< Keessa Deebii 34 >

1 Museenis dirree Moʼaabii kaʼee fuullee fiixee Phisgaa kan Yerikootti argamutti, gaara Nebootti ol baʼe. Achittis Waaqayyo guutummaa biyyattii isatti argisiise; kunis Giliʼaadii hamma Daanitti,
Kisha Mose akaupanda mlima Nebo kutoka tambarare za Moabu mpaka kilele cha Pisga, ngʼambo ya Yeriko. Huko Bwana akamwonyesha nchi yote: kutoka Gileadi mpaka Dani,
2 guutummaa Niftaalem, biyya Efreemiitii fi Minaasee, guutummaa biyya Yihuudaa kan hamma galaana lixaatti balʼatee jiru,
Naftali yote, nchi ya Efraimu na Manase, nchi yote ya Yuda mpaka bahari ya magharibi,
3 Negeebii fi Magaalaa Meexxii kan sulula Yerikootii jalqabee hamma Zoʼaariitti argamuu dha.
Negebu na nchi yote kuanzia Bonde la Yeriko, Mji wa Mitende, hadi Soari.
4 Ergasii Waaqayyo, “Kun biyya ani yeroo, ‘Sanyii keetiif nan kenna’ jedhetti kakuudhaan Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif waadaa galee dha. Ani akka ati ija keetiin argitu godheera; ati garuu achi hin ceetu” jedheen.
Kisha Bwana akamwambia, “Hii ndiyo nchi niliyomwahidi Abrahamu na Isaki na Yakobo kwa kiapo niliposema, ‘Nitawapa wazao wako.’ Nimekuruhusu uione kwa macho yako, lakini hutavuka kuingia.”
5 Museen garbichi Waaqayyoos akkuma Waaqayyo isaan jedhetti achuma Moʼaab keessatti duʼe.
Naye Mose mtumishi wa Bwana akafa huko Moabu, kama Bwana alivyokuwa amesema.
6 Innis biyya Moʼaabitti sulula fuullee Beet Pheʼooritti argamu keessatti isa awwaale; garuu hamma harʼaatti awwaalli isaa eessa akka jiru namni tokko iyyuu hin beeku.
Mungu akamzika huko Moabu, katika bonde mkabala na Beth-Peori, lakini hakuna ajuaye kaburi lake lilipo mpaka leo.
7 Museen yeroo duʼetti nama waggaa dhibba tokkoo fi digdama ture; taʼus iji isaa hin dadhabne; humni isaas hin laafne.
Mose alikuwa na umri wa miaka mia moja na ishirini alipofariki; hata hivyo nguvu ya macho yake haikufifia wala mwili wake haukudhoofika.
8 Israaʼeloonni hamma yeroon gaddaa raawwatutti dirree Moʼaab irratti bultii soddoma Museedhaaf booʼan.
Waisraeli wakaomboleza kwa ajili ya Mose kwenye tambarare za Moabu kwa siku thelathini, mpaka wakati wa kulia na kuomboleza ulipopita.
9 Waan Museen harka isaa isa irra kaaʼee tureef Iyyaasuun ilmi Nuuni hafuura ogummaatiin guutame. Kanaafuu Israaʼeloonni isa dhagaʼanii waan Waaqayyo Musee ajaje godhan.
Basi Yoshua mwana wa Nuni alijazwa roho ya hekima kwa sababu Mose alikuwa ameweka mikono yake juu yake. Kwa hiyo Waisraeli wakamsikiliza na wakafanya yale ambayo Bwana alikuwa amemwagiza Mose.
10 Ergasii raajiin akka Musee kan ifaan ifatti Waaqayyoon beeku tokko iyyuu Israaʼel keessatti hin kaane;
Tangu wakati huo, katika Israeli hajainuka nabii mwingine kama Mose, ambaye Bwana alimjua uso kwa uso,
11 kan Waaqayyo akka inni Faraʼoon irratti, qondaaltota isaatii fi guutuu biyya isaa irratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan sana hojjetuuf Gibxitti ergee waan sana hojjete tokko iyyuu hin jiru.
aliyetenda ishara zote zile za miujiza na maajabu ambayo Bwana alimtuma kuyatenda huko Misri, yaani kwa Farao na maafisa wake wote na nchi yake yote.
12 Namni tokko iyyuu takkumaa humna guddaa yookaan hojii akka malee sodaachisaa Museen fuula Israaʼeloota hundaa duratti argisiise sana hin argisiifneetii.
Kwa kuwa hakuna mtu yeyote aliyewahi kuonyesha nguvu nyingi ama kutenda matendo ya kutisha ambayo Mose aliwahi kuyafanya mbele ya Israeli yote.

< Keessa Deebii 34 >