< Keessa Deebii 6 >

1 Ajajawwan, qajeelfamawwanii fi seerri isin yeroo biyya Yordaanos ceetanii dhaaltanitti eegdan kanneen akka ani isin barsiisuuf Waaqayyo Waaqni keessan na ajaje kanneenii dha;
וזאת המצוה החקים והמשפטים אשר צוה יהוה אלהיכם ללמד אתכם לעשות בארץ אשר אתם עברים שמה לרשתה׃
2 kunis akka bara jireenya keessanii guutuu isin, ijoolleen keessanii fi ijoolleen ijoollee keessanii qajeelfamawwanii fi ajajawwan ani isiniif kennu hunda eeguudhaan Waaqayyo Waaqa keessan sodaattanii umuriin keessan dheeratuuf.
למען תירא את יהוה אלהיך לשמר את כל חקתיו ומצותיו אשר אנכי מצוך אתה ובנך ובן בנך כל ימי חייך ולמען יארכן ימיך׃
3 Yaa Israaʼel dhagaʼi; akka biyya aannanii fi dammi keessaa burqu sana keessatti akkuma Waaqayyo Waaqni abbootii keetii si abdachiise sanatti sitti tolee guddaa baayʼattuuf ajajami.
ושמעת ישראל ושמרת לעשות אשר ייטב לך ואשר תרבון מאד כאשר דבר יהוה אלהי אבתיך לך ארץ זבת חלב ודבש׃
4 Yaa Israaʼel dhagaʼi; Waaqayyo Waaqni keenya Waaqayyo tokkicha.
שמע ישראל יהוה אלהינו יהוה אחד׃
5 Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan Waaqayyo Waaqa kee jaalladhu.
ואהבת את יהוה אלהיך בכל לבבך ובכל נפשך ובכל מאדך׃
6 Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan.
והיו הדברים האלה אשר אנכי מצוך היום על לבבך׃
7 Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.
ושננתם לבניך ודברת בם בשבתך בביתך ובלכתך בדרך ובשכבך ובקומך׃
8 Akka mallattootti harkatti hidhadhu; adda kee irrattis maxxanfadhu.
וקשרתם לאות על ידך והיו לטטפת בין עיניך׃
9 Michichilawwan balbala mana keetiitii fi karrawwan kee irrattis isaan barreessi.
וכתבתם על מזוזת ביתך ובשעריך׃
10 Yeroo Waaqayyo Waaqni kee biyya magaalaawwan gurguddaa fi babbareedoo kanneen ati hin ijaarin siif kennuuf gara biyya abbootii kee jechuunis Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakate sanatti si galchutti,
והיה כי יביאך יהוה אלהיך אל הארץ אשר נשבע לאבתיך לאברהם ליצחק וליעקב לתת לך ערים גדלת וטבת אשר לא בנית׃
11 yeroo manneen miʼa gosa hundaa kan ati hin guutatiniin guutame, boolla bishaanii kan ati hin qotin, mukkeen wayiniitii fi ejersaa kanneen ati hin dhaabin siif kennamanii atis nyaattee quuftutti,
ובתים מלאים כל טוב אשר לא מלאת וברת חצובים אשר לא חצבת כרמים וזיתים אשר לא נטעת ואכלת ושבעת׃
12 ati akka Waaqayyo biyya Gibxi, biyya garbummaatii si baase sana hin daganne of eeggadhu.
השמר לך פן תשכח את יהוה אשר הוציאך מארץ מצרים מבית עבדים׃
13 Waaqayyoon Waaqa kee sodaadhu; isuma qofa tajaajili; maqaa isaatiinis kakadhu.
את יהוה אלהיך תירא ואתו תעבד ובשמו תשבע׃
14 Waaqota biraa jechuunis waaqota saboota naannoo keetii duukaa hin buʼin;
לא תלכון אחרי אלהים אחרים מאלהי העמים אשר סביבותיכם׃
15 sababii Waaqayyo Waaqni kee inni gidduu kee jiraatu sun Waaqa hinaafu taʼeef, aariin isaa sirratti bobaʼee lafa irraa si balleessa.
כי אל קנא יהוה אלהיך בקרבך פן יחרה אף יהוה אלהיך בך והשמידך מעל פני האדמה׃
16 Akka Maasaah keessatti gootan sana Waaqayyo Waaqa keessan hin qorinaa.
לא תנסו את יהוה אלהיכם כאשר נסיתם במסה׃
17 Ajajawwan Waaqayyo Waaqa keessanii, qajeelfamawwanii fi seerawwan inni isiniif kenne akka gaariitti eegaa.
שמור תשמרון את מצות יהוה אלהיכם ועדתיו וחקיו אשר צוך׃
18 Akka sitti toluu fi akka biyya gaarii Waaqayyo abbootii keetiif kennuuf kakate sana seentee dhaaltuuf waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa fi gaarii taʼe hojjedhu.
ועשית הישר והטוב בעיני יהוה למען ייטב לך ובאת וירשת את הארץ הטבה אשר נשבע יהוה לאבתיך׃
19 Ati akkuma Waaqayyo jedhe sanatti diinota kee hunda fuula kee duraa ni baafta.
להדף את כל איביך מפניך כאשר דבר יהוה׃
20 Gara fuul-duraatti yoo ilmi kee, “Hiikkaan qajeelchawwanii, ajajawwaniitii fi seerawwan Waaqayyo Waaqni keenya isin ajaje kanaa maali?” jedhee si gaafate,
כי ישאלך בנך מחר לאמר מה העדת והחקים והמשפטים אשר צוה יהוה אלהינו אתכם׃
21 akkana jedhii itti himi; “Nu Gibxitti garboota Faraʼoon turre; Waaqayyo garuu harka jabaadhaan Gibxii baasee nu fide.
ואמרת לבנך עבדים היינו לפרעה במצרים ויוציאנו יהוה ממצרים ביד חזקה׃
22 Waaqayyo fuuluma keenya duratti biyya Gibxitti, Faraʼoonii fi namoota mana isaa keessa jiraatan hunda irratti mallattoo fi dinqiiwwan sodaachisaa fi gurguddaa hojjete.
ויתן יהוה אותת ומפתים גדלים ורעים במצרים בפרעה ובכל ביתו לעינינו׃
23 Inni garuu biyya abbootii keenyaaf kakuudhaan waadaa gale sanatti nu galchee nu dhaalchisuuf jedhee achii baasee nu fide.
ואותנו הוציא משם למען הביא אתנו לתת לנו את הארץ אשר נשבע לאבתינו׃
24 Waaqayyo akka nu akkuma amma jirru kanatti yeroo hunda nutti tolee jiraannuuf akka nu ajajawwan kanneen hunda eegnuu fi akka Waaqayyo Waaqa keenya sodaannu nu ajaje.
ויצונו יהוה לעשות את כל החקים האלה ליראה את יהוה אלהינו לטוב לנו כל הימים לחיתנו כהיום הזה׃
25 Nu yoo akkuma inni nu ajajetti seera kana hunda fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa duratti of eeggannaadhaan eegne, sun qajeelummaa keenya taʼa.”
וצדקה תהיה לנו כי נשמר לעשות את כל המצוה הזאת לפני יהוה אלהינו כאשר צונו׃

< Keessa Deebii 6 >