< Lallaba 11 >

1 Buddeena kee bishaan gubbaa buusi; guyyaa baayʼee booddee deebiftee argattaatii.
Tupa mkate wako juu ya maji, kwa maana baada ya siku nyingi utaupata tena.
2 Qabeenya kee iddoo torbatti yookaan saddeetitti qoodi; balaa biyyatti dhufuuf jiru hin beektuutii.
Wape sehemu watu saba, naam hata wanane, kwa maana hujui ni baa gani litakalokuwa juu ya nchi.
3 Duumessi yoo bishaaniin guutame, bokkaa lafatti gad dhangalaasa. Mukni tokko yoo kibbatti yookaan kaabatti jige, idduma itti kufe sana ciisa.
Kama mawingu yamejaa maji, hunyesha mvua juu ya nchi. Kama mti ukianguka kuelekea kusini au kuelekea kaskazini, mahali ulipoangukia, hapo ndipo utakapolala.
4 Namni qilleensa eeggatu tokko hin facaafatu; kan duumessa ilaallatus hin haammatu.
Yeyote atazamaye upepo hatapanda, yeyote aangaliaye mawingu hatavuna.
5 Ati akkuma daandii bubbee, yookaan akka itti namni gadameessa haadhaa keessatti uumamu hin beekne sana, hojii Waaqaa, Uumaa waan hundaa sana illee beekuu hin dandeessu.
Kama vile usivyofahamu njia ya upepo, au jinsi mwili uumbwavyo ndani ya tumbo la mama, vivyo hivyo huwezi kufahamu kazi ya Mungu, Muumba wa vitu vyote.
6 Inni kun yookaan inni sun, yookaan lachanuu wal qixxee tolu; inni kam akka tolu hin beektuutii; ati sanyii kee ganamaan facaafadhu; galgalas harki kee hojii malee hin taaʼin.
Panda mbegu yako asubuhi, nako jioni usiruhusu mikono yako ilegee, kwa maana hujui ni ipi itakayofanikiwa, kwamba ni hii au ni ile, au kwamba zote zitafanikiwa sawasawa.
7 Ifni miʼaawaa dha; aduu arguunis ija gammachiisa.
Nuru ni tamu, tena inafurahisha macho kuona jua.
8 Namni yoo hammam waggoota baayʼee jiraate illee, inni hunduma isaatti gammadaa haa jiraatu. Garuu inni guyyoota dukkanaa haa yaadatu; isaan ni baayʼatuutii. Wanni dhufuuf jiru hundinuu faayidaa hin qabu.
Hata kama mtu ataishi miaka mingi kiasi gani, na aifurahie yote. Lakini na akumbuke siku za giza, kwa maana zitakuwa nyingi. Kila kitu kitakachokuja ni ubatili.
9 Yaa dargaggeessa, hamma dargaggummaa keessa jirtutti gammadi; bara dargaggummaa keetii keessas garaan kee si haa gammachiisu. Yaada garaa keetii, waanuma iji kee argu duukaa buʼi; garuu akka Waaqni waan kana hundaaf gara murtiitti si fidu beekkadhu.
Furahi ewe kijana, wakati ungali kijana, moyo wako na ukupe furaha katika siku za ujana wako. Fuata njia za moyo wako na chochote macho yako yaonayo, lakini ujue kwamba kwa ajili ya haya yote Mungu atakuleta hukumuni.
10 Kanaafuu garaa kee keessaa yaaddoo balleessi; sababii dargaggummaa fi jabinni faayidaa hin qabneef dhagna kee keessaa hammina baasii gati.
Kwa hiyo basi, ondoa wasiwasi moyoni mwako na utupilie mbali masumbufu ya mwili wako, kwa kuwa ujana na nguvu ni ubatili.

< Lallaba 11 >