< Lallaba 3 >

1 Wanni hundinuu yeroo qaba; hojiin samiidhaa gaditti hojjetamu hundis waqtii qaba:
Akwai lokaci domin kowane abu, da kuma lokaci domin kowane aiki a duniya.
2 Dhalachuuf yeroo qaba; duʼuufis yeroo qaba; dhaabuuf yeroo qaba; buqqisuufis yeroo qaba;
Lokacin haihuwa da lokacin mutuwa, lokacin shuki da lokacin tumɓukewa.
3 ajjeesuuf yeroo qaba; fayyisuufis yeroo qaba; diiguuf yeroo qaba; ijaaruufis yeroo qaba;
Lokacin kisa da lokacin warkarwa, lokacin rushewa da lokacin ginawa.
4 booʼuuf yeroo qaba; kolfuufis yeroo qaba; gadduuf yeroo qaba; sirbuufis yeroo qaba;
Lokacin kuka da lokacin dariya, lokacin makoki da lokacin rawa.
5 dhagaa bittinneessuuf yeroo qaba; walitti qabuufis yeroo qaba; hammachuuf yeroo qaba; hammachuu dhiisuufis yeroo qaba;
Lokacin warwatsa duwatsu da lokacin tara su, lokacin runguma da lokacin dainawa.
6 barbaaduuf yeroo qaba; barbaaduu dhiisuufis yeroo qaba; kaaʼuuf yeroo qaba; gatuufis yeroo qaba;
Lokacin nema, da lokacin fid da zuciya, lokacin ajiyewa da lokacin zubarwa.
7 tarsaasuuf yeroo qaba; hodhuufis yeroo qaba; calʼisuuf yeroo qaba; dubbachuufis yeroo qaba;
Lokacin yagewa da lokacin ɗinkewa, lokacin yin shiru da lokacin magana.
8 jaallachuun yeroo qaba; jibbuufis yeroo qaba; loluuf yeroo qaba; nagaafis yeroo qaba.
Lokacin ƙauna da lokacin ƙiyayya, lokacin yaƙi da lokacin salama.
9 Hojjetaan tokko dadhabbii isaa irraa buʼaa maalii argata?
Wace riba ce ma’aikaci yake da ita saboda wahalarsa?
10 Ani baʼaa Waaqni namoota irra kaaʼe argeera.
Na ga nawayar da Allah ya ɗora a kan mutane.
11 Inni waan hunda yeruma isaatti miidhagsee tolcheera. Akkasumas yaada baraa baraa garaa namootaa keessa kaaʼe. Taʼus isaan waan Waaqni jalqabaa hamma dhumaatti hojjete beekuu hin dandaʼan.
Ya yi kowane abu da kyau a lokacinsa. Ya kuma sa matuƙa a zukatan mutane, duk da haka sun kāsa gane abin da Allah ya yi daga farko zuwa ƙarshe.
12 Ani akka namootaaf bara jireenya isaanii keessa wanni gammaduu fi waan gaarii hojjechuu caalu tokko iyyuu hin jirre nan beeka.
Na san ba abin da ya fi wa mutane kyau fiye da su ji daɗi su kuma yi alheri yayinda suke da rai.
13 Tokkoon tokkoon namaa nyaatee dhugee buʼaa hojii isaa hundatti gammaduun kennaa Waaqaa ti.
Cewa kowa yă ci, yă sha, yă kuma ji daɗi cikin dukan aikinsa, wannan kyautar Allah ce.
14 Ani akka wanni Waaqni hojjetu hundi bara baraan jiraatu beeka; wanni tokko illee itti hin dabalamu; wanni tokko iyyuus irraa hin fudhatamu. Waaqni akka namoonni isa sodaataniif waan kana godha.
Na san cewa duk abin da Allah ya yi zai dawwama har abada; ba abin da za a ƙara ko a rage. Allah ya yi haka domin mutane su girmama shi.
15 Wanni amma jiru kam iyyuu duraanuu tureera; wanni dhufuuf jirus duraanuu jira ture; Waaqni waan darbes deebisee fida.
Duk abin da yana nan ya taɓa kasancewa, kuma abin da zai kasance, ya taɓa kasancewa; Allah kuma zai nemi bayanin abubuwan da suka wuce.
16 Anis aduudhaa gaditti waan biraa nan arge; kunis: Iddoo murtiin qajeelaan jiraachuu malu, hamminatu ture; iddoo qajeelummaan jiraachuu malu immoo jalʼinatu ture.
Sai na ga wani abu kuma a duniya, a wurin shari’a, akwai mugunta a can, a wurin adalci, akwai mugunta a can.
17 Ani garaa koo keessatti akkana jedheen yaade; “Waaqni qajeeltotaa fi hamoota, gara murtiitti ni fida; wanni hundinuu, hojiin hundinuus yeroo ni qabaatii.”
Sai na yi tunani a zuciyata, “Allah zai shari’anta masu adalci da masu mugunta, gama za a kasance da lokaci domin kowane aiki, lokaci domin kowane abu.”
18 Ani amma illee akkana jedhee garaa koo keessatti nan yaade; “Waaqni akka isaan akkuma bineensotaa taʼuu isaanii arganiif ilmaan namaa qora.
Na sāke yin tunani, “Game da mutane kam, Allah kan gwada su don su san cewa ba su fi dabba ba.
19 Wanni nama irra gaʼu, bineensota irras ni gaʼa; lachan isaanii iyyuu waanuma tokkotu eeggata; akkuma inni tokko duʼu, inni kaanis ni duʼa. Hundi isaanii hafuuruma tokko qabu; namni bineensa caalaa faayidaa argatu tokko illee hin qabu. Wanni hundinuu faayidaa hin qabu.
Ƙaddarar mutum ɗaya take da ta dabba; ƙaddara ɗaya ce take jiransu biyu. Yadda ɗayan yake mutuwa, haka ma ɗayan. Dukansu numfashinsu iri ɗaya ne; mutum bai fi dabba ba. Kowane abu ba shi da amfani.
20 Isaan hundi idduma tokko dhaqu; hundinuu biyyoo irraa dhufan; hundinuus biyyootti deebiʼu.
Duka wuri ɗaya za su tafi; gama duka daga turɓaya suka fito, kuma ga turɓaya duka za su koma.
21 Akka hafuurri namaa ol baʼee hafuurri bineensaa immoo lafa keessa seenu eenyutu beeka?”
Wa ya tabbatar cewa ruhun mutum yakan tashi sama sa’an nan na dabba yă sauka ƙasa?”
22 Kanaafuu ani sababii wanni sun ixaa isaa taʼeef akka namaaf wanni hojii isaatti gammaduu caalu tokko iyyuu hin jirre nan arge. Akka inni waan isa duubaan taʼu arguuf eenyutu isa fiduu dandaʼa?
Saboda haka na ga babu abin da ya fi kyau wa mutum fiye da yă more wahalar aikinsa, domin wannan ne rabonsa. Gama wa zai kawo shi yă ga abin da zai faru a bayansa?

< Lallaba 3 >