< Lallaba 11 >

1 Buddeena kee bishaan gubbaa buusi; guyyaa baayʼee booddee deebiftee argattaatii.
Cast your bread on the waters; for you shall find it after many days.
2 Qabeenya kee iddoo torbatti yookaan saddeetitti qoodi; balaa biyyatti dhufuuf jiru hin beektuutii.
Give a portion to seven, yes, even to eight; for you do not know what evil will be on the earth.
3 Duumessi yoo bishaaniin guutame, bokkaa lafatti gad dhangalaasa. Mukni tokko yoo kibbatti yookaan kaabatti jige, idduma itti kufe sana ciisa.
If the clouds are full of rain, they empty themselves on the earth; and if a tree falls toward the south, or toward the north, in the place where the tree falls, there shall it be.
4 Namni qilleensa eeggatu tokko hin facaafatu; kan duumessa ilaallatus hin haammatu.
He who observes the wind will not sow; and he who regards the clouds will not reap.
5 Ati akkuma daandii bubbee, yookaan akka itti namni gadameessa haadhaa keessatti uumamu hin beekne sana, hojii Waaqaa, Uumaa waan hundaa sana illee beekuu hin dandeessu.
As you do not know what is the way of the wind, nor how the bones grow in the womb of her who is with child; even so you do not know the work of God who does all.
6 Inni kun yookaan inni sun, yookaan lachanuu wal qixxee tolu; inni kam akka tolu hin beektuutii; ati sanyii kee ganamaan facaafadhu; galgalas harki kee hojii malee hin taaʼin.
In the morning sow your seed, and in the evening do not withhold your hand; for you do not know which will prosper, whether this or that, or whether they both will be equally good.
7 Ifni miʼaawaa dha; aduu arguunis ija gammachiisa.
Truly the light is sweet, and it is a pleasant thing for the eyes to see the sun.
8 Namni yoo hammam waggoota baayʼee jiraate illee, inni hunduma isaatti gammadaa haa jiraatu. Garuu inni guyyoota dukkanaa haa yaadatu; isaan ni baayʼatuutii. Wanni dhufuuf jiru hundinuu faayidaa hin qabu.
Yes, if a man lives many years, let him rejoice in them all; but let him remember the days of darkness, for they shall be many. All that comes is vanity.
9 Yaa dargaggeessa, hamma dargaggummaa keessa jirtutti gammadi; bara dargaggummaa keetii keessas garaan kee si haa gammachiisu. Yaada garaa keetii, waanuma iji kee argu duukaa buʼi; garuu akka Waaqni waan kana hundaaf gara murtiitti si fidu beekkadhu.
Rejoice, young man, in your youth, and let your heart cheer you in the days of your youth, and walk in the ways of your heart, and in the sight of your eyes; but know that for all these things God will bring you into judgment.
10 Kanaafuu garaa kee keessaa yaaddoo balleessi; sababii dargaggummaa fi jabinni faayidaa hin qabneef dhagna kee keessaa hammina baasii gati.
Therefore remove sorrow from your heart, and put away evil from your flesh; for youth and the dawn of life are vanity.

< Lallaba 11 >