< Lallaba 3 >

1 Wanni hundinuu yeroo qaba; hojiin samiidhaa gaditti hojjetamu hundis waqtii qaba:
Для всього свій час, і година своя́ кожній справі під небом:
2 Dhalachuuf yeroo qaba; duʼuufis yeroo qaba; dhaabuuf yeroo qaba; buqqisuufis yeroo qaba;
час роди́тись і час помирати, час садити і час виривати поса́джене,
3 ajjeesuuf yeroo qaba; fayyisuufis yeroo qaba; diiguuf yeroo qaba; ijaaruufis yeroo qaba;
час вбивати і час лікувати, час руйнувати і час будувати,
4 booʼuuf yeroo qaba; kolfuufis yeroo qaba; gadduuf yeroo qaba; sirbuufis yeroo qaba;
час плакати й час регота́ти, час ридати і час танцювати,
5 dhagaa bittinneessuuf yeroo qaba; walitti qabuufis yeroo qaba; hammachuuf yeroo qaba; hammachuu dhiisuufis yeroo qaba;
час розкида́ти каміння і час каміння грома́дити, час обіймати і час ухилятись обі́ймів,
6 barbaaduuf yeroo qaba; barbaaduu dhiisuufis yeroo qaba; kaaʼuuf yeroo qaba; gatuufis yeroo qaba;
час шукати і час розгубити, час збирати і час розкида́ти,
7 tarsaasuuf yeroo qaba; hodhuufis yeroo qaba; calʼisuuf yeroo qaba; dubbachuufis yeroo qaba;
час дерти і час зашивати, час мовчати і час говорити,
8 jaallachuun yeroo qaba; jibbuufis yeroo qaba; loluuf yeroo qaba; nagaafis yeroo qaba.
час кохати і час ненави́діти, час війні і час миру!
9 Hojjetaan tokko dadhabbii isaa irraa buʼaa maalii argata?
Яка ко́ристь трудя́щому в тім, над чим тру́диться він?
10 Ani baʼaa Waaqni namoota irra kaaʼe argeera.
Я бачив роботу, що Бог був дав лю́дським синам, щоб труди́лись над нею,
11 Inni waan hunda yeruma isaatti miidhagsee tolcheera. Akkasumas yaada baraa baraa garaa namootaa keessa kaaʼe. Taʼus isaan waan Waaqni jalqabaa hamma dhumaatti hojjete beekuu hin dandaʼan.
— усе Він прега́рним зробив свого ча́су, і вічність поклав їм у серце, хоч не розуміє люди́на тих діл, що Бог учинив, від поча́тку та аж до кінця́.
12 Ani akka namootaaf bara jireenya isaanii keessa wanni gammaduu fi waan gaarii hojjechuu caalu tokko iyyuu hin jirre nan beeka.
Я знаю, немає нічо́го в них кращого, як тільки радіти й робити добро́ у своєму житті.
13 Tokkoon tokkoon namaa nyaatee dhugee buʼaa hojii isaa hundatti gammaduun kennaa Waaqaa ti.
I отож, як котри́й чоловік їсть та п'є і в усім своїм тру́ді радіє добром, — це дар Божий!
14 Ani akka wanni Waaqni hojjetu hundi bara baraan jiraatu beeka; wanni tokko illee itti hin dabalamu; wanni tokko iyyuus irraa hin fudhatamu. Waaqni akka namoonni isa sodaataniif waan kana godha.
Я знаю, що все, що Бог робить, воно зостається навіки, — до того не можна нічого додати, — і з того не можна нічого відня́ти, і Бог так зробив, щоб боялись Його!
15 Wanni amma jiru kam iyyuu duraanuu tureera; wanni dhufuuf jirus duraanuu jira ture; Waaqni waan darbes deebisee fida.
Що є, то було́ вже воно, і що статися має — було вже, бо минуле відно́влює Бог!
16 Anis aduudhaa gaditti waan biraa nan arge; kunis: Iddoo murtiin qajeelaan jiraachuu malu, hamminatu ture; iddoo qajeelummaan jiraachuu malu immoo jalʼinatu ture.
І я бачив під сонцем іще: місце су́ду, — а в нім беззако́ння, і місце правди, — у ньому ж неправда.
17 Ani garaa koo keessatti akkana jedheen yaade; “Waaqni qajeeltotaa fi hamoota, gara murtiitti ni fida; wanni hundinuu, hojiin hundinuus yeroo ni qabaatii.”
Я сказав був у серці своє́му: Судитиме Бог справедливого й несправедливого, бо для кожної справи є час, і на всяке там ді́ло.
18 Ani amma illee akkana jedhee garaa koo keessatti nan yaade; “Waaqni akka isaan akkuma bineensotaa taʼuu isaanii arganiif ilmaan namaa qora.
Я сказав був у серці своє́му: Це для лю́дських синів, щоб Бог випробо́вував їх, і щоб бачити їм, що вони як ті зві́рі,
19 Wanni nama irra gaʼu, bineensota irras ni gaʼa; lachan isaanii iyyuu waanuma tokkotu eeggata; akkuma inni tokko duʼu, inni kaanis ni duʼa. Hundi isaanii hafuuruma tokko qabu; namni bineensa caalaa faayidaa argatu tokko illee hin qabu. Wanni hundinuu faayidaa hin qabu.
бо доля для лю́дських синів і доля звіри́ни — однакова доля для них: як оці помирають, так само вмирають і ті, і для всіх один по́дих, і нема над твариною ви́щости людям, — марно́та бо все!
20 Isaan hundi idduma tokko dhaqu; hundinuu biyyoo irraa dhufan; hundinuus biyyootti deebiʼu.
Все до місця одно́го йде: все постало із по́роху, і ве́рнеться все знов до пороху.
21 Akka hafuurri namaa ol baʼee hafuurri bineensaa immoo lafa keessa seenu eenyutu beeka?”
Хто те знає, чи дух лю́дських синів підійма́ється вго́ру, і чи спуска́ється вділ до землі дух скотини?
22 Kanaafuu ani sababii wanni sun ixaa isaa taʼeef akka namaaf wanni hojii isaatti gammaduu caalu tokko iyyuu hin jirre nan arge. Akka inni waan isa duubaan taʼu arguuf eenyutu isa fiduu dandaʼa?
І я бачив, — нема чоловікові кращого, як діла́ми своїми радіти, бо це доля його́! Бо хто поведе́ його гля́нути, що́ буде по ньому?

< Lallaba 3 >