< Keessa Deebii 34 >

1 Museenis dirree Moʼaabii kaʼee fuullee fiixee Phisgaa kan Yerikootti argamutti, gaara Nebootti ol baʼe. Achittis Waaqayyo guutummaa biyyattii isatti argisiise; kunis Giliʼaadii hamma Daanitti,
Moses went up from the plains of Moab to Mount Nebo, to the top of Pisgah, that is opposite Jericho. The LORD showed him all the land of Gilead to Dan,
2 guutummaa Niftaalem, biyya Efreemiitii fi Minaasee, guutummaa biyya Yihuudaa kan hamma galaana lixaatti balʼatee jiru,
and all Naphtali, and the land of Ephraim and Manasseh, and all the land of Judah, to the Western Sea,
3 Negeebii fi Magaalaa Meexxii kan sulula Yerikootii jalqabee hamma Zoʼaariitti argamuu dha.
and the south, and the Plain of the valley of Jericho the city of palm trees, to Zoar.
4 Ergasii Waaqayyo, “Kun biyya ani yeroo, ‘Sanyii keetiif nan kenna’ jedhetti kakuudhaan Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif waadaa galee dha. Ani akka ati ija keetiin argitu godheera; ati garuu achi hin ceetu” jedheen.
The LORD said to him, “This is the land which I swore to Abraham, to Isaac, and to Jacob, saying, ‘I will give it to your offspring.’ I have caused you to see it with your eyes, but you shall not go over there.”
5 Museen garbichi Waaqayyoos akkuma Waaqayyo isaan jedhetti achuma Moʼaab keessatti duʼe.
So Moses the servant of the LORD died there in the land of Moab, according to the LORD’s word.
6 Innis biyya Moʼaabitti sulula fuullee Beet Pheʼooritti argamu keessatti isa awwaale; garuu hamma harʼaatti awwaalli isaa eessa akka jiru namni tokko iyyuu hin beeku.
He buried him in the valley in the land of Moab opposite Beth Peor, but no man knows where his tomb is to this day.
7 Museen yeroo duʼetti nama waggaa dhibba tokkoo fi digdama ture; taʼus iji isaa hin dadhabne; humni isaas hin laafne.
Moses was one hundred and twenty years old when he died. His eye was not dim, nor his strength gone.
8 Israaʼeloonni hamma yeroon gaddaa raawwatutti dirree Moʼaab irratti bultii soddoma Museedhaaf booʼan.
The children of Israel wept for Moses in the plains of Moab thirty days, until the days of weeping in the mourning for Moses were ended.
9 Waan Museen harka isaa isa irra kaaʼee tureef Iyyaasuun ilmi Nuuni hafuura ogummaatiin guutame. Kanaafuu Israaʼeloonni isa dhagaʼanii waan Waaqayyo Musee ajaje godhan.
Joshua the son of Nun was full of the spirit of wisdom, for Moses had laid his hands on him. The children of Israel listened to him, and did as the LORD commanded Moses.
10 Ergasii raajiin akka Musee kan ifaan ifatti Waaqayyoon beeku tokko iyyuu Israaʼel keessatti hin kaane;
Since then, there has not arisen a prophet in Israel like Moses, whom the LORD knew face to face,
11 kan Waaqayyo akka inni Faraʼoon irratti, qondaaltota isaatii fi guutuu biyya isaa irratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan sana hojjetuuf Gibxitti ergee waan sana hojjete tokko iyyuu hin jiru.
in all the signs and the wonders which the LORD sent him to do in the land of Egypt, to Pharaoh, and to all his servants, and to all his land,
12 Namni tokko iyyuu takkumaa humna guddaa yookaan hojii akka malee sodaachisaa Museen fuula Israaʼeloota hundaa duratti argisiise sana hin argisiifneetii.
and in all the mighty hand, and in all the awesome deeds, which Moses did in the sight of all Israel.

< Keessa Deebii 34 >