< Lallaba 8 >

1 Kan akka nama ogeessaa eenyu? Eenyutu hiikkaa waan tokkoo beeka? Ogummaan fuula namaa ibsa; nyaara guurames ni hiika.
Who is as the wise man? and who knoweth the interpretation of a thing? a man’s wisdom maketh his face to shine, and the boldness of his face shall be changed.
2 Ati sababii fuula Waaqaa duratti kakuu galteef ajaja mootii eegi.
I counsel thee to keep the king’s commandment, and that in regard of the oath of God.
3 Fuula mootii duraa deemuuf hin jarjarin. Waan hamaa keessatti hin hirmaatin; inni waan fedhe kam iyyuu ni godhaatii.
Be not hasty to go out of his sight: stand not in an evil thing; for he doeth whatever pleaseth him.
4 Sababii dubbiin mootii waan hundaa ol taʼeef eenyutu, “Ati maal hojjechaa jirta?” isaan jechuu dandaʼa?
Where the word of a king is, there is power: and who may say to him, What doest thou?
5 Namni ajaja mootii eegu kam iyyuu hin miidhamu; qalbiin ogeessaa immoo yeroo fi haala mijaaʼaa beeka.
He who keepeth the commandment shall feel no evil thing: and a wise man’s heart discerneth both time and judgment.
6 Rakkinni namaa akka malee isatti ulfaatu iyyuu wanni hundi yeroo fi haala mijaaʼaa qabaatii.
Because to every purpose there is time and judgment, therefore the misery of man is great upon him.
7 Sababii namni tokko iyyuu waan eger taʼu hin beekneef, eenyutu waan dhufuuf jiru isatti himuu dandaʼa?
For he knoweth not that which shall be: for who can tell him when it shall be?
8 Namni tokko iyyuu hafuura isaa of keessatti dhowwuu hin dandaʼu; kanaafuu eenyu iyyuu guyyaa duʼa isaa irratti humna hin qabu. Akkuma namni tokko yeroo waraanaatti duula keessaa hin ariʼamne sana, hamminnis warra isa hojjetu gad hin dhiisu.
There is no man that hath power over the spirit to retain the spirit; neither hath he power in the day of death: and there is no discharge in that war; neither shall wickedness deliver those that are given to it.
9 Anis qalbii koo gara waan aduudhaa gaditti hojjetamu hundaatti deebifadhee waan kana hunda nan arge. Yeroon namni tokko warra kaan humnaan nan bulcha jedhee ofuma miidhu jira.
All this have I seen, and applied my heart to every work that is done under the sun: there is a time in which one man ruleth over another to his own hurt.
10 Ergasiis ani hamoota iddoo qulqulluu seenanii baʼaa turan sana akka isaan awwaalaman nan arge; isaanis magaalaa itti waan akkasii hojjetan keessatti ni jajamu ture. Kunis faayidaa hin qabu.
And so I saw the wicked buried, who had come and gone from the place of the holy, and they were forgotten in the city where they had so done: this is also vanity.
11 Sababii yakka hojjetame tokkootiif adabbiin dafee hin kennamneef, garaan namootaa mala hammina hojjechuutiin guutama.
Because sentence against an evil work is not executed speedily, therefore the heart of the sons of men is fully set in them to do evil.
12 Cubbamaan tokko yeroo dhibba yakka hojjetee bara dheeraa jiraatu iyyuu, ani akka namoonni Waaqa sodaatan kanneen sodaadhaan fuula isaa dura jiraatan nagaa qabaatan nan beeka.
Though a sinner doeth evil an hundred times, and his days are prolonged, yet surely I know that it shall be well with them that fear God, who fear before him:
13 Taʼus hamoonni sababii Waaqa hin sodaanneef nagaa hin qabaatan; barri jireenya isaaniis akka gaaddidduu hin dheeratu.
But it shall not be well with the wicked, neither shall he prolong his days, which are as a shadow; because he feareth not before God.
14 Waan faayidaa hin qabne kan lafa irratti taʼu tokkotu jira; kunis qajeeltota waan hamootaaf malu argatanii fi hamoota waan qajeeltotaaf malu argatanii dha. Ani wanni kun faayidaa hin qabu nan jedha.
There is a vanity which is done upon the earth; that there are just men, to whom it happeneth according to the work of the wicked; again, there are wicked men, to whom it happeneth according to the work of the righteous: I said that this also is vanity.
15 Kanaafuu namaaf wanni aduudhaa gaditti nyaachuu, dhuguu fi gammaduu caalu tokko iyyuu sababii hin jirreef ani akka namni jireenyatti gammadu nan gorsa. Akkasiin bara jireenya isaa kan Waaqni aduudhaa gaditti kenneef hunda keessatti hojii isaa irratti gammachuun isa duukaa buʼa.
Then I commended mirth, because a man hath no better thing under the sun, than to eat, and to drink, and to be merry: for that shall abide with him of his labour the days of his life, which God giveth him under the sun.
16 Ani yommuun qalbii koo gara ogummaa beekuu fi hojii namni utuu iji isaa halkanii fi guyyaa hirriba hin argatin hojjetu ilaaluutti deebifadhetti,
When I applied my heart to know wisdom, and to see the business that is done upon the earth: (for also there is that neither day nor night seeth sleep with his eyes: )
17 waan Waaqni hojjete hunda nan arge. Namni tokko iyyuu waan aduudhaa gaditti taʼaa jiru hubachuu hin dandaʼu. Namni waan kana bira gaʼuuf tattaaffatu iyyuu hiikkaa isaa argachuu hin dandaʼu. Ogeessi waan beeku yoo of seʼe illee inni dhugumaan hubachuu hin dandaʼu.
Then I beheld all the work of God, that a man cannot find out the work that is done under the sun: because though a man may labour to seek it out, yet he shall not find it; yea further; though a wise man thinketh to know it, yet shall he not be able to find it.

< Lallaba 8 >