< Keessa Deebii 4 >
1 Yaa Israaʼel, ajajawwanii fi seerawwan ani isin barsiisu dhagaʼaa. Akka jiraattanii fi dhaqxanii biyya Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii isiniif kennu dhaaltaniifis isaan duukaa buʼaa.
“And now, O Israel, listen to the precepts and judgments which I am teaching to you, so that, by doing these, you may live, and you may enter and possess the land, which the Lord, the God of your fathers, will give to you.
2 Ajaja Waaqayyo Waaqa keessanii kan ani isiniif kennu eegaa malee waan tokko illee itti hin dabalinaa yookaan irraa hin hirʼisinaa.
You shall not add to the word which I speak to you, neither shall you take away from it. Preserve the commandments of the Lord your God which I am teaching to you.
3 Isin waan Waaqayyo Baʼaal Pheʼooritti hojjete ijuma keessaniin argitaniirtu. Waaqayyo Waaqni keessan warra isin gidduudhaa Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼan hunda balleesseera;
Your eyes have seen all that the Lord has done against Baal-peor, in what manner he has crushed all of his worshippers from among you.
4 isin warri Waaqayyo Waaqa keessan qabattan hundi garuu hamma harʼaatti lubbuudhaan jiraattan.
But you who adhere to the Lord your God are all still alive, to the present day.
5 Kunoo, akka isin biyya dhaaluuf itti galuuf jirtanitti isaan duukaa buutaniif ani akkuma Waaqayyo Waaqni koo na ajajetti ajajawwanii fi seerawwan isin barsiiseera.
You know that I have taught you precepts as well as justices, just as the Lord my God has commanded me. And so shall you do in the land that you will possess.
6 Kunis akka saboonni waaʼee ajajawwan kanaa hunda dhagaʼanii, “Dhugumaan sabni guddaan kun saba ogeessaa fi hubataa dha” jedhaniif ogummaa fi hubannaa keessan sabootatti argisiisaatii akka gaariitti isaan eegaa.
And you shall observe and fulfill these in practice. For this is your wisdom and understanding in the sight of the peoples, so that, upon hearing all these precepts, they may say: ‘Lo, a wise and understanding people, a great nation.’
7 Sabni guddaan akka yeroo nu Waaqayyo Waaqa keenya waammannutti nutti dhiʼaatu sana waaqonni isaanii itti dhiʼaatan kan biraa kami?
Neither is there any other nation so great, which has its gods so near to them, as our God is present to all our petitions.
8 Sabni guddaan ajajawwanii fi seera qajeelaa akka seera ani harʼa fuula keessan dura kaaʼu kanaa qabu biraa kami?
For what other nation is there so renowned as to have ceremonies, and just judgments, and the entire law that I will set forth today before your eyes?
9 Akka waan iji kee arge hin daganneef yookaan akka hamma ati lubbuudhaan jirtutti garaa keetii hin badneef ofuma eeggadhu; jabaadhuu of eeggadhu. Waan kanas ijoollee keetii fi ijoollee ijoollee ijoollee keetii barsiisi.
And so, guard yourself and your soul carefully. You should not forget the words that your eyes have seen, and do not let them be cut away from your heart, throughout all the days of your life. You shall teach them to your sons and to your grandsons,
10 Gaafa isin Kooreebitti fuula Waaqayyo Waaqa keessanii dura dhaabattan, yeroo inni, “Akka isaan hamma lubbuudhaan lafa irra jiraatan hundatti na sodaachuu baratanii ijoollee ijoollee isaanii illee na sodaachuu barsiisaniif dubbii koo haa dhagaʼaniitii namoota walitti qabi” naan jedhe sana yaadadhaa.
from the day on which you stood before the Lord your God at Horeb, when the Lord spoke to me, saying: ‘Gather the people to me, so that they may listen to my words, and may learn to fear me, throughout all the time that they are alive on earth, and so that they may teach their children.’
11 Isin utumaa tulluun sun bobaʼaa ibidda hamma wiirtuu samiitti ol baʼee duumessa gurraachaa fi dukkana limixiidhaan haguugamee jiruu itti dhiʼaattanii miilla tulluu sanaa jala dhadhaabattan.
And you approached the base of the mountain, which was burning even toward heaven. And there was a darkness upon it, and a cloud, and a mist.
12 Ergasiis Waaqayyo ibidda keessaa isinitti dubbate. Isinis sagalee dubbii sanaa malee bifa tokko illee hin argine; sagalee tokko qofatu ture.
And the Lord spoke to you from the midst of fire. You heard the voice of his words, but you did not see any form at all.
13 Innis kakuu isaa jechuunis Ajajawwan Kurnan akka isin isaan duukaa buutaniif isin ajaje sana isiniif labse. Ergasii immoo gabatee dhagaa lama irratti isaan barreesse.
And he revealed his covenant to you, which he instructed you to carry out, and the ten words which he wrote on two tablets of stone.
14 Waaqayyos yeroo sanatti akka ani ajajawwanii fi seerawwan biyya isin Yordaanos ceetanii dhaaltan sana keessatti duukaa buʼuu qabdan isin barsiisu na ajaje.
And he commanded me, at that time, that I should teach you the ceremonies and judgments which you must carry out, in the land that you shall possess.
15 Gaafa Waaqayyo Kooreeb irratti ibidda keessaa isinitti dubbatetti isin bifa tokko illee hin argine. Kanaafuu jabeessaa of eeggadhaa;
And so, guard your souls carefully. You saw no likeness on the day that the Lord God spoke to you on Horeb from the midst of fire.
16 kunis akka isin hin xuroofne, akka Waaqa tolfamaa bifa dhiiraatiin yookaan dubartiitiin soofame kam iyyuu ofii keessaniif hin tolfanne
Otherwise, perhaps being deceived, you might have made a graven image, or an image of male or female,
17 yookaan horii lafa irra jiraatu yookaan simbira samii keessa barrisu kam iyyuu
a likeness of any of the beasts, which are upon the earth, or of birds, which fly under heaven,
18 yookaan uumama lafa irra munyuuqu kam iyyuu yookaan qurxummii lafa jala bishaan keessa jiraatu kam iyyuu hin tolfanneef.
or of reptiles, which move across the earth, or of fish, which abide in the waters under the earth.
19 Ati yommuu samii ol ilaaltee aduu, jiʼa, urjiiwwanii fi raayyaa samii hunda argitutti gowwoomfamtee fuula waan Waaqayyo Waaqni kee saboota samiidhaa gadii hundaaf qoodee kennee duratti gad jettee hin sagadin.
Otherwise, perhaps lifting up your eyes to heaven, you might look upon the sun and the moon and all the stars of heaven, and being deceived by error, you might adore and worship these things, which the Lord your God created for the service of all the nations, which are under heaven.
20 Waaqayyo garuu akka isin akkuma amma jirtan kana dhaala isaa taataniif badaa sibiila itti baqsan jechuunis biyya Gibxiitii baasee isin fide.
But the Lord has taken you up, and led you away from the iron furnaces of Egypt, in order to have a people of inheritance, just as it is to the present day.
21 Waaqayyos sababii keessaniif natti dheekkamee akka ani laga Yordaanos ceʼee biyya gaarii kan Waaqayyo Waaqni keessan dhaala godhee isiniif kennu sana hin seenne kakate.
And the Lord became angry against me because of your words, and he swore that I would not cross over the Jordan, nor enter into the excellent land, which he will give to you.
22 Ani biyyuma kanatti nan duʼa; ani Yordaanosin hin ceʼu; isin garuu ceetanii biyya gaarii sana dhaaluuf jirtu.
Behold, I shall die on this soil. I shall not cross over the Jordan. You shall cross it, and you shall possess the singular land.
23 Akka kakuu Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin gale sana hin daganne of eeggadhaa; waaqota tolfamoo Waaqayyo Waaqni keessan isin dhowwe bifa kamiin iyyuu ofii keessaniif hin tolfatinaa.
Be careful, lest you at some time forget the covenant of the Lord your God, which he has formed with you, and lest you make for yourselves a graven likeness of those things which the Lord has prohibited to be made.
24 Waaqayyo Waaqni keessan ibidda gubee balleessuudhaatii; Waaqa hinaafudhas.
For the Lord your God is a consuming fire, a jealous God.
25 Isin erga ijoollee fi ijoollee ijoollee keessanii hortanii biyya sana keessa bara dheeraa jiraattanii booddee, yoo xurooftanii fakkii waaqota tolfamoo bifa kamii iyyuu tolchitanii fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti waan hamaa hojjettanii dheekkamsaaf isa kakaaftan,
When you will have conceived sons and grandsons while abiding in the land, and if, having been deceived, you make for yourselves any likeness, accomplishing evil in the sight of the Lord your God, so as to provoke him to wrath,
26 akka isin biyya Yordaanos ceetanii dhaaltan irraa ariitiidhaan dhabamtan ani guyyaa harʼaa samii fi lafa dhugaa baatota godhee isinitti nan waama. Iddoo sana yeroo dheeraa hin jiraattan; isin guutumaan guutuutti barbadooftu.
I call heaven and earth as witnesses this day, that you shall quickly perish from the land, which, when you have crossed over the Jordan, you will possess. You will not live in it for a long time; instead, the Lord will destroy you.
27 Waaqayyos saboota keessa isin faffacaasa; saboota warra Waaqayyo isaan gidduutti isin faffacaase keessattis muraasa taatanii haftu.
And he will scatter you among all the nations, and few of you will remain among those nations, to which the Lord will lead you.
28 Isinis achitti waaqota harka namaatiin mukaa fi dhagaa irraa hojjetaman kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan nyaachuu yookaan fuunfachuu hin dandeenye waaqeffattu.
And there, you will serve gods which were fabricated by the hands of men: gods of wood and of stone, who neither see, nor hear, nor eat, nor smell.
29 Garuu yoo achittis Waaqayyo Waaqa keessan barbaaddan ni argattu; isin yoo garaa fi yaada keessan guutuudhaan isa barbaaddan ni argattu.
And when you will seek the Lord your God in that place, you shall find him, if only you seek him with all your heart, and in all the tribulation of your soul.
30 Yommuu dhiphattee wanni kun hundi sitti dhufutti, baroota dhufuuf jiran keessa gara Waaqayyo Waaqa keetiitti ni deebita; isaafis ni ajajamta.
After all these things which have been foretold have found you, in the end time, you shall return to the Lord your God, and you will hear his voice.
31 Waaqayyo Waaqni kee Waaqa araaraa ti; inni si hin gatu yookaan si hin balleessu yookaan kakuu abbootii keetiif kakate sana hin dagatu.
For the Lord your God is a merciful God. He will not abandon you, nor will he entirely destroy you, nor will he forget the covenant, which he swore to your fathers.
32 Waaʼee baroota durii kan utuu ati hin dhalatin dura gaafa Waaqayyo lafa irratti nama uumee jalqabee ture sana iyyaafadhaa; daarii samii tokko irraa hamma daarii kaaniitti iyyaafadhaa. Wanni guddaan akkanaa takkumaa uumamee yookaan wanni akkanaa takkumaa dhagaʼamee beekaa?
Inquire concerning the days of antiquity, which were before you, from the day when God created man upon the earth, from one end of heaven to another, if anything similar has ever occurred, or whether any such thing has ever been known,
33 Sabni akka keessan sagalee Waaqaa kan ibidda keessaa dubbatu dhagaʼee lubbuudhaan jiraate kan biraa takkumaa argameeraa?
that a people would hear the voice of God, speaking from the midst of fire, just as you have heard it, and live,
34 Waaqni kam iyyuu takkumaa akka Waaqayyo Waaqni keessan utuma iji keessan arguu biyya Gibxitti isinii godhe sana saba tokko saba biraa keessaa qorumsaan, mallattoo fi dinqiidhaan, waraanaan, harka jabaa fi irree diriirfameen, yookaan hojii guddaa fi sodaachisaadhaan baasee kan ofii isaa godhachuu yaale jira?
whether God has acted so as to enter and take for himself a nation from the midst of the nations, by means of tests, signs, and wonders, by means of fighting, and a strong hand, and an outstretched arm, and terrible visions, in accord with all the things which the Lord your God has accomplished for you in Egypt, in the sight of your eyes.
35 Isinis Waaqayyo Waaqa taʼuu isaa akka beektaniif wantoonni kunneen isinitti argisiifaman; isa malees kan biraa hin jiru.
So may you know that the Lord himself is God, and there is no other beside him.
36 Inni si adabachuuf jedhee samiidhaa sagalee isaa si dhageessise. Lafa irratti ibidda isaa guddicha sitti argisiisee atis ibidda keessaa dubbii isaa dhageesse.
He has caused you to hear his voice from heaven, so that he might teach you. And he showed you his exceedingly great fire on earth, and you heard his words from the midst of the fire.
37 Inni waan abbootii kee jaallatee isaan booddees sanyiiwwan isaanii filateef ofii isaatiin humna isaa guddaadhaan biyya Gibxiitii baasee isin fide;
For he loved your fathers, and he chose their offspring after them. And he led you away from Egypt, advancing before you with his great power,
38 kanas akka harʼa taʼee jiru kana saboota si caalaa gurguddaa fi jajjaboo si duraa ariʼee biyya isaanii dhaala godhee siif kennuuf itti si fide.
so as to wipe away, upon your arrival, nations, very great and stronger than you, and so as to lead you in, and to present to you their land as a possession, just as you discern in the present day.
39 Harʼa akka Waaqayyo ol samii gubbaatti, gad lafa irrattis Waaqa taʼe beeki; garaa keettis qabadhu. Kan biraas hin jiru.
Therefore, know on this day and consider in your heart, that the Lord himself is God in heaven above, and on earth below, and there is no other.
40 Akka sii fi ijoollee kee warra siʼiin duubaatiif toluu fi akka biyya Waaqayyo Waaqni kee bara baraan siif kennutti umuriin kee dheeratuuf qajeelchawwanii fi ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu eegi.
Keep his precepts and commandments, which I am teaching to you, so that it may be well with you, and with your sons after you, and so that you may remain for a long time upon the land, which the Lord your God will give to you.”
41 Yeroo sanatti Museen magaalaawwan baʼa Yordaanos sadii addaan baafate;
Then Moses set aside three cities, across the Jordan toward the eastern region,
42 kunis lafa namni nama ajjeese yoo utuu itti hin yaadin nama ajjeese itti baqatuu dha. Innis magaalaawwan kanneen keessaa tokkotti baqatee lubbuu isaa oolfachuu dandaʼa.
so that anyone might flee to these if he has killed his neighbor unwillingly, who was not his enemy a day or two earlier, and so that he would be able to escape to one of these cities:
43 Magaalaawwan sunis kanneen turan: Bezer kan gammoojjii keessa tabba irra jirtu gosa Ruubeeniif, Raamooti kan Giliʼaaditti argamtu gosa Gaadiif, Goolaan kan Baashaanitti argamtu immoo gosa Minaaseef.
Bezer in the wilderness, which is situated in the plains of the tribe of Ruben; and Ramoth in Gilead, which is in the tribe of Gad; and Golan in Bashan, which is in the tribe of Manasseh.
44 Kun Seera Museen Israaʼeloota dura kaaʼee dha.
This is the law, which Moses set forth before the sons of Israel.
45 Qajeelchi, ajajnii fi seerri Museen yommuu isaan biyya Gibxii baʼanitti Israaʼelootaaf kenne kanaa dha;
And these are the testimonies and ceremonies as well as judgments, which he spoke to the sons of Israel, when they departed from Egypt,
46 kunis yeroo isaan Sulula Beet Pheʼoor biyya baʼa Yordaanositti argamtu keessa turanitti taʼe; biyyi kunis biyya Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon keessa jiraachaa turee Musee fi Israaʼeloonni yeroo biyya Gibxii baʼanitti isa moʼatanii ti.
across the Jordan, in the valley opposite the shrine of Peor, in the land of Sihon, the king of the Amorites, who lived at Heshbon, whom Moses struck down. Accordingly, the sons of Israel, having departed from Egypt,
47 Isaanis biyya isaatii fi biyya Oogi mooticha Baashaan jechuunis biyyoota mootota Amoorii lamaan baʼa Yordaanositti argaman dhaala godhanii fudhatan.
possessed his land, and the land of Og, the king of Bashan, the land of the two kings of the Amorites, who were beyond the Jordan, toward the rising of the sun:
48 Biyyi kunis Aroʼeer kan daarii Sulula Arnoonii jalqabee hamma Gaara Sihoonitti jechuunis hamma Hermooniitti balʼata;
from Aroer, which is situated above the bank of the torrent Arnon, as far as Mount Zion, which is also called Hermon,
49 innis Arabbaa baʼa Yordaanosii hamma galaana Arabbaatti jiru kan tabba Phisgaatii gaditti argamu hunda dabalata.
the entire plain across the Jordan, from its eastern region, as far as the sea of the wilderness, and even to the base of Mount Pisgah.