< Keessa Deebii 7 >

1 Yommuu Waaqayyo Waaqni kee biyya ati dhaaluuf itti galaa jirtu kanatti si fidee saboota hedduu jechuunis Heetota, Girgaashota, Amoorota, Kanaʼaanota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jechuunis saboota isin caalaa gurguddaa fi jajjaboo torba fuula kee duraa ariʼee baasutti,
כי יביאך יהוה אלהיך אל הארץ אשר אתה בא שמה לרשתה ונשל גוים רבים מפניך החתי והגרגשי והאמרי והכנעני והפרזי והחוי והיבוסי--שבעה גוים רבים ועצומים ממך
2 yommuu Waaqayyo Waaqni kee dabarsee isaan siif kennee atis isaan moʼattutti, guutumaan guutuutti isaan barbadeessi. Isaan wajjin kakuu tokko illee hin seenin; garaas isaanii hin laafin.
ונתנם יהוה אלהיך לפניך--והכיתם החרם תחרים אתם לא תכרת להם ברית ולא תחנם
3 Isaanitti hin soddoomin; ilmaan isaaniitiif intallan kee hin kennin yookaan intallan isaanii ilmaan keetiif hin fidin;
ולא תתחתן בם בתך לא תתן לבנו ובתו לא תקח לבנך
4 sababiin isaas isaan ilmaan kee na duukaa buʼuu irraa deebisanii akka isaan waaqota biraa tajaajilan godhu; dheekkamsi Waaqayyoos sitti bobaʼee dafee si balleessa.
כי יסיר את בנך מאחרי ועבדו אלהים אחרים וחרה אף יהוה בכם והשמידך מהר
5 Wanni isin isaan gochuu qabdan kana: iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa; utubaawwan Aasheeraa isaaniis jijjigsaa; waaqota isaaniis ibiddaan gubbaa.
כי אם כה תעשו להם--מזבחתיהם תתצו ומצבתם תשברו ואשירהם תגדעון ופסיליהם תשרפון באש
6 Ati saba Waaqayyo Waaqa keetiif qulqulluu taatee dha. Waaqayyo Waaqni kee akka ati saba isaatii fi qabeenya isaa jaallatamaa taatuuf jedhee saboota lafa irra jiraatan hunda keessaa si filate.
כי עם קדוש אתה ליהוה אלהיך בך בחר יהוה אלהיך להיות לו לעם סגלה מכל העמים אשר על פני האדמה
7 Wanni Waaqayyo isin jaallatee isin filateef waan isin saboota kaan caalaa baayʼee taataniif miti; isin saboota hunda caalaa xinnoo turtan.
לא מרבכם מכל העמים חשק יהוה בכם--ויבחר בכם כי אתם המעט מכל העמים
8 Garuu wanni Waaqayyo harka jabaadhaan isin baasee biyya garbummaatii fi irree Faraʼoon mooticha Gibxi jalaa isin fureef sababii isin jaallatee kakuu abbootii keessan wajjin gale sana eegeef.
כי מאהבת יהוה אתכם ומשמרו את השבעה אשר נשבע לאבתיכם הוציא יהוה אתכם ביד חזקה ויפדך מבית עבדים מיד פרעה מלך מצרים
9 Kanaafuu akka Waaqayyo Waaqni kee Waaqa taʼe beeki; inni Waaqa amanamaa warra isa jaallatanii ajaja isaas eeganiif kakuu fi araara isaa hamma dhaloota kumaatti eeguu dha.
וידעת כי יהוה אלהיך הוא האלהים האל הנאמן--שמר הברית והחסד לאהביו ולשמרי מצותו לאלף דור
10 Warra isa jibban garuu, balleessuuf gatii isaanii mataa isaaniitti deebisa; nama isa jibbus gatii isaa mataa isaatti deebisuudhaaf lafa irra hin harkifatu.
ומשלם לשנאיו אל פניו להאבידו לא יאחר לשנאו אל פניו ישלם לו
11 Kanaafuu ati ajajawwan, qajeelchawwanii fi seerawwan ani harʼa siif kennu kanneen eegi.
ושמרת את המצוה ואת החקים ואת המשפטים אשר אנכי מצוך היום--לעשותם
12 Yoo ati seerawwan kanneeniif xiyyeeffannaa kennitee of eeggannaadhaan duukaa buute, Waaqayyo Waaqni kee akkuma abbootii keetiif kakate sana kakuu fi araara isaa siifis ni eega.
והיה עקב תשמעון את המשפטים האלה ושמרתם ועשיתם אתם--ושמר יהוה אלהיך לך את הברית ואת החסד אשר נשבע לאבתיך
13 Inni si jaallata; si eebbisa; si baayʼisas. Biyya siif kennuuf abbootii keetiif kakuu gale keessatti ija garaa keetii, oomisha lafa keetii jechuunis midhaan, wayinii haaraa fi zayitii, jabbiiwwan loon keetii, xobbaallaawwan bushaayee keetii siif eebbisa.
ואהבך וברכך והרבך וברך פרי בטנך ופרי אדמתך דגנך ותירשך ויצהרך שגר אלפיך ועשתרת צאנך על האדמה אשר נשבע לאבתיך לתת לך
14 Ati saboota kam iyyuu caalaa ni eebbifamta; dhiira yookaan dubartii kee keessaa tokko illee ijoollee hin dhabu yookaan loon kee keessaa tokko illee hin maseenu.
ברוך תהיה מכל העמים לא יהיה בך עקר ועקרה ובבהמתך
15 Waaqayyo dhukkuba hunda sirraa fuudha. Inni dhukkuboota suukaneessaa ati biyya Gibxitti argite sana warra si jibbanitti fida malee sitti hin fidu.
והסיר יהוה ממך כל חלי וכל מדוי מצרים הרעים אשר ידעת לא ישימם בך ונתנם בכל שנאיך
16 Ati saboota Waaqayyo Waaqni kee dabarsee sitti kennu hunda balleessuu qabda. Ati isaaniif garaa hin laafin; kuni kiyyoo sitti taʼaatii waaqota isaanii hin waaqeffatin.
ואכלת את כל העמים אשר יהוה אלהיך נתן לך--לא תחוס עינך עליהם ולא תעבד את אלהיהם כי מוקש הוא לך
17 Ati, “Saboonni kunneen nu caalaa jajjaboo dha; nu akkamitti isaan baafna?” jettee yaadda taʼa.
כי תאמר בלבבך רבים הגוים האלה ממני איכה אוכל להורישם
18 Garuu ati isaan hin sodaatin; waan Waaqayyo Waaqni kee Faraʼoonii fi guutummaa Gibxitti hojjete sana yaadadhu.
לא תירא מהם זכר תזכר את אשר עשה יהוה אלהיך לפרעה ולכל מצרים
19 Ati qormaatawwan gurguddaa, mallattoowwanii fi dinqiiwwan, harka jabaa fi irree diriirfame kan Waaqayyo Waaqni kee ittiin si baase sana ijuma keetiin argiteerta. Waaqayyo Waaqni kee saboota ati amma sodaattu hundas akkasuma godha.
המסת הגדלת אשר ראו עיניך והאתת והמפתים והיד החזקה והזרע הנטויה אשר הוצאך יהוה אלהיך כן יעשה יהוה אלהיך לכל העמים אשר אתה ירא מפניהם
20 Kana caalaa iyyuu Waaqayyo Waaqni kee hamma warri lubbuudhaan hafanii si duraa dhokatan iyyuu barbadaaʼanitti gidduu isaaniitti sonsa ni erga.
וגם את הצרעה ישלח יהוה אלהיך בם עד אבד הנשארים והנסתרים--מפניך
21 Sababii Waaqayyo Waaqni kee inni gidduu kee jiru sun Waaqa guddaa fi sodaachisaa taʼeef isaan hin sodaatin.
לא תערץ מפניהם כי יהוה אלהיך בקרבך אל גדול ונורא
22 Waaqayyo Waaqni kee saboota sana xinnoo xinnoodhaan fuula kee duraa ni baasa; akka bineensonni bosonaa naannoo keetti hin baayʼanneef yeruma tokkotti isaan balleesuun siif hin eeyyamamu.
ונשל יהוה אלהיך את הגוים האל מפניך--מעט מעט לא תוכל כלתם מהר פן תרבה עליך חית השדה
23 Waaqayyo Waaqni kee garuu hamma isaan badanitti isaan raatessuudhaan dabarsee harka keetti isaan kenna.
ונתנם יהוה אלהיך לפניך והמם מהומה גדלה עד השמדם
24 Mootota isaaniis dabarsee sitti kenna; atis maqaa isaanii samii jalaa ni balleessita. Hamma ati isaan balleessitutti namni fuula kee dura dhaabachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
ונתן מלכיהם בידך והאבדת את שמם מתחת השמים לא יתיצב איש בפניך עד השמדך אתם
25 Fakkii waaqota isaanii ibiddaan gubi; meetii fi warqee isaan irra jiru hin hawwin; ofii keetiifis hin fudhatin; yoo kanaa achii inni sababii fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti jibbisiisaa taʼeef kiyyoo sitti taʼa.
פסילי אלהיהם תשרפון באש לא תחמד כסף וזהב עליהם ולקחת לך--פן תוקש בו כי תועבת יהוה אלהיך הוא
26 Waan jibbisiisaa gara mana keetiitti hin galchin; yoo kanaa achii atis akkuma isaa badiisaaf addaan baafamta. Waan inni badiisaaf addaan baafameef ati guutumaan guutuutti isa jibbi; balfis.
ולא תביא תועבה אל ביתך והיית חרם כמהו שקץ תשקצנו ותעב תתעבנו כי חרם הוא

< Keessa Deebii 7 >