his wisdom delivered the city; yet no man remembered that same poor man.
16 Kanaafuu ani, “Jabina irra ogummaa wayya” nan jedhe. Ogummaan hiyyeessa sanaa garuu ni tuffatame; dubbiin isaas fudhatama hin arganne.
Then I said, “Wisdom is better than strength.” Nevertheless the poor man’s wisdom is despised, and his words are not heard.
17 Iyya bulchaa gowwootaa irra hasaasa ogeessaatu dhagaʼama.
The words of the wise heard in quiet are better than the cry of him who rules among fools.
18 Meeshaalee waraanaa irra ogummaa wayya; cubbamaan tokko garuu waan gaarii hedduu balleessa.
Wisdom is better than weapons of war; but one sinner destroys much good.

< Lallaba 9 >