< Lallaba 8 >

1 Kan akka nama ogeessaa eenyu? Eenyutu hiikkaa waan tokkoo beeka? Ogummaan fuula namaa ibsa; nyaara guurames ni hiika.
Ni mtu gani mwenye hekima? Ambaye anafahamu matukio yana maana gani katika maisha? Hekima ndani ya mtu husababisha uso wake kung'ara, na ugumu wa uso wake hubadilika.
2 Ati sababii fuula Waaqaa duratti kakuu galteef ajaja mootii eegi.
Ninakushauri kuitii amri ya mfalme kwa sababu ya kiapo cha Mungu cha kumlinda yeye.
3 Fuula mootii duraa deemuuf hin jarjarin. Waan hamaa keessatti hin hirmaatin; inni waan fedhe kam iyyuu ni godhaatii.
Usiharakishe kuondoka mbele ya uwepo wake, na usisimame kuunga mkono jambo lisilofaa, kwa kuwa mfalme anafanya chochote anacho tamani.
4 Sababii dubbiin mootii waan hundaa ol taʼeef eenyutu, “Ati maal hojjechaa jirta?” isaan jechuu dandaʼa?
Neno la mfalme hutawala, kwa hiyo ni nani atakaye mwambia, 'Unafanya nini?
5 Namni ajaja mootii eegu kam iyyuu hin miidhamu; qalbiin ogeessaa immoo yeroo fi haala mijaaʼaa beeka.
Yeyote ashikaye amri za mfalme hukwepa madhara. Moyo wa mwenye hekima hutambua mwelekeo muafaka na muda wa kuenda.
6 Rakkinni namaa akka malee isatti ulfaatu iyyuu wanni hundi yeroo fi haala mijaaʼaa qabaatii.
Kwa kuwa kila jambo lina jibu sahihi, na wakati wa kujibu, kwa sababu taabu ya mtu ni kubwa.
7 Sababii namni tokko iyyuu waan eger taʼu hin beekneef, eenyutu waan dhufuuf jiru isatti himuu dandaʼa?
Hakuna anaye fahamu kinacho fuata. Ni nani awezaye kumwambia nini kinacho kuja?
8 Namni tokko iyyuu hafuura isaa of keessatti dhowwuu hin dandaʼu; kanaafuu eenyu iyyuu guyyaa duʼa isaa irratti humna hin qabu. Akkuma namni tokko yeroo waraanaatti duula keessaa hin ariʼamne sana, hamminnis warra isa hojjetu gad hin dhiisu.
Hakuna mwenye uwezo juu ya roho aizuie roho; wala hana mamlaka juu ya siku ya kufa; wala hakuna kuruhusiwa katika vita vile; wala uovu hautamwokoa yule aliyeuzoea.
9 Anis qalbii koo gara waan aduudhaa gaditti hojjetamu hundaatti deebifadhee waan kana hunda nan arge. Yeroon namni tokko warra kaan humnaan nan bulcha jedhee ofuma miidhu jira.
Mambo hayo yote nimeyaona, nikatia moyo wangu katika kila kazi iliyofanyika chini ya jua. Kuna wakati ambapo mtu mmoja anayo mamlaka juu ya mwenziwe kwa hasira yake.
10 Ergasiis ani hamoota iddoo qulqulluu seenanii baʼaa turan sana akka isaan awwaalaman nan arge; isaanis magaalaa itti waan akkasii hojjetan keessatti ni jajamu ture. Kunis faayidaa hin qabu.
Hivyo niliwaona wabaya wakizikwa hadharani. Waliondolewa mahali patakatifu na kuzikwa mahali waliposifiwa na watu katika mji walipokuwa wamefanya matendo maovu. Hii nayo haifai.
11 Sababii yakka hojjetame tokkootiif adabbiin dafee hin kennamneef, garaan namootaa mala hammina hojjechuutiin guutama.
Wakati hukumu dhidi ya tendo ovu haihukumiwi haraka, hushawishi mioyo ya wanadamu kutenda ubaya.
12 Cubbamaan tokko yeroo dhibba yakka hojjetee bara dheeraa jiraatu iyyuu, ani akka namoonni Waaqa sodaatan kanneen sodaadhaan fuula isaa dura jiraatan nagaa qabaatan nan beeka.
Hata kama mwenye dhambi afanye uovu mara mia moja na bado aishi kwa muda mrefu, bado ninafahamu itakuwa vyema kwa wale wanao muheshimu Mungu, wanaouheshimu uwepo wake walio nao.
13 Taʼus hamoonni sababii Waaqa hin sodaanneef nagaa hin qabaatan; barri jireenya isaaniis akka gaaddidduu hin dheeratu.
Lakini haitakuwa vyema kwa mtu mwovu; mkewe hatacheleweshwa. Siku zake kama kizuri kitowekacho upesi, kwa sababu hamuheshimu Mungu.
14 Waan faayidaa hin qabne kan lafa irratti taʼu tokkotu jira; kunis qajeeltota waan hamootaaf malu argatanii fi hamoota waan qajeeltotaaf malu argatanii dha. Ani wanni kun faayidaa hin qabu nan jedha.
Kuna mvuke mwingine usio faa, jambo jingine linaofanyika juu ya dunia. Mambo hutokea kwa watu wenye haki kama yatokeavyo kwa watu waovu, na mambo hutokea kwa wenye haki kama yatokeavyo kwa waovu. Ninasema hili pia ni mvuke usiofaa.
15 Kanaafuu namaaf wanni aduudhaa gaditti nyaachuu, dhuguu fi gammaduu caalu tokko iyyuu sababii hin jirreef ani akka namni jireenyatti gammadu nan gorsa. Akkasiin bara jireenya isaa kan Waaqni aduudhaa gaditti kenneef hunda keessatti hojii isaa irratti gammachuun isa duukaa buʼa.
Kwa hiyo nikapendekeza furaha, kwa sababu mtu hana jambo bora chini ya jua zaidi ya kula na kunywa na kuwa na furaha. furaha ndiyo itamfuata katika kazi zake kwa siku zote za maisha yake ambayo Mungu amempa chini ya jua.
16 Ani yommuun qalbii koo gara ogummaa beekuu fi hojii namni utuu iji isaa halkanii fi guyyaa hirriba hin argatin hojjetu ilaaluutti deebifadhetti,
Nikauweka moyo wangu kufamu hekima na kufahamu kazi inayofanyika juu ya nchi, kazi ambayo inafanyika mara nyingi pasipo kufumba macho usiku au mchana.
17 waan Waaqni hojjete hunda nan arge. Namni tokko iyyuu waan aduudhaa gaditti taʼaa jiru hubachuu hin dandaʼu. Namni waan kana bira gaʼuuf tattaaffatu iyyuu hiikkaa isaa argachuu hin dandaʼu. Ogeessi waan beeku yoo of seʼe illee inni dhugumaan hubachuu hin dandaʼu.
Kisha nika tafakari matendo yote ya Mungu, na kwamba mtu hawezi kuelewa kazi inayofanyika chini ya jua. Bila kujali mtu anafanya kupata majibu, hatayapata. Ingawa mwenye hekima anaweza kuamini anajua, kitu kweli hajui.

< Lallaba 8 >