< Lallaba 7 >

1 Shittoo urgaaʼaa irra maqaa gaarii wayya; guyyaa dhalootaa irra guyyaa duʼaa wayya.
טוב שם משמן טוב ויום המות מיום הולדו׃
2 Mana cidhaa dhaquu mannaa mana booʼichaa dhaquu wayya; galgalli nama hundaa duʼumaatii; namni lubbuun jiraatu waan kana garaatti haa qabatu.
טוב ללכת אל בית אבל מלכת אל בית משתה באשר הוא סוף כל האדם והחי יתן אל לבו׃
3 Fuulli gaddu waan garaa gammachiisuuf kolfa irra gadda wayya.
טוב כעס משחק כי ברע פנים ייטב לב׃
4 Qalbiin ogeessaa mana booʼichaa jira, qalbiin gowwaa garuu mana gammachuu jira.
לב חכמים בבית אבל ולב כסילים בבית שמחה׃
5 Sirba gowwootaa dhagaʼuu mannaa ifannaa ogeessaa dhaggeeffachuu wayya.
טוב לשמע גערת חכם מאיש שמע שיר כסילים׃
6 Kolfi gowwaa akkuma qoraattii xuwwee jalaa xaaxaʼuu ti. Kunis faayidaa hin qabu.
כי כקול הסירים תחת הסיר כן שחק הכסיל וגם זה הבל׃
7 Cunqursaan ogeessa gowwaa godha; mattaʼaanis sammuu nama xureessa.
כי העשק יהולל חכם ויאבד את לב מתנה׃
8 Jalqaba waan tokkoo irra dhuma isaa wayya; of tuuluu irras obsa wayya.
טוב אחרית דבר מראשיתו טוב ארך רוח מגבה רוח׃
9 Hafuura keetiin aaruuf hin ariifatin; aariin bobaa gowwootaa keessa jiraatii.
אל תבהל ברוחך לכעוס כי כעס בחיק כסילים ינוח׃
10 Ati, “Barri durii maaliif bara kana caale?” hin jedhin; waan kana gaafachuun ogummaa miti.
אל תאמר מה היה שהימים הראשנים היו טובים מאלה כי לא מחכמה שאלת על זה׃
11 Ogummaan akkuma dhaalaa waan gaarii dha; warra aduu arganiifis buʼaa qaba.
טובה חכמה עם נחלה ויתר לראי השמש׃
12 Akkuma maallaqni daʼoo taʼe sana ogummaanis daʼoo dha; faayidaan beekumsaa garuu kana: innis ogummaan warra ishee qabaniif jireenya kennuu ishee ti.
כי בצל החכמה בצל הכסף ויתרון דעת החכמה תחיה בעליה׃
13 Waan Waaqni hojjete mee ilaali: Waan inni jalʼise eenyutu qajeelchuu dandaʼa?
ראה את מעשה האלהים כי מי יוכל לתקן את אשר עותו׃
14 Yommuu yeroon gaarii taʼutti gammadi; yommuu yeroon hammaatu garuu itti yaadi: Waaqni isa tokko hojjete isa kaanis hojjeteera. Kanaafuu namni egeree isaa beekuu hin dandaʼu.
ביום טובה היה בטוב וביום רעה ראה גם את זה לעמת זה עשה האלהים על דברת שלא ימצא האדם אחריו מאומה׃
15 Ani jireenya koo kan faayidaa hin qabne kana keessatti waan kana lachuu argeera; kunis: Qajeelaan qajeelummaa isaatiin baduu isaatii fi hamaan immoo hammina isaatiin bara dheeraa jiraachuu isaa ti.
את הכל ראיתי בימי הבלי יש צדיק אבד בצדקו ויש רשע מאריך ברעתו׃
16 Ati akka malee qajeelaa hin taʼin; yookaan akka malee ogeessa hin taʼin; maaliif of galaafatta?
אל תהי צדיק הרבה ואל תתחכם יותר למה תשומם׃
17 Ati akka malee hamaa hin taʼin; gowwaas hin taʼin; maaliif utuu yeroon kee hin gaʼin duuta?
אל תרשע הרבה ואל תהי סכל למה תמות בלא עתך׃
18 Utuu isa kaan gad hin dhiisin waan tokko qabaachuun gaarii dha. Namni Waaqa sodaatu waan hundaan ni milkaaʼa.
טוב אשר תאחז בזה וגם מזה אל תנח את ידך כי ירא אלהים יצא את כלם׃
19 Ogummaan, bulchitoota magaalaa tokko keessa jiran kudhan caalaa nama ogeessa tokko humna qabeessa gooti.
החכמה תעז לחכם מעשרה שליטים אשר היו בעיר׃
20 Namni qajeelaan waan qajeelaa malee cubbuu tokko illee hin hojjenne lafa irra hin jiru.
כי אדם אין צדיק בארץ אשר יעשה טוב ולא יחטא׃
21 Waan namni jedhu hunda hin dhaggeeffatin; yoo kana goote utuu hojjetaan kee si abaaruu dhageessaa;
גם לכל הדברים אשר ידברו אל תתן לבך אשר לא תשמע את עבדך מקללך׃
22 ati mataan kee iyyuu yeroo baayʼee namoota kaan akka abaarte garaan kee beekaatii.
כי גם פעמים רבות ידע לבך אשר גם את קללת אחרים׃
23 Ani waan kana hunda ogummaadhaanan qoradhee, “Ani ogeessan taʼa” nan jedhe. Wanni kun garuu narraa fagoo ture.
כל זה נסיתי בחכמה אמרתי אחכמה והיא רחוקה ממני׃
24 Wanti jiru hundi fagoo dha; gad fagoo dha; eenyutu qoratee bira gaʼuu dandaʼa?
רחוק מה שהיה ועמק עמק מי ימצאנו׃
25 Kanaafuu ani gara ogummaa fi maalummaa wantootaa hubachuutti, sakattaʼuutti, qorachuutti akkasumas hammina gowwummaatii fi maraatummaa gowwummaa hubachuutti qalbii koo nan deebifadhe.
סבותי אני ולבי לדעת ולתור ובקש חכמה וחשבון ולדעת רשע כסל והסכלות הוללות׃
26 Ani waan duʼa caalaa hadhaaʼuu nan arge; kunis: dubartii kiyyoo taate, kan yaadni ishee kiyyoo, harki ishee immoo foncaa taʼee dha. Namni Waaqa gammachiisu ishee jalaa ni baʼa; cubbamaan garuu isheedhaan qabama.
ומוצא אני מר ממות את האשה אשר היא מצודים וחרמים לבה אסורים ידיה טוב לפני האלהים ימלט ממנה וחוטא ילכד בה׃
27 Lallabaan akkana jedha; “Kunoo wanni ani qoradhee bira gaʼe kanaa dha: “Mala isaa beekuuf waan tokko fuudhanii waan kaanitti dabaluu dha;
ראה זה מצאתי אמרה קהלת אחת לאחת למצא חשבון׃
28 ani ammas nan sakattaʼe; garuu hin arganne. Ani kuma keessaa dhiira qajeelaa tokko nan argadhe; hunduma isaanii keessaa garuu dubartii qajeeltuu tokko iyyuu hin arganne.
אשר עוד בקשה נפשי ולא מצאתי אדם אחד מאלף מצאתי ואשה בכל אלה לא מצאתי׃
29 Kunoo ani waan kana qofa nan argadhe: Waaqni qajeeltota godhee ilmaan namaa uume; namoonni garuu mala baayʼee barbaacha deeman.”
לבד ראה זה מצאתי אשר עשה האלהים את האדם ישר והמה בקשו חשבנות רבים׃

< Lallaba 7 >