< Lallaba 2 >

1 Ani garaa koo keessatti, “Ani waan gaarii barbaaduudhaaf gammachuudhaan sin qoraatii mee kottu” jedheen yaade. Garuu wanni kunis waan faayidaa hin qabne taʼuu isaa nan mirkaneeffadhe.
我心下自語:「來,試一試快樂,享受一下福樂! 」看,這也是空虛。
2 Anis, “Kolfi gowwummaa dha; gammachuunis maal fayyada?” nan jedhe.
我稱歡笑為「瘋狂,」我對喜樂說:「這有何用﹖」
3 Anis utuma qalbiin koo ogummaadhaan na qajeelchaa jiruu gowwummaa qabadhee daadhii wayiniitiin of gammachiisu nan yaale. Waan namoonni bara jireenya isaanii muraasa keessatti samii gaditti hojjetan arguu nan fedhe.
我遂決意喝酒以使我的肉身暢快,--但我的心仍為智慧所引導,並決意迷於狂妄的事,直到我看清,世人在天下一生有限的歲月中所做的事,有什麼好處為止。
4 Ani hojii guddaa nan hojjedhe: Manneen ijaarradhee wayiniis dhaabadhe.
我於是擴大我的工程:為自己建造宮室,栽植葡萄園,
5 Ani iddoo biqiltuutii fi iddoo bashannanaa qopheeffadhee mukkeen ija naqatan kanneen gosa hundaa achi keessa nan dhaabadhe.
開闢園囿,在其中栽植各種果樹,
6 Bosona mukkeen guddachaa jiranii ittiin obaafachuufis kuusaa bishaanii nan qopheeffadhe.
挖掘水池,以澆灌在生長中的樹木。
7 Ani garboota dhiiraa fi dubartii nan bitadhe; garboota mana kootti dhalatan biraas nan qabaadhe; nama naan dura Yerusaalem keessa jiraate kam iyyuu caalaas loonii fi bushaayee hedduu nan horadhe.
買了奴婢,還有在家中出世的僮僕,又有許多牛羊,多過我以前住在耶路撒冷的人。
8 Ani meetii fi warqee, qabeenya moototaatii fi kutaawwan biyyaa walitti nan qabadhe. Ani faarfattoota dhiiraa fi dubartii akkasumas saajjatoowwan nama gammachiisan hedduu qaban ture.
我還聚斂了大批金銀,及各王候各省份的財寶;擁有許多歌唱的男女,無數的嬪妃,以及人間所有的享受。
9 Kanaafuu ani akka malee guddadhee nama anaan dura Yerusaalem keessa ture kam iyyuu caale. Waan kana hunda keessatti ogummaan koo anuma wajjin ture.
我雖如此富有,超過以往住在耶路撒冷的人,但我仍沒有喪失智慧。
10 Ani waan iji koo hawwe hunda isa hin dhowwine; garaa koos gammachuu tokko illee hin lagne. Garaan koo hojii koo hundatti gammade; kunis dadhabbii koo hundaaf badhaasa ture.
凡我眼所希求的,我決不加以拒絕;凡我心所願享受的快樂,我決不加以阻止;因為我的心對我的一切勞苦工作,實在滿意;其實,這也是我由勞苦工作應得的報酬。
11 Taʼus ani yeroon waan harki koo hojjete hundaa fi waanan argachuuf jedhee itti dadhabe hubadhee ilaaletti, wanni hundi akkuma bubbee ariʼuuti malee faayidaa hin qabu ture; aduudhaa gaditti buʼaan tokko iyyuu hin turre.
但當我回顧我所作的一切工作,以及工作時所受的勞苦,看,一切都是空虛,都是追風;在太陽之下,毫無裨益。
12 Anis yaada koo gara ogummaa, maraatummaa fi gowwummaa hubachuutti nan deebifadhe. Namni mootii iddoo buʼu tokko waan duraan hojjetame caalaa maal gochuu dandaʼa?
我又回顧觀察智慧、瘋狂和昏愚;那繼位作君王的人能做什麼﹖只能做已做過的事。
13 Ani akkuma ifni dukkana irra wayyu sana, akka ogummaan gowwummaa irra wayyu nan arge.
我看透智慧勝於昏愚,像光明勝於黑暗。「
14 Ogeessi mataa isaa keessaa ija qaba; gowwaan garuu dukkana keessa deema; ani garuu akka galgalli isaan lamaanii tokkuma taʼe nan hubadhe.
智者高瞻遠矚,愚者卻在黑暗中摸索。」但我也知道:二者都要遭遇同樣的命運。
15 Ergasii ani akkana jedheen garaa koo keessatti nan yaade; “Wanni gowwaa quunname, anaanis ni quunnama; yoos ani ogeessa taʼuudhaan maalan argadha ree?” Ani garaa koo keessatti, “Kunis faayidaa hin qabu” nan jedhe.
我心中自問:「愚人的命運,我也會遇到,為什麼我要更明智﹖」我遂下結論說:「這也是空虛。」
16 Ogeessi akkuma gowwaa yeroo dheeraaf hin yaadatamuutii; bara dhufuuf jiru keessa isaan lachuu ni irraanfatamu. Ogeessis akkuma gowwaa duʼuu qaba!
因為智者和愚者,同樣不為人常久記念,早晚有一天都要被人遺忘。可惜,智者和愚者同樣死去!
17 Sababii wanni aduu gaditti hojjetamu na gaddisiiseef ani jireenya nan jibbe; kun hundinuu bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu.
於是我惱恨生命,因為太陽之下所發生的事,無非使我煩惱,因為全是空虛,都是追風。
18 Ani sababii nama ana duubaan dhufuuf waan kana dhiisuu qabuuf, waanan aduudhaa gaditti itti dadhabe hunda nan jibbe.
我憎恨我在太陽下所受的勞苦,因為我要將勞苦所得,留給我的後人。
19 Eenyutu akka inni ogeessa yookaan gowwaa taʼu beeka? Taʼus inni hojii ani aduudhaa gaditti yaalii fi ogummaa koo itti dhangalaase hundatti abbaa taʼa. Kunis faayidaa hin qabu.
他是智是愚,有誰知道;但他一定要主管我在太陽下,以智慧所辛苦經營的一切工作:這也是空虛。
20 Kanaafuu garaan koo sababii hojii koo dadhabsiisaa ani aduudhaa gaditti itti dadhabe hundaatiif abdii kutachuu jalqabe.
我回顧我在太陽下所受的一切勞苦,就灰心失望。
21 Namni tokko hojii isaa ogummaan, beekumsaa fi harka toliisaan hojjetee ergasii immoo waan qabu hunda nama homaa itti hin dadhabiniif dhiisuu qabaatii. Wanni kunis faayidaa hin qabu; hammina guddaadhas.
因為有人以智慧、學問和才幹勞作得來的,卻應留給那未曾勞作的人,作為產業:這也是空虛和大不幸。
22 Namni tokko dadhabbii isaatiif yaalii cimaa aduudhaa gaditti godhe sana hundaaf maal argata?
人在太陽下所受的一切勞苦,以及痛心的事,究竟有什麼裨益﹖
23 Hojiin isaa bara jireenya isaa hunda rakkinaa fi gadda; sammuun isaa halkan iyyuu hin boqotu. Kunis waan faayidaa hin qabnee dha.
其實,人天天所有的事務,無非是悲苦和煩惱;而且夜裏,心也得不到安息:這也是空虛。
24 Namni nyaatee dhugee hojii isaatti gammaduu caalaa homaa gochuu hin dandaʼu. Ani akka wanni kun harka Waaqaatii dhufe nan arge;
人除了吃喝和享受自己勞作之所得以外,別無更好的事。我也看透了:這是從天主手裏來的。
25 Waaqaan malee eenyutu nyaachuu yookaan gammaduu dandaʼa?
因為離了天主,誰能有吃的,誰能有所享受﹖
26 Waaqni nama isa gammachiisuuf ogummaa, beekumsaa fi gammachuu kenna; nama cubbamaa garuu akka inni namicha Waaqa gammachiisuuf kennuuf jedhee hojii qabeenya walitti qabuutii fi kuusuu hojjetu godha. Kunis bubbee ariʼuu dha; faayidaas hin qabu.
天主原把智慧、學問和歡樂,賜給他所喜愛的人。至於罪人,天主將積蓄貯藏財物的勞苦加於他身上,好將一切財物留給天主所喜愛的人:這也是空虛,也是追風。

< Lallaba 2 >