< Keessa Deebii 8 >

1 Isin akka lubbuun jiraattan, akka baayʼattanii fi akka biyya Waaqayyo kakuudhaan abbootii keessan abdachiise sanatti galtanii dhaaltaniif ajaja ani harʼa siif kennu hunda of eeggannaadhaan duukaa buʼaa.
Ku hankali, ku bi kowane umarnin da nake ba ku a yau, saboda ku rayu, ku ƙaru, ku kuma shiga, ku mallaki ƙasar da Ubangiji ya alkawarta da rantsuwa ga kakanninku.
2 Waaqayyo Waaqni kee gad si qabee si qoruudhaan waan garaa kee keessa jiru jechuunis akka ati ajajawwan isaa eegduu fi hin eegne beekuuf karaa inni waggoota afurtamman kanneen guutuu gammoojjii keessa si qajeelche yaadadhu.
Ku tuna yadda Ubangiji Allahnku ya bishe ku a dukan hanya, a cikin hamada waɗannan shekaru arba’in, don yă ƙasƙantar da ku, yă kuma gwada ku don yă san abin da yake a zuciyarku, ko za ku kiyaye umarnansa, ko babu.
3 Innis gad si deebisee si beelessee “mannaa” ati yookaan abbootiin kee hin beekin si soore; kunis akka namni dubbii afaan Waaqayyootii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraanne si barsiisuuf.
Ya ƙasƙantar da ku, ya bar ku da yunwa, sa’an nan ya ciyar da ku da Manna, wadda ku, ko kakanninku, ba su sani ba, ta haka ne ya sa kuka sani cewa, ba da abinci kaɗai mutum zai rayu ba, amma ta wurin kowace kalmar da ta fito daga bakin Ubangiji.
4 Waggoota afurtamman kanneen keessa uffanni kee hin dhumne; miilli kees hin iitofne.
Tufafinku ba su yayyage ba, ƙafafunku kuma ba su kumbura ba a waɗannan shekaru arba’in.
5 Akka Waaqayyo Waaqni kee akkuma abbaan ilma isaa adabatu akka si adabu beeki.
Sai ku sani fa a cikin zuciyarku cewa kamar yadda mutum kan horar da ɗansa, haka Ubangiji Allahnku ke horar da ku.
6 Daandiiwwan isaa irra deemuu fi isa sodaachuudhaan ajajawwan Waaqayyo Waaqa keetii eegi.
Ku kiyaye umarnan Ubangiji Allahnku, kuna tafiya cikin hanyoyinsa, kuna kuma girmama shi.
7 Waaqayyo Waaqni kee biyya gaarii kan lageen, haroowwanii fi burqaawwan sululootaa fi gaarran keessaa yaaʼaniitti si galchaatii.
Gama Ubangiji Allahnku yana fitar da ku zuwa cikin ƙasa mai kyau, ƙasa mai rafuffuka da tafkunan ruwa, tare da maɓulɓulai masu gudu a kwari da tuddai;
8 Biyya qamadii fi garbuu, wayinii fi harbuu, roomaanii, zayitii ejersaatii fi damma baasutti,
ƙasa mai alkama da sha’ir, inabi da ɓaure, rumman, man zaitun da zuma;
9 biyya ati hirʼina malee buddeena nyaattuu fi biyya ati keessaa homaa hin dhabne, biyya kattaan sibiila taʼe, biyya ati gaarran keessaa sibiila diimaa baasuu dandeessuu dha.
ƙasa inda abinci ba zai yi ƙaranci ba, ba kuma za ku rasa kome ba; ƙasa ce inda ƙarfe ne duwatsunta, ana kuma haƙar tagulla a tuddanta.
10 Yeroo nyaattee quuftutti, sababii Waaqayyo Waaqni kee biyya gaarii akkasii siif kenneef isa jajadhu.
Sa’ad da kuka ci, kuka ƙoshi, sai ku yabi Ubangiji Allahnku saboda ƙasa mai kyau da ya ba ku.
11 Ati akka ajajawwan, qajeelfamawwanii fi seerawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu eeguu baachuudhaan Waaqayyo Waaqa kee hin daganne of eeggadhu.
Ku yi hankali cewa ba ku manta da Ubangiji Allahnku, har ku kāsa kiyaye umarnansa, dokokinsa da ƙa’idodinsa da nake ba ku a wannan rana ba.
12 Yoo kanaa achii yommuu nyaattee quuftutti, yommuu mana gaarii ijaarrattee keessa jiraattutti,
To, sa’ad da kuka ci, kuka ƙoshi, sa’ad da kuka gina gidaje masu kyau, kuka zauna,
13 yommuu loonii fi bushaayeen kee wal horanii meetii fi warqeen kee dabaluu fi yommuu wanni ati qabdu hundi baayʼatutti,
sa’ad da kuma garkunanku na shanu da na tumaki suka ƙaru, azurfanku da zinariyarku kuma suka ƙaru, sa’an nan dukan abin da kuke da shi ya haɓaka,
14 ati of tuultee Waaqayyo Waaqa kee isa biyya Gibxi, biyya garbummaatii baasee si fide sana ni dagatta.
to, sai ku lura, kada ku ɗaukaka kanku, har ku manta da Ubangiji Allahnku, wanda ya fitar da ku daga Masar, daga ƙasar bauta kuma.
15 Inni gammoojjii balʼaa fi sodaachisaa, biyya dheebuutii fi kan bishaan hin qabne, biyya bofa hadhaa qabuu fi torbaanqabaan keessa guute sana keessa si deemsise. Kattaa jabaa keessaas bishaan siif burqisiise.
Ya bishe ku cikin hamada mai fāɗi, mai bantsoro, wannan busasshiyar ƙasa wadda ba ta da ruwa, ga macizai masu dafi da kuma kunamai. Ya ba ku ruwa daga dutsen ƙanƙara.
16 Akka dhuma irratti sitti toluuf jedhee gad si qabuu fi si qoruudhaaf, waan takkumaa abbootiin kee hin beekin gammoojjii keessatti “mannaa” ati nyaattu siif kenne.
Ya ba ku Manna don ku ci a cikin hamada, wani abin da kakanninku ba su taɓa sani ba, don yă ƙasƙantar yă kuma gwada ku, saboda yă yi muku alheri daga baya.
17 Ati, “Humna kootii fi jabina harka kootu qabeenya kana naaf argamsiise jettee” yaadda taʼa.
Wataƙila ku ce wa kanku, “Ikona da ƙarfin hannuwana ne suka ba ni da wannan arziki.”
18 Garuu Waaqayyo Waaqa kee yaadadhu; kan akkuma harʼa jiru kanatti akka ati qabeenya horattuuf dandeettii siif kennee waadaa kakuudhaan abbootii keetiif gale sana siif eege isaatii.
Amma ku tuna da Ubangiji Allahnku, gama shi ne wanda yake ba ku azanci na yin arziki, ta haka kuwa ya tabbatar da alkawarinsa, wanda ya rantse wa kakanninku, kamar yadda yake a yau.
19 Yoo ati Waaqayyo Waaqa kee irraanfattee waaqota biraa duukaa buute, yoo isaan waaqeffattee fi isaaniif sagadde akka isin dhugumaan baddan ani harʼa dhugaa isinitti nan baʼa.
In kuka manta da Ubangiji Allahnku, kuka kuma bi waɗansu alloli, kuka yi musu sujada, kuka kuma rusuna musu, to, a yau ina gargaɗe ku cewa tabbatacce za a hallaka ku.
20 Akkuma Saboota Waaqayyo fuula keessan duraa balleesse sanaa Waaqayyo Waaqa keessaniif waan ajajamuu didaniif akkasuma isinis ni balleeffamtu.
Kamar al’ummai da Ubangiji ya hallakar kafin ku, haka zai hallaka ku, domin ba ku yi biyayya da muryar Ubangiji Allahnku ba.

< Keessa Deebii 8 >