< Keessa Deebii 9 >

1 Yaa Israaʼel dhagaʼi. Ati Saboota si caalaa gurguddaa fi humna qabeeyyii, magaalaawwan dallaa samii gaʼuun marfaman qaban achii baaftee dhaaluuf Yordaanos ceʼuuf jirta.
Hear, Israel! You are to pass over the Jordan today, to go in to dispossess nations greater and mightier than yourself, cities great and fortified up to the sky,
2 Namoonni sun ilmaan Anaaq warra jajjaboo fi dhedheeroo dha! Atis waaʼee isaanii ni beekta; akka, “Eenyutu Anaaqota dura dhaabachuu dandaʼa?” jedhamu illee dhageesseerta.
a people great and tall, the sons of the Anakim, whom you know, and of whom you have heard say, “Who can stand before the sons of Anak?”
3 Taʼus kan akkuma ibidda waa gubee fixuu si dura ceʼu Waaqayyo Waaqa kee taʼuu isaa harʼa beeki. Inni isaan balleessa; fuula kee durattis gad isaan deebisa. Atis akkuma Waaqayyo si abdachiise sanatti ariitee isaan baafta; daftees isaan fixxa.
Know therefore today that the LORD your God is he who goes over before you as a devouring fire. He will destroy them and he will bring them down before you. So you shall drive them out and make them perish quickly, as the LORD has spoken to you.
4 Erga Waaqayyo Waaqni kee fuula kee duraa ariʼee isaan baasee booddee ati garaa keetti, “Waaqayyo sababii qajeelummaa kootiif akka ani biyya kana dhaalu as na fide” hin jedhin. Waaqayyo sababii hammina isaaniitiif saboota kanneen fuula kee duraa ariʼee baasa.
Don’t say in your heart, after the LORD your God has thrust them out from before you, “For my righteousness the LORD has brought me in to possess this land;” because the LORD drives them out before you because of the wickedness of these nations.
5 Ati biyya isaaniitti galtee kan dhaaltu qajeelummaa keetiin yookaan gaarummaa garaa keetiitiin utuu hin taʼin Waaqayyo kakuu abbootii kee Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif gale sana guutuudhaaf jedhee Waaqayyo Waaqni kee saboota kanneen sababii hammina isaaniitiif fuula kee duraa ariʼee baasa.
Not for your righteousness or for the uprightness of your heart do you go in to possess their land; but for the wickedness of these nations the LORD your God does drive them out from before you, and that he may establish the word which the LORD swore to your fathers, to Abraham, to Isaac, and to Jacob.
6 Egaa Waaqayyo Waaqni kee kan biyya gaarii kana akka dhaaltuuf siif kennu sababii qajeelummaa keetiitiif akka hin taʼin hubadhu; ati saba mata jabeessaatii.
Know therefore that the LORD your God doesn’t give you this good land to possess for your righteousness, for you are a stiff-necked people.
7 Ati akkamitti akka gammoojjii keessatti Waaqayyo Waaqa kee dheekkamsaaf kakaafte yaadadhu; hin dagatinis. Ati gaafa biyya Gibxii baatee jalqabdee hamma as geessutti Waaqayyotti fincilaa turte.
Remember, and don’t forget, how you provoked the LORD your God to wrath in the wilderness. From the day that you left the land of Egypt until you came to this place, you have been rebellious against the LORD.
8 Isin Kooreebitti iyyuu Waaqayyoon dheekkamsaaf kakaasnaan Waaqayyo isin barbadeessuuf isinitti aare.
Also in Horeb you provoked the LORD to wrath, and the LORD was angry with you to destroy you.
9 Ani yeroo gabateewwan dhagaa jechuunis gabateewwan kakuu Waaqayyo isin wajjin gale sanaa fuudhuuf tulluutti ol baʼetti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irran ture; ani buddeena tokko illee hin nyaanne; bishaan illee hin dhugne.
When I had gone up onto the mountain to receive the stone tablets, even the tablets of the covenant which the LORD made with you, then I stayed on the mountain forty days and forty nights. I neither ate bread nor drank water.
10 Waaqayyos gabateewwan dhagaa lama kanneen quba Waaqayyootiin irratti barreeffame natti kenne. Ajajawwan Waaqayyo yeroo isin walitti qabamtanitti tulluu irratti ibidda keessaa isinitti labse hundi gabateewwan sana irra turan.
The LORD delivered to me the two stone tablets written with God’s finger. On them were all the words which the LORD spoke with you on the mountain out of the middle of the fire in the day of the assembly.
11 Dhuma guyyaa afurtamaatii fi halkan afurtamaatti Waaqayyo gabateewwan dhagaa lama jechuunis gabateewwan kakuu natti kenne.
It came to pass at the end of forty days and forty nights that the LORD gave me the two stone tablets, even the tablets of the covenant.
12 Gaafas Waaqayyo akkana naan jedhe; “Kaʼii dafii gad buʼi; sabni kee kan ati biyya Gibxiitii baaftee fidde sun xuraaʼeeraatii. Isaan waan ani isaan ajaje irraa dafanii garagalanii ofii isaaniitiif Waaqa baqfamee hojjetame tolfataniiruutii.”
The LORD said to me, “Arise, get down quickly from here; for your people whom you have brought out of Egypt have corrupted themselves. They have quickly turned away from the way which I commanded them. They have made a molten image for themselves!”
13 Waaqayyo ammas akkana naan jedhe; “Ani saba kana argeera; kunoo inni saba mata jabeessa!
Furthermore the LORD spoke to me, saying, “I have seen these people, and behold, they are a stiff-necked people.
14 Akka ani isaan balleessee maqaa isaanii illee samii gadii haquuf na dhiisi; siʼi immoo isaan caalaa saba guddaa fi jabaa nan godha.”
Leave me alone, that I may destroy them, and blot out their name from under the sky; and I will make of you a nation mightier and greater than they.”
15 Anis of irra garagalee utuma tulluun sun bobaʼaa jiruu tulluu irraa gad nan buʼe. Gabateewwan kakuu lamaan sunis na harka turan.
So I turned and came down from the mountain, and the mountain was burning with fire. The two tablets of the covenant were in my two hands.
16 Anis nan arge; kunoo isin Waaqayyo Waaqa keessanitti cubbuu hojjettanii turtan; isin bifa jabbiitiin Waaqa baqfamee hojjetame ofii keessaniif tolfattanii turtan. Isin daftanii karaa Waaqayyo isin ajaje irraa jalʼattan.
I looked, and behold, you had sinned against the LORD your God. You had made yourselves a moulded calf. You had quickly turned away from the way which the LORD had commanded you.
17 Kanaafuu ani gabateewwan lamaan sana harka koo irraa darbadhee ijuma keessan duratti nan caccabse.
I took hold of the two tablets, and threw them out of my two hands, and broke them before your eyes.
18 Sababii cubbuu isin hojjettan hundaa kan isin fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjechuudhaan dheekkamsaaf isa kakaaftan sanaatiif ani ammas fuula Waaqayyoo duratti gombifamee utuun buddeena hin nyaatinii fi bishaan hin dhugin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtaman ture.
I fell down before the LORD, as at the first, forty days and forty nights. I neither ate bread nor drank water, because of all your sin which you sinned, in doing that which was evil in the LORD’s sight, to provoke him to anger.
19 Sababii inni isin balleessuuf aaree tureef, ani aarii fi dheekkamsa Waaqayyoo nan sodaadhe. Waaqayyo garuu amma illee na dhagaʼe.
For I was afraid of the anger and hot displeasure with which the LORD was angry against you to destroy you. But the LORD listened to me that time also.
20 Waaqayyo Aroonin balleessuuf akka malee itti aaree ture; ani garuu yeroo sana Arooniifis nan kadhadhe.
The LORD was angry enough with Aaron to destroy him. I prayed for Aaron also at the same time.
21 Akkasumas ani cubbuu keessan bifa jabbii isin tolfattan sanaa fuudhee ibiddaan nan gube. Caccabsees hamma inni bullaaʼaa akka awwaaraa taʼutti bulleessee burqaa tulluu irraa gad yaaʼuttan firfirse.
I took your sin, the calf which you had made, and burnt it with fire, and crushed it, grinding it very small, until it was as fine as dust. I threw its dust into the brook that descended out of the mountain.
22 Isinis Tabeeraatti, Maasaahii fi Qiibrooti Hataawaatti Waaqayyo dheekkamsiiftan.
At Taberah, at Massah, and at Kibroth Hattaavah you provoked the LORD to wrath.
23 Waaqayyo yommuu Qaadesh Barneetii isin baasetti, “Ol baʼaatii biyya ani isiniif kenne sana dhaalaa” isiniin jedhe. Isin garuu ajaja Waaqayyo Waaqa keessaniitti finciltan. Isas hin amananne; hin ajajamneefis.
When the LORD sent you from Kadesh Barnea, saying, “Go up and possess the land which I have given you,” you rebelled against the commandment of the LORD your God, and you didn’t believe him or listen to his voice.
24 Isin erga ani isin beekee jalqabdanii Waaqayyotti finciltaniirtu.
You have been rebellious against the LORD from the day that I knew you.
25 Sababii Waaqayyo akka isin balleessu dubbatee tureef ani guyyaa afurtamaa fi halkan afurtaman sana fuula Waaqayyoo duratti lafatti nan gombifame.
So I fell down before the LORD the forty days and forty nights that I fell down, because the LORD had said he would destroy you.
26 Anis akkana jedheen Waaqayyoon kadhadhe; “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati saba kee, dhaala kee kan humna kee guddichaa fi harka kee jabaadhaan furtee biyya Gibxii baafte kana hin balleessin.
I prayed to the LORD, and said, “Lord GOD, don’t destroy your people and your inheritance that you have redeemed through your greatness, that you have brought out of Egypt with a mighty hand.
27 Garboota kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobin yaadadhu. Mata jabina saba kanaa, hammina isaatii fi cubbuu isaa hin ilaalin.
Remember your servants, Abraham, Isaac, and Jacob. Don’t look at the stubbornness of this people, nor at their wickedness, nor at their sin,
28 Yoo kanaa achii biyyi ati keessaa nu baafte sun, ‘Waaqayyo waan biyya waadaa isaaniif gale sanatti isaan galchuu hin dandeenyee fi waan isaan jibbeef gammoojjii keessatti isaan fixuuf isaan baase’ jedha.
lest the land you brought us out from say, ‘Because the LORD was not able to bring them into the land which he promised to them, and because he hated them, he has brought them out to kill them in the wilderness.’
29 Isaan garuu saba keetii fi dhaala kee kan ati humna jabaa fi irree diriirfameen baaftee fiddee dha.”
Yet they are your people and your inheritance, which you brought out by your great power and by your outstretched arm.”

< Keessa Deebii 9 >