< Lallaba 10 >
1 Akkuma tisiisni duute tokko shittoo ajeessitu sana gowwummaan xinnoon ogummaa fi ulfina balleessa.
一個死蒼蠅能敗壞一碗製香膏者的香膏;一點愚昧也能敗壞智慧和尊榮。
2 Yaadni ogeessaa karaa mirgaa, yaadni gowwaa immoo karaa bitaa jira.
智慧人的心傾向右,愚人的心偏向左。
3 Gowwaan yoo karaa deemu illee qalbii hin qabu; akka gowwaa taʼes nama hundatti argisiisa.
愚人連在走路時,也是無知,並稱眾人皆糊塗。
4 Yoo dheekkamsi bulchaa tokkoo sitti hammaate, ati iddoo kee gad hin dhiisin; tasgabbaaʼuun dogoggora guddaa hambisuu dandaʼaatii.
若當權者向你生氣,你不可離棄崗位,因為心平氣和能避免大錯。
5 Hamminni ani aduudhaa gaditti arge tokko jira; kunis dogoggora bulchaan tokko uumuu dha.
我在太陽下見了一件不幸的事,似乎是出於掌權者的錯誤:
6 Utuma badhaadhonni iddoo gad aanu qabatanii jiranuu, gowwoonni iddoo ulfinaa qabatu.
愚人佔居高位,貴人屈居下位。
7 Ani utuma ilmaan moototaa akka garbootaa miillaan deemanii garboonni immoo fardaan utuu deemanii nan arge.
我看見僕人騎馬,而王侯反像僕人一樣步行。
8 Namni boolla qotu kam iyyuu ofuma isaatii keessa buʼa; nama dallaa cabsee keessaan baʼu kam iyyuu bofatu idda.
挖掘陷阱的必自陷其中,拆毀牆壁的必被蛇咬傷;
9 Namni dhagaa baasu kam iyyuu dhagaa sanaan miidhamuu dandaʼa; namni jirma baqaqsu hundinuus jirmuma sanaan miidhama.
開鑿石頭的必為石壓傷,砍伐樹木的必遭遇危險。
10 Qottoon doomee afaan isaa yoo hin qaramin, humna guddaa barbaachisa; ogummaan garuu milkaaʼinna fida.
鐵器鈍了,如不將刃磨快,必費許多氣力;成功是智慧的效能。
11 Bofti tokko utuu hin raateffamin yoo nama idde, namichi bofa raatessu sun homaa hin argatu.
行法術之前,就已被蛇咬傷,法術於行法術的人,就沒有好處。
12 Dubbiin afaan ogeessaatii baʼu ulfina qaba; namni gowwaan immoo hidhii ofii isaatiin bada.
智者口中的語言,為人有益;愚人的口舌卻自招滅亡:
13 Dubbiin isaa jalqabatti gowwummaa dha; dhuma irratti garuu maraatummaa hamaa dha;
他口中的語言,開始是愚昧,最後卻是殘忍的狂語。
14 namni gowwaan dubbii baayʼisa. Namni tokko iyyuu waan dhufuuf jiru hin beeku; eenyutu waan isa duubaan taʼu isatti himuu dandaʼa?
愚人只知多言:「將來的事怎樣,人不知道,人身後的事,有誰來告訴他﹖」
15 Dadhabbiin gowwaa isuma butuchiti; inni karaa gara magaalaatti geessu hin beeku.
愚人以勞碌為煩惱,因為連怎樣進城,他也不知道。
16 Yaa biyya mootiin kee mucaa turee, kan ilmaan moototaa kee ganamaan nyaatanii dhugan siif wayyoo.
邦國,你的君王若是一個幼童,你的長官若清晨宴飲,你就有禍了!
17 Yaa biyya mootiin kee sanyii beekamaa irraa dhalate, kan ilmaan moototaa utuu machaaʼuuf hin taʼin, jabina argachuuf jedhanii yeroo malutti nyaatanii dhugan, ati eebbifamtuu dha.
邦國,你的君王若出身顯貴,你的長官若宴飲有時,只求養身,不為快樂,那你就有福了。
18 Dhibaaʼummaan, mana duuffisa; harki hin hojjennes mana dhimmisiisa.
屋頂坍塌,由於怠惰;房屋滴漏,由於手懶。
19 Cidhi kolfaaf qopheeffama; daadhiin wayiniis jireenya gammachiisa; maallaqni immoo deebii waan hundaa ti.
設宴是為歡樂,酒可使生活愉快;錢能應付一切。
20 Sababii simbirri samii dubbii kee geessituuf, yookaan simbirri barrisaa jirtu dhaqxee waan ati jettu himtuuf, ati yaada kee keessatti mootii hin arrabsin; yookaan kutaa hirribaa keessatti sooressa hin abaarin.
在床塌上,不要詛咒君王;在臥室內,不要咒罵長官,因為空中的飛鳥能傳音,有翅翼的能傳話。