< Lallaba 12 >

1 Utuu guyyaan rakkinaa hin dhufin, utuu barri ati itti, “Ani itti hin gammadu” jettu hin gaʼin, bara dargaggummaa keetii keessa Uumaa kee yaadadhu;
E HOOMANAO oe i kou Mea nana i hana, I na la o kou noho opiopio ana; Oi hiki ole mai na la ino, A hookokoke ole ia mai na makahiki, Au e olelo ai, Aole o'u oluolu i keia mau mea:
2 utuu aduu fi ifni, jiʼii fi urjiin hin dukkanaaʼin, utuu duumessi bokkaatti aanee hin deebiʼin,
I ka wa i pouli ole ai ka la, a me ka malamalama, O ka mahina hoi a me na hoku; A hoi ole mai na ao mahope o ka ua:
3 yeroo itti eegdonni manaa hollatanii namoonni jajjaboon immoo gugguufanitti, yeroo itti warri midhaan daakan sababii muraasa taʼaniif hojii dhiisanii, kanneen foddaa keessaan ilaalan arguu dadhabanitti,
I ka la i haalulu ai na kiai hale, A kulou ilalo na kanaka ikaika; A oki ka poe wili no ka hapa, A i pouli ai na mea nana ma na puka makani;
4 yeroo itti balballi daandii guddaatti geessu cufamee sagaleen dhagaa daakuu immoo gad buʼaa deemutti, yeroo itti namni waca simbirrootiin dammaqee sirbi ishee hundi garuu gad buʼaa deemutti,
A paniia na puka ma ke alanui, I ka wa i uuku mai ai ka leo o ka wili ana; A e ala ae oia i ka leo o ka manu, A e hoohaahaaia na kaikamahine lea i ke oli a pau.
5 yeroo itti namni lafa ol dheeraa fi balaa daandii irraa sodaatu, yeroo itti mukni lawuzii daraaru, yeroo itti korophisni tiratuu fi hawwiin nama keessaa badutti Uumaa kee yaadadhu. Ergasii namni mana isaa bara baraatti gala; warri booʼanis daandii irra deddeebiʼu.
A makau lakou i na mea kiekie; Aia hoi ma ke alanui na mea e weliweli ai, Ua hoopailua hoi ka laau alemona, A o ka uhini, he mea ia e kaumaha ai, A lilo no hoi ka hua kepa i mea mikomiko ole; No ka mea, hele ke kanaka i kona hale mau, A hele ka poe kanikau ma na alanui:
6 Utuu funyoon meetii hin citin, yookaan utuu waciitiin warqee hin cabin isa yaadadhu; utuu okkoteen burqaa biratti hin caccabin, yookaan utuu geengoon ittiin bishaan warraaban boolla bishaanii biratti hin cabin,
Oi moku ole ia ke kaula kala, Aole hoi i naha ke kiaha gula; Aole naha ka bakeke ma ka punawai, Aole hoi i naha ke kaa ma ka luawai.
7 utuu biyyoon lafa turetti hin deebiʼin, utuu hafuurris Waaqa isa kennetti hin deebiʼin isa yaadadhu.
Alaila, e hoi ka lepo i ka honua e like me ia mamua, A o ka uhane, e hoi ia i ke Akua nana ia i haawi mai.
8 Lallabaanis, “Wanni hundi faayidaa hin qabu! Faayidaa hin qabu! Wanni hundi faayidaa hin qabu!” jedha.
Lapuwale o na lapuwale, wahi a ke kahuna, pau na mea i ka lapuwale.
9 Lallabaan sun ogeessa qofa utuu hin taʼin beekumsas namaaf ni qooda ture. Inni itti yaadee, qoratee fakkeenya baayʼee tartiibaan kaaʼeera.
Eia hoi kekahi: I ko ke kahuna naauao ana, ua ao mau aku oia i na kanaka; ua noonoo oia, a imi, a hooponopono hoi i na olelo akamai he nui hoa.
10 Lallabaan kun jecha sirrii argachuuf jedhee qorate; wanni inni barreesses qajeelaa fi dhugaa dha.
Ua imi iho la ke kahuna e loaa mai na olelo oluolu, a o na mea i kakauia, he olelo pololei ia a me ka oiaio hoi.
11 Dubbiin ogeessaa akkuma meeshaa ittiin loon oofanii ti; jechi isaa kan walitti qabames akkuma mismaara jabeeffamee rukutamee ti; kanas tiksee tokkotu kenne.
O na olelo a ka poe naauao, ua like ia me na mea oi, a me na kui i makiaia a paa e ka poe luna o ka ahakanaka, na mea i haawiia'ku ai e ke kahu hookahi.
12 Yaa ilma ko, waan kana irraa hafe hunda of eeggadhu. Kitaaba hedduu barreessuun hojii dhuma hin qabnee dha; quʼannaan baayʼeenis nama dadhabsiisa.
Eia hoi kekahi: E aoia mai oe, e ka'u keiki, e keia mau mea; o ka hana ana i na buke he nui loa, he mea hope ole ia, a o ka imi nui i ka palapala, he mea ia e luhi ai ke kino.
13 Amma wanni hundinuu dhagaʼameera; dhumni dubbii kunoo ti; Waaqa sodaadhuutii seera isaa eegi; wanni namni hojjechuu malu guddaan isa kanaatii.
E hoolohe oe i ka hope o keia mau mea a pau. E makau i ke Akua, a e malama i kona mau kanawai, no ka mea. oia ka ke kanaka [pono] a pau.
14 Waaqni hojii hunda, waan dhokfame hundas gaarii yookaan hamaa taanaan murtiitti dhiʼeessaatii.
No ka mea, e hookomo ana ke Akua i na hana a pau, a me na mea a pau i hunaia iloko o ka hookolokoloia, ina paha he pono, ina paha he hewa.

< Lallaba 12 >