< Lallaba 10 >

1 Akkuma tisiisni duute tokko shittoo ajeessitu sana gowwummaan xinnoon ogummaa fi ulfina balleessa.
죽은 파리가 향기름으로 악취가 나게 하는 것 같이 적은 우매가 지혜와 존귀로 패하게 하느니라
2 Yaadni ogeessaa karaa mirgaa, yaadni gowwaa immoo karaa bitaa jira.
지혜자의 마음은 오른편에 있고 우매자의 마음은 왼편에 있느니라
3 Gowwaan yoo karaa deemu illee qalbii hin qabu; akka gowwaa taʼes nama hundatti argisiisa.
우매자는 길에 행할 때에도 지혜가 결핍하여 각 사람에게 자기의 우매한 것을 말하느니라
4 Yoo dheekkamsi bulchaa tokkoo sitti hammaate, ati iddoo kee gad hin dhiisin; tasgabbaaʼuun dogoggora guddaa hambisuu dandaʼaatii.
주권자가 네게 분을 일으키거든 너는 네 자리를 떠나지 말라 공순이 큰 허물을 경하게 하느니라
5 Hamminni ani aduudhaa gaditti arge tokko jira; kunis dogoggora bulchaan tokko uumuu dha.
내가 해 아래서 한 가지 폐단 곧 주권자에게서 나는 허물인 듯한것을 보았노니
6 Utuma badhaadhonni iddoo gad aanu qabatanii jiranuu, gowwoonni iddoo ulfinaa qabatu.
우매자가 크게 높은 지위를 얻고 부자가 낮은 지위에 앉는도다
7 Ani utuma ilmaan moototaa akka garbootaa miillaan deemanii garboonni immoo fardaan utuu deemanii nan arge.
또 보았노니 종들은 말을 타고 방백들은 종처럼 땅에 걸어 다니는도다
8 Namni boolla qotu kam iyyuu ofuma isaatii keessa buʼa; nama dallaa cabsee keessaan baʼu kam iyyuu bofatu idda.
함정을 파는 자는 거기 빠질 것이요 담을 허는 자는 뱀에게 물리리라
9 Namni dhagaa baasu kam iyyuu dhagaa sanaan miidhamuu dandaʼa; namni jirma baqaqsu hundinuus jirmuma sanaan miidhama.
돌을 떠내는 자는 그로 인하여 상할 것이요 나무를 쪼개는 자는 그로 인하여 위험을 당하리라
10 Qottoon doomee afaan isaa yoo hin qaramin, humna guddaa barbaachisa; ogummaan garuu milkaaʼinna fida.
무딘 철 연장 날을 갈지 아니하면 힘이 더 드느니라 오직 지혜는 성공하기에 유익하니라
11 Bofti tokko utuu hin raateffamin yoo nama idde, namichi bofa raatessu sun homaa hin argatu.
방술을 베풀기 전에 뱀에게 물렸으면 술객은 무용하니라
12 Dubbiin afaan ogeessaatii baʼu ulfina qaba; namni gowwaan immoo hidhii ofii isaatiin bada.
지혜자의 입의 말은 은혜로우나 우매자의 입술은 자기를 삼키나니
13 Dubbiin isaa jalqabatti gowwummaa dha; dhuma irratti garuu maraatummaa hamaa dha;
그 입의 말의 시작은 우매요 끝은 광패니라
14 namni gowwaan dubbii baayʼisa. Namni tokko iyyuu waan dhufuuf jiru hin beeku; eenyutu waan isa duubaan taʼu isatti himuu dandaʼa?
우매자는 말을 많이 하거니와 사람이 장래 일을 알지 못하나니 신후사를 알게 할 자가 누구이냐
15 Dadhabbiin gowwaa isuma butuchiti; inni karaa gara magaalaatti geessu hin beeku.
우매자들의 수고는 제각기 곤하게 할 뿐이라 저희는 성읍에 들어갈 줄도 알지 못함이니라
16 Yaa biyya mootiin kee mucaa turee, kan ilmaan moototaa kee ganamaan nyaatanii dhugan siif wayyoo.
왕은 어리고 대신들은 아침에 연락하는 이 나라여 화가 있도다
17 Yaa biyya mootiin kee sanyii beekamaa irraa dhalate, kan ilmaan moototaa utuu machaaʼuuf hin taʼin, jabina argachuuf jedhanii yeroo malutti nyaatanii dhugan, ati eebbifamtuu dha.
왕은 귀족의 아들이요 대신들은 취하려 함이 아니라 기력을 보하려고 마땅한 때에 먹는 이 나라여 복이 있도다
18 Dhibaaʼummaan, mana duuffisa; harki hin hojjennes mana dhimmisiisa.
게으른즉 석가래가 퇴락하고 손이 풀어진즉 집이 새느니라
19 Cidhi kolfaaf qopheeffama; daadhiin wayiniis jireenya gammachiisa; maallaqni immoo deebii waan hundaa ti.
잔치는 희락을 위하여 베푸는 것이요 포도주는 생명을 기쁘게 하는 것이나 돈은 범사에 응용되느니라
20 Sababii simbirri samii dubbii kee geessituuf, yookaan simbirri barrisaa jirtu dhaqxee waan ati jettu himtuuf, ati yaada kee keessatti mootii hin arrabsin; yookaan kutaa hirribaa keessatti sooressa hin abaarin.
심중에라도 왕을 저주하지 말며 침방에서라도 부자를 저주하지 말라 공중의 새가 그 소리를 전하고 날짐승이 그 일을 전파할 것임이니라

< Lallaba 10 >